Warri Biriitish duriirraa 'quunnamtii saalaatiin' dadhabaa dhufuu himame

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon biyyaaleessaa olaanaan tokko akka ifa taasiseetti, ummanni Biriitish waggoota muraasaan as quunnamtii saalaa xiqqoo raawwatu.
Bu'aan qorannichaa barruu Wallaansaa Biritishiin maxxanfame akka mul'iseetti, dhiiraa fi dubartoonni harki sadii arfaffaan ji'a darban keessa quunnamtii saalaa hin raawwanne.
Akka daataa namoota 34,000 irraa walitti qabameetti, kun kan bara 2001 irraa nuusaan kan ol ka'eedha.
Akka deebiin kenname mul'iseettis dubartoonnii fi dhiironni umurii waggaa 16 fi 44 jidduutti argaman keessaa walakkaan gadii kan ta'an yoo xiqqaate torbaniitti al tokko quunnamtii saalaa taasisu.
Kanneen 25 caalanii fi haatii warraa fi abbaan warraa ykn kan waliin jiraatan, waggoota 21 darban keessaa sochiin quunnamtii saalaa isaanii haalaan gadi bu'eera.
Dadhabbii quunnamtii saalaa
Daataan qorattoonni kunneen irratti hundaa'aniis Qorannoowwan Biyyaaleessaa Biritish Ilaalcha Quunnamtii saalaa fi Haala Jireenyaa irratti bara 1991, 2001 fi 2012 gaggeefameen.
Qorannoowwan kunneenis amala quunnamtii saalaa Biritishootaa ilaalchisee waan ibsu qaba.
Akka qorannoon dhiheenya kana gaggeefame tokko mul'iseetti:
- Namoonni umuriinsaanii waggaa 16 fi 44 jidduutti argaman keessaa kanneen walkkaan gadii (41%) ta'an baatii darbee keessa yoo xinnaate torbaniitti al tokkicha quunnamtii saalaa raawwatan.
- Hammeentaan quunnamtii saalaa hin raawwannee jedhuus bara 2001 fi 2012tti dubartootaan %23 irraa gara %29.3 tti dhiirootaan ammoo %26 irraa gara %29.2tti ol guddateera.
- Hammeentaan gabaasa bara 2001 fi 2012 jidduutti, quunnamtii saalaa yeroo 10 ykn isaan ol baatii darbe keessa dubartootaan %20.6 irraa %13.2tti gadii bu'eera. Akkasumas dhiirootaan %20.2 irraa gara %14.4 tti gadi bu'eera.
- Akkasumas namoonni umuriisaanii waggaa 35 hanga 44 ta'anii jiddu galaan baayyinni quunnamtii saalaa raawwatanii baatii darbee keessa dubartootaan afur irraa gara lamaatti, dhiirootaan afur irraa gara sadiitti gadi bu'eera.
Sababiin xiqqaachuu kun maaliif laata?
Qorattoonni Mana Barnootaa Qulqullinaa fi Wallaansa Tropical London akka jedhaniitti, hir'inni hammeentaa quunnamtii saalaa kunis kan ta'e namoota duraan si'omoo turan irratti malee kanneen qulqullina (durbummaa) isaanii eeggachuu barbaadan akka hin taane mul'isa.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni umuriinsaanii waggaa 25 gadii fi kanneen gaa'ila hindhaabbatiin yeroo baayyee quunnamtii saalaatiin baayye si'omo ta'u yoo baatan illeen, gadi bu'iinsi baayyina quunnamtii saalaa amma mul'atees kanneen gaa'ilaan turanii ykn kan waliin yeroo dheeraaf jiraatan jidduutti.
Kanaafuu namoonni quunnamtii saalaa hin barbaadan jechuudhaa? Lakkii miti.
Qorannoo dhiheenya kana gaggeeffameen, walakkaan dubartootaa fi lama-sadaffaan dhiirootaa quunnamtii saalaa caalaa raawwachu barbaadu.
Baayyee ko'ommchuu, dadhabuu ykn dhiphachuudhaa?
Qorataa olaanoo kan ta'an Professar Kaayee Wellingis akka jedhaniitti, namoonni baayyeen quunnamtii saalaa gadaanaa akka raawwataniif madi "sheer pace of modern life" ta'u mala jedhu.
"Wanti baayyee nama dhibu kan haala kanaan hubaman ammoo irra caalaan dhaloota jiddugaleessa ('sandwich') ta'usaaniti. Isaanis dhiiraa fi dubartoota yeroo baayyee hojiin dadhaban, ijoollee kunuunsan fi kanneen warra dhadhaboo ta'an kunnunsuuf itti gaafatamoo ta'aniidha."
Tarii dhiibbaan hawaasummaa hir'achuu danda'a, garuu gabaasa sochii quunnamtii saalaa kanaaf walqixxummaan saalaa jechuunis, dubartoonni fedhii quunnamtii saalaa hiriyaa ykn abbaa warraa isaanii guutuuf waan baayyee hin barbaannee ta'u mala jechuun qorattoonni ni himu.
Hir'achuun fedhii kunis fayyadama midiyaalee hawaasaa fi kufaatii dinagdee addunyaa dhimmoota sababa ta'an keessaa jedhameera.
Haa ta'u malee quunnamtii saalaa xiqqaa raawwachuun yeroo hunda waan badaa miti, jedhu Pirofessar Welingis. Bu'aan qorannichaas namoota baayyeef waan gaarii ta'us ni himti.
"Nagaa ta'uuf ammoo wanti barbaachisaan baayyina quunnamtii saalaa namoonni raawwatan osoo hintaane, hangam akka isaaniif barbaachisuudha.
"Namoonni kaanis warri kaan isaan caalaa quunnamtii saalaa akka raawwatan amanu.
"Namoonni baayyeen akka sarara jireenyaatii ala hinta'iin mirkanneeffachu kan barbaadan fakkaatu."
Gorsaa fi oggeessi Quunnamtii saalaa Pitar Saadingitan akka jedhaniitti: ''Wanti barbaachisaan qulqullina malee baayyina isaa miti.
Wayita quunnamtiin saalaa raawwatamuutti kan itti gammaddu yoo ta'e, deebiitee ni raawwatta.
Garuu quunnamtii saalaatiif yeroo qabaachu qabda. Yeroo hunda osoo itti hinyaadamiin kan raawwatamu ta'u hinqabaatu. Guyyaa isaa yaadannoo irratti qabachuun fayyadu danda'a.''














