Miidhaa Dubartoota: Yakka sukanneessaa dubartoota Afgaanistaan 'waraana ololaaf' oolfamu

Katiiraa turtii BBC waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Katiiraan hojii ishee kanguyyaa xumurtee osoo galaa jirtuu haleelamte

Biyya Afgaanistaanitti dubartiin poolisii taatee hojjattu Katiraan hojiin ishee balaa akka qabu ni beekti ture.

Biyya dhalootashii Afgaanistaan eeguuf aarsaan baste ykn gatii isheen kaffalte guddaadha.

Ta’iin gatii ishee kaffalchise kunis tasa otoo quba hin qabatiin kan uumame ture.

Dabaree hojii ishee xumurtee gara mana ishee deemaa turte, wiirtuu magaalaa Gaznii jedhamtuutti haleellaan tasaa irra qaqqabe.

Dhiirotni lama doqdoqqeen, tokko immoo lafoo hordofanii ishee bira qaqqaban.

"Inni lafoo deemu 'itti dhukaasi dhahi' jedhee iyye" jetti Katiraan BBCtti wayita waan ta’e himtu. ‘’Isaan hin beeku, manuma koo biratti na haleelaan’’ jetti.

Poolisittiin of wallaaltee fuula isheetiin lafarratti kufte. Hospitaalatti gaafa of bartu ija ishee waraanamtee mada’ee otoo ishee dhukkubuu ture.

‘’Miira dhukkubbiitu natti dhaga’ama ture, ijjjikoo hin arguu. Doktoroonni ijji koo mada’uu fi ija banachuu akkan hin dandeenye natti himan" jette.

Ji’a tokko booda deebitee akka ijashii sakatta’amtu itti himan. Beellama eegdee yeroo isheen deebitee dhaqxu garuu qaroo ijashii akka dhabde, arguus akka hin dandeenye barte.

‘Duula hololaa’

Yakkii sukaneessaan kun ji’a afur dura raawwatame garuu reefu xiyyeeffannoo mootummaa argate.

Ministirri dhimma biyya keessaa Afgaanistaan Masood Andarabi Katiraa bira dhaqanii akka mana argattuu fi kunuunsas argattu itti hime.

Sana booda yakka kana hidhattoota Taalibaanitu raawwate jedhee toora Tiwitaraa irrattis barreesse.

‘’Taalibaan humnaan biyya keenya jigsuu hin danda’u’’ jedhee barreesse.

Poolisoota dubartoota

Madda suuraa, Afghan Ministry of Interior

Ibsa waa'ee suuraa, Katiiraan reefu qacaramtee baatilee muraasa jidduutti haleelamte

Gartuun mootummaa biyyatti mormuun beekamu Taalibaan garuu, haleellaa kana nuti hin qaqqabsiifne jedhee waakkateera.

Biyyatti keessatti garuu barsiifata durii hordofuu fi ammayyummaa hordofuu giddutti waldhabbiin uumamaa jiru siyaasaan ol ta’eera jette gulaaltuun BBC tajaajila Afgaan Miina Batkaash.

"Mootummaan Afgaanistaan Taalibaan himata, Taalibaanimmoo hin raawwanne jedheetu haala. Yeroo muraasa booda waa’ee namoota mada’aanii namuu dhimma itti hin qabani, waa’ee hiyyummaa, duubatti hafuu hawaasa Afgaan, barsiifata fi mirga dubartootaa homtu quba hin qabu.’’

‘’Seenaan akka Katiraa duula hololaa mootummaa fi Taalibaanota gidduutti gaggeeffamuuf oola’’ jette Baktaash.

Yeroo haleellaan irra qaqqabu mataa oduu hin taane erga BBC’n ishee dubbisee, ministirri dhimmaa biyyaa keessaa Afgaanistaan dhimma ishee irratti yaada akka kennuuf gaafatamee booda ture xiyyeeffannoo argatte.

Seenaan ijooollee biyyatti ol-adeemaa jiranii hedduun garuu xiyyeeffannoo hin argatu jette.

Bakka dubartoonni jiraachuuf rakkatan

Oksfaam akka ibsetti, Afgaanistaan biyyoota jireenya dubartootaaf rakkistuudha jedhaman keessa jalqabarra jirti.

Poolisoonni dubartoota hojiisaanii sirnaan hojjatan akka saalfatan taasifamu, sirumayyuu hojiisaanii sirnaan waan hojjataniif qofa ajjeefamu jedha dhaabbanni gargaarsaa kun.

Haleellaan akkanatti dubartootarratti qiyyaafatu bulchiinsota Gaznii , Kunduz fi Kaabul keessatti ittuu hammaacha jira.

Gultaatuun BBC tajaajila Afgaan yakkoota akkasiif xiyyeeffannoon hin kennamu yoo miidiyaaleen gabaasan malee jette.

"Mootummaan hidhattoota Taalibaan balaaleffata, isaan garuu ni waakkatu, namoota miidhaman kanas haleellaarra hin tiksani’’ jechuun dubbatte Bakaash.

Female officers in Afghanistan
Ibsa waa'ee suuraa, Oxfam says women face extra risks as members of security forces in Afghanistan as they are stigmatised in the job

Abbaan Katiraa intalasaarra haleellan akka qaqqabu ajajeera jedhamuun mana hidhaa buufame.

Intalli isaanii akka himtetti, akkan hojii dhiisu waan barbaaduuf waldhabneerra jetteetti.

Obboo Andarabiin abba ishii miseensa Taalibanii jedhee himata. Poolisiin Gaznii garuu nama nagaa hidhattoota kana wajjiin hariiroo hin qabne ta’uu hima.

Katiraan wal’aansaaf gara magaalaa guddoo biyyatti Kaabul erga turte booda gara Gazniitti deebite.

Katiraan miidhamteetti ammas garuu hojii ishee itti fufuu akka barbaaddu himti.

Qondaaltonni biyyattii garuu hojiitti ishee deebisurraa dubbatti harkifachaa jiru.

‘’Qaroo dhabeetti dha, kana caala hojjachuu hin dandeessu, kana booda soorama bahuu qabda naan jedhu, ani garuu soorama bahuu hin barbaadu’’ jette.

Katiraan hojii isheetti deebi’uuf kutannoo qabdi, yoo wal’aanamtee bayyanatte.

‘’Hawwii koo guddaan hojii kootti deebi’uudha’’ jette Katiraan. ‘’Waa gumaachu koo mirkaneeffachuun yaada , biyya koo tajaajiluuf’’ jettee dubbatte.