Afgaanistaan: Taaliibaan waajjira ol aanaa poolisii Afgaanistaan gara Kaabaa jiru haleele

Aara yeroo haleellichi raawwatu waajjiricha irraan mul'atu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellichi dhohinsa boombiidhaan raawwate

Haleellaa gareen hidhattota Taaliibaan waajjira ol aanaa poolisii Afgaanistaan gara Kaabaa irratti raawwataniin yoo xiqqaate namootni 13 ajjeefaman.

Haleellaa boombii badanii balleessuu kana namni raawwataa ture konkolaataa meeshaalee dhohan baattu magaalaa Pul-e-Khumri jedhamtu keessa oofuun ofii hidhatee haleellicha raawwachuu jalqabe.

Kana gidduutti humna nageenyaa fi namicha hidhate gidduutti dhukaasni baname.

Haleellaan kun erga gareen Taliibaan waamicha waraana dhaabuu mootummaa biyyattii fi Ameerikaan dhaan dhiyaateeef hin fudhadhu jedheeti kan raawwate.

Ministirri haajaa biyya keessaa Nasrat Rahimi loltootni Taaliibaan saddet ajjeefamuu ibseera.

Namootni 50 ol yoo madaa'an isaan keessaa 20 kan tahan lammiilee siiviliidha.

Qondaalli fayyaa Afgaanistaan akka ibsetti daa'imman namoota ajjeefaman keessaatti argamu.

Gareen Taaliiban bulchiinsa Islaamaa cimaa biyyichatti ijaaruu barbaadu haleellicha dudduuba akka jiru ibseera.

Gareen kun yeroo hedduu humna nageenyaa Afgaanistaan irratti haleellaa kan raawwatu yoo tahu waraana dhaabuufis waliigaluu hin dandeenye.

Erga bara 2001 aangoo irraa kaafamee amma isa yeroo kamii iyyuu caalaa daangaa bal'aa qabatee jira.

Qondaaltotni akka jedhanitti erga dhohinsi boombii naannoo karra waajjira poolisii olaanaa Afgaanitti raawwatee hidhattootni Taaliibaan gara waajjirichaatti galuun humnoota nageenyaa irratti dhukaasa banan.

Hidhattootni kunneen konkolaataa waraanaa irratti boombii hidhuun haleellicha raawwatan.

Gareen hidhattotaa kunneen ergamaa addaa Ameerikaa waliin waraana dhaabuuf marii nageenyaa Qataritti gaggeessanii ture.

Haa tahu malee garen torban darbe waliigaltee pirezidaantiin Afganistaan Ashraf Ghani fi ergamaan addaa Ameerikaa Zalmay Khalilzad dhiyeessan diiguun haleellaatti deebi'an.