Ameerikaan haadha alangee ol-aantuu ICC viizaa dhowwatte

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan haadha alangee ol-aantuu Mana Murtii Yakka idil-addunyaa (ICC), Fatou Bensouda viizaa dhowwatte.
Murteen kun kan fudhatameefis deebii Ameerikaan haala qorannoo Addee Bensouda waraanaa Ameeikaafi Afgaanistaan jidduu jiru irratti akka ta'e amanama.
Wajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa akka Ameerikaan hojjatoota ICC dhimma kanarratti hirmaataniif viizaa akka dhorkachuu dandeessu himaniiru.
Wajjirri Addee Bensoud akka jedhetti hojii ishee sodaafi loogii tokko malee itti fufti.
Itti-gafatamaan Dhimma Alaa Ameerikaa Mayiik Pompiyoo: " Yoo ati qorannoo bulchiinsa hojjatoota US kan dhimma Afganistaan waliin wal qabatu irratti itti gafatamtuu taate, ammas akka viizaa qabdu yookiin argattutti yaadu hin qabdu, yookiin immoo hayyama Ameerikaa seenuu akka qabdu yaaduun sirraa hin eegamu."
Dabalataniis "Yoo ICC'n dhimma kanarratti itti gafatamummaa hin fudhatu ta'e, nuti murtoo garagaraa kan akka qoqobbii diinagdee dabarsuuf qophiidha," jedhaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaan yeroo hundeffama ICC irra kaasee qeeqa kan irra qabdu yoo ta'u, biyyoota miseensa mana murtii kana hin taane keessaa ishee tokkodha.
ICC'n maal?
Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa dhimma balleessaa sanyii, yakka mirga namoomaa irratti raawwatameefi yakka waraanaa irratti yeroo aanga'oon mootummoota tarkaanfii hin fudhatiin yookiin seeraaf dhiheessuu hin dandeenye kan qorannoo gagessee mana murtiitti dhiyeessudha.
ICC walii galtee Mootummoota Gamtoomaniin yookiin UN'n bara 2002 kan hundeeffame yoo ta'u, UK dabaltee biyyoota 123 kan raggaasifameedha.
Ta'uus garuu biyyoonni akka Chaayinaa, Indiyaafi Rashiyaa haanga ammaatti dhabbata kanaatti hin makamne.












