Hogganaan Aayvoori Koost duraa Mana murtii yakka idil-addunyaatti bilisa ta'e

Madda suuraa, AFP
Manni Murtii yakka idil-addunyaa (ICC) Haguetti Piresdaantii Aayvoori Koost duraa Loorent Gbagbo walaba baaseera.
Filannoo bara 2010tti jeequmsa ka'ee du'a namoota 3,000 fi qe'eerra buqqa'uu namoota 500,000'f sababa ta'een walqabatee yakka mirga namoomaa sarbu raawwachuun himatame.
Obbo Gbagbo bara 2011tti mana jireenyaa pireesdaantummatti humnoota UNfi Firaansiin to'annoo jala oolaniru.
ICC'tti dhiyaachuun hogganaa biyyaa duraa isa jalqabaadha.
Jeequmsa Aayvoori Koost kan jalqabe, Gbagbo filannoo morkataasaa Ouattaraa waliin 2010tti deemsifamaa ture injifatamuu isaa fudhachuu erga didee booda.
Jeequmsifi hokkorri ji'a shaniif itti fufe kun, biyyittii keessaatti walitti bu'iinsa isaa hamaa jedhamuun beekama.
Abbootiin alangaa akka jedhanitti, Gbango aangoorra turuuf "waan hunda yaalee", yakkaa mirga namooma sarbuu afur, ajjeechaa, gudeeddifi haleellaa saalaa biroo, aari'annaafi "gochaa sukkanneesaa biroon" rawwateera jechuun himannaan itti dhiyaateera.
Gbango himannaan kun siyaasaan kan deeggarameedha jechuun himannaa kana haalera.

Madda suuraa, AFP
Abbootiin murtii ICC Kibxata darbe, himannaa irratti dhiyaatee abbootiin alangaa mirkanneessu waan hin dandeenyeef himanichaa dhaabaniiru. Hatattamaanis akka gadhiifamuuf murteessaniiru.
Deeggaraansaa kan Paaris irra ka'uun gara mana murtii kan deeme Gragbayou Yves, "Baayyee baayyeen gammade. Dhumaratti kunoo haqi jira," jechuun AFP'tti himeera.
Midhaamtoonni jeequmsichaa garuu gadhiisamuu isaa mormaniiru.
"Yoo Loorent Gbagbo gadhiisame, nuti miidhamtoonni haqa hin argannu," jechuun karim Coulibaly, kana yeroo jeequmsa rasaasaan rukatamee harkisaa irra cite AFPtti himeera.













