Waraana Afgaanistaan : haleellaa qilleensaa US taasifteen namooti 23 ajjeefaman jedhe Mootummoti Gamtoomanii

Madda suuraa, EPA
Haleellaa qilleensarraa Kibxata darbe US Afgaanistaan irratti taasisteen namooti nagaa 23 ajjeefaman. Baayyeen isaanii dubartootaafi ijoollee dha jedhameera.
Haleellaan naannoo Helmaadiitti taasifame humnoota Afgaanistaaniifi Ameerkaatiin adeemsifame.
Daa'imman 10fi dubartooti 8 hin ajjeefamiin hin oolan qorannoo dabalataas adeemsisaa jirra jedhan humnooti Ameerikaa.
Ameerikaan erga Afgaan irratti imaammata haaraa beeksisteen booda namooti nagaa du'uu jalqaban.
Tiraamp waraana Ameerikaa yeroo dheeraa jedhamu kanatti Hagayya 2017 irraa qabee loltuu dabalataa bobbaasaafi haleellaa Taalibaaniifi Isalaamiik Istaeet irratti xiyyefate adeemsisaa jiru.
Nato US n hogganamu, Afgaanistaan gargaarsa Ameerikaatiin otoo Talibaaniin loltu namoonni kunnen du'anii jedheera.
Naton Taalibaan gamoo rukutamaa ture irraa lolaa ture jedheera. Hidhattoota kunneenis namoota nagaa akka dahoo fayyadamuu isaanii qeeqeera.
Namoonni naannoo maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan Taalibaaan naannoo mana isaaniitii lolaa akka ture BBCtti himaniiru.
Mucaan xiqqoo waggaa 6 tahu ajjeefamuu himanii, mirkaneessuun garuu hin danda'amne.
Ergamni Mootummota Gamtoomanii Afgaanistaan keessa jiru du'afi madaa'uu namoota nagaa 649 galmeessuu hima.
Kunis haleellaa qilleensaa ji'a sagaliin godhame yoo tahu bara 2009tti galmeesuu erga jalqabee, kuni isa guddaa dha jedhameera.
Baatii Eblaatti humni qilleensaa Afgaanistaan Ameerikaatiin deeggarame Kaaba-baha Kunduz sirna eebbaa barattootaa irratti daa'imman 30 ajjeeseera.
Humni Qilleensaa Ameerikaa meeshaa waraanaa 6000 tahu baatii 10 darbe keessatti qofa kenneera kunis kan baroota darban lamaan hanga harka lamaa ni caala.
Haatahu malee ammas du'aatii namoota nagaaf kan sababa tahaa jiran humnoota farra mootummaa kanneen akka Taalibaaniifi Isalaamiik Isteeti dha.
Erga qondaaltoonni Ameerikaa waraana waggaa 17 dhaabuuf marii nagaa goona jedhanii booda Taalibaan Afgaanistaan keessatti lafa qabbachaa jira.
Hidhattoonni kunneen kora idila addunyaa jalqaba ji'a kanaattii Moskootti hirmaataniiru. Quwaataarittis bakka bu'aan isaanii walgahii hirmaatee ture.














