Hongeen Afgaan 'waldhabdee Taalibaan caalaa namoota qe'eerraa buqqisaa jira'

Obbo Shaadi Mohaammad, namoota kaampii keessatti buufatan
Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoonni Gamtoomani lammiileen 260,000 tilmaaman sababa hongeen qe'e irraa buqqa'aniiru jedha

Bara kana hongeen Afgaanistaan waldhabdee mootummaa fi Taalibaan caalaa ummata dararaa jira.

Gaazexessituun BBC Sekaandar Kermaani Heraatirraa akka gabaastetti ummanni rakkoo guddaa keessa jira.

Jaarsi umurii 70 Shaadi Mohaammad buufata yeroof dahoo godhatanitti maatii isaanii waliin waan keessa jiran yeroo dubbatan imimmaantu isaan dursa.

"Dheebuu fi beela qabna. Waan dandeenyu fudhannee manaa baanus, asin gahuu hin dandeenye. Amma homaa hin qabnu. Saddeet taane godoo kana keessa jiraanna,'' jedhan.

Akka isaan jedhanitti hongeen haadha warraa isaanii fi obboleessa isaanii galaafateera.

Obbo Mohaammad lammiilee 260,000 Kaabaafi Lixa Afgaanistaan irraa sababa hongee mudateen qe'eerraa baqatan keessaati.

Waldhabdee biyyattii keessa jiru irratti hongeen dabalamuun isaa biyyattiif cittoo irratti fanxoo ta'eera.

Aadde Faryabis balaa honge kanaan guddaa akka rakkatan himu. ''Waggaa tokkof roobni lafa bu'e tokko hinjiru. Hunduu gogeera,'' jedhan.

Bulchiinsa Heraat Aanaa Injiilitti daa'imman maatii waliin hongee baqatan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Afgaan hedduun hoggantoonni siyaasaa isaanii dhimma ummataa akka dagatan amanu

Yeroo ammaa Taalibaan erga weerarri Yunaayitid Isteet aangoorraa isa buusee as lafa bal'aa qabataniiru.

Sagantaa Nyaataa Biyyoota Gamtoomani irraa Qaadir Aseemi BBC'tti akka himetti gargaarsa kana qindeessuun rakkisaadha.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dolaara miiliyoona 34.6 ramaduun lammiilee miiliyoona 2.2 hongee kanaan miidhaman gargaaruuf jedha.