Shamarree Afgaanistaan dhiira of-fakkeessitee baruumsa eegalte, hanga Yuuniversitii Oksifoord

Summia Tora

Madda suuraa, Yujeong Lee

Baqattuun Afgaanistaan Saamiyaa Tooraa da'oo baqattootaa Paakistaan keessatti guddatte, dhangala'uun dhiigaa jireenyasheerraa fagaatee hin beeku.

Maatiinshee haleellaa garee Taalibaan baqachuun bara 1990 keessa Kaaba Dhiha Paakistaan iddoo Peshawaar jedhamtutti gugatan.

Kan isheen dhagahaa guddatte sagalee meeshaa waraanaati, kan isheen argaa guddatte dhiiga dhangala'uudha.

''Hookkara akkanaa keessan jiraachaa ture, garuu maalan godharee, carraa kooti.'' jette Saamiyaan.

''Guyyaan hundi dho'iinsa boombiiti, torbeetti altokko ykn lama amoo dho'iinsa gurguddaatu mudata. Uummannis kana bareera. Wayita hookkarri uumamu baqachuu malee furmaata biraa hin qabnu.''

Jireenyi Paakistaan garuu kan Afgaanistaan irra wayyaa qaba jechuun BBCtti dubbatte. Yoo xiqqaate mana barnootaa galeera jette.

Bara 2002 erga waraanni US Kaabul weeraree booda daa'imni umurii waggaa ja'aa hin caalle Saamiyaa Tooraa eenyummaashee dhoksuun dhiira fakkaattee mana barnootaa seente.

Barnootashee itti cichitee osoo addaan hin kutin kan hordofaa turte Saamiyaan Onkoloolessa dhufu gaafa guyyaa 22,2020 dhaabbata carraa barnootaa tolaan kennu Rhodes irraa carraa argachuun Yuuniversitii Ooksifoord keessatti barnootashee eegaluuf jetti.

Yeroo ammaa shamarrree umurii waggaa 22 kan taate Saamiyaan carraa kana argachuudhaan Afgaanistaan keessaa nama jalqabaa taateetti, barattoota bara 2020 barattoota carraa barnootaa Rhodes irraa argachuun Yuuniversitii Oksifoordi seenuuf jedhan 102 keessaa tokko taateetti.

Saamiyaa Tooraa(bitaarraan teessee) fi miseensota maatiishee biroo, bara 2002 Kaabul

Madda suuraa, Summia Tora

Ibsa waa'ee suuraa, Saamiyaa Tooraa(bitaarraan teessee) fi miseensota maatiishee biroo, bara 2002 Kaabul

'Wanti hunduu yeroosaatti ni ta'a'

Afgaanistaan keessatti dubartiin baratte jechuun waan hin yaadamne. Akka ragaa Unesco'tti shamarran baratan harka 17 qofa.

Bakka isheen itti guddattetti namni waan ittiin mana barumsaa dhaqu yoo qabaatellee nageenyi amansiisaan waan hin jirreef barachuun hin danda'amu. Manumti barumsaallee hin jiru.

Paakistaan keessatti barachuun hafee lubbuun jiraatanii yoona ga'uunuu waan yaadamu hin turre jetti Saamiyaan.

Saamiyaan Paakistaan keessaa kan baate bara 2014 wayita haleellaa qilleensarraan mana barnootaa irratti raawwateen namoonni 139 dhuman ture.

Saamiyaa Tooraa wayita mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Niwu Meeksikoo irraa eebbifamtu, uffata aadaa Avgaanistaaniin faayamtee

Madda suuraa, Courtesy of Summia Tora

Ibsa waa'ee suuraa, Saamiyaa Tooraa wayita mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Niwu Meeksikoo irraa eebbifamtu, uffata aadaa Avgaanistaaniin faayamtee

Saamiyaan carraa barnootaa interneetii irraa barbaaduu itti fufte.

Dhaabbata barattootaaf carraa barnootaa tolaan kennu 'United World Colleges (UWC)' tti dorgomte.

Bara 2014 isheen qormaata seensaa fudhattee guyyaa itti aanu hoteela hojjettoonni kolleejjichaa keessa boqotanii barattoota dorgomsiisaa turan hidhattoonni Taalibaan haleelan.

Namoota haleellaa sanaan du'an sagal keessaa tokko walitti qabduu koree calallii Rooshan Toomaas turan. Doktarri lammii Kanaadaa kun barattoota calalamanii qormaataaf darban qoruuf paakistaan keessa turan.

Dr Toomaas akkamiin barattoota jajjabeessaa akka turan ni yaadatti Saamiyaan.

''Lammiileen Afgaanistaan baratanii gaaf tokko biyyattii jijjiiruu akka qaban nutti himaa turte. Akkan dorgomuuf isheetu ka'umsa naaf taate. Barattoonni akka kiyyaa carraa barnootaa argatanii akka of danda'an barbaaddi turte. Kanaaf jireenyashee aarsaa nuuf goote.'' jechuun haala yeroo sana ture dubbatti Saamiyaan.

Dhaabbati carraa barnootaa tola kennu 'Rhodes Scholar' bara 1902 nama Cecil Rhodes jedhamuun hundeeffame.

Barattoota calalee Yuuniversitii Oksifoorditti kan barsiisu dhaabbati kun hariiroo Biriiteen di Ameerikaa cimsuun kaayyoosaa jalqabaa ture.

Barattoota dhiiraa biyyoota miseensa 'comman wealth', Ameerikaa fi Jarmanii irraa fudhachaa kan ture dhaabbati kun addunyaa bulchiinsa Biriiteen jala galchuuf kaayyeffate jedhamuun qeeqamaa ture.

Saamiyaanis kana waan gurraa qabduuf jalqabarratti dorgomuu hin barbaanne turte.

Boodarra garuu namootaa fi dhaabbilee duudhaa akkanaa qaban ilaalcha isaanii jijjiiruun dirqama ta'uu kan itti amante Saamiyaan dorgomuuf murteessite.

Yeroo ammaa dhaabbatichatti carraa argachuun Yuuniversitii Ooksifoord seenuun digiriishee lammaffaa barachuuf kan jirtu Saamiyaan gosa barnootaa 'Sochii Baqattootaa fi Godaantotaa' jedhu hordhofuun erga xumurtee booda biyya maatiinshee keessaa baqatanitti deebi'uun jijjiiruu akka barbaaddu dubbatte.

Afgaanistaan isheen beektu kan sammuushee keessa jiru, dho'iinsa boombii, dhangala'uu dhiigaa, hookkara, haleellaa shorokaatiin kan beekamtu seenaashee jijjiiruun Avgaanistaan haarawa naga qabeettii taate hundeessuuf kaayyoo akka qabdu dubbatte.