Afgaanistaan: Jeettiin waraana Ameerikaa daangaa Taalibaan keessatti kufe

Loltoota Afgaan iddoo xiyyaarri itti kufetti

Madda suuraa, Reuters

Waraanni Ameerikaa xiyyaarri waraansaa baha Afgaanistaan keessatti kufee caccabuusaa mirkaneeseera.

Koloneel Sooni Leeget akkas jedhan: "Xiyyaarichi harka diinaatiin rukutamuu wanni agarsiisu tokkollee hin jiru, sababni kufaatii xiyyaarichaas qoratamaa jira."

Xiyyarrichi naannoo Taalibaan hedduminnaan keessatti aragmu kan Deeh Yak jedhamu keessatti kufe.

Xiyyaaricha keessa namoota meeqa akka turan wanti ifa ta'e hin jiru.

Koloneel Sooni Leeget dubbii Taalibaan xiyyaarri biraas kufee jedhu haalaniiru.

Miidiyaan hawaasummaa Taalibaan viidiyoo hin mirkanoofne kan xiyyaarri mallattoo waraana Ameerikaa ofirraa qabu gubatu agarsiisu maxxansaniiru.

Viidiyichi gosa xiyyaaraa E-11A jedhamudha kan agarsiisu. Jeettiin kunis kan Humna Qilleensa Ameerikaa Afgaanistaan to'achuuf itti fayyadamaniidha.

Yeroo gara garaatti Afgaanistaan keessatti heelikoptaroonni balaadhaaf kan saaxilaman yoo ta'u xiyyaaronni US garuu saaxilamummaansaanii baay'ee xiqqaadha.

Ta'us garuu, Taaliban meeshaa waraana xiyyaara guddaa balaliirraa jiru kuffisuuf oolu hin qabu jedhamee amanama.

Ameerikaan xiyyaarota E-11A jedhaman afur kan qabdu yoo ta'u inni amma Afgaanistaan keessatti kufe isa tokkodha.

Jalqabarratti olka'iinsa guddaarraa imaluu waan danda'uuf ture kan filatame. Lafaafi qilleensa jidduttii odeeffaannoo haalaa gaariidhaan hubachuu meeshaalee elektirooniksiidhaan kan guutamedha.

Kunis akka 'wi-fi' iddoo neetworrkiin gaariin hin jirretti fayyadudha. Xiyyaarichi meeshaalee elektirooniksii haalan qabaachuunsaatiin wal dhabdeedhaa Afgaanistaan keessatti gahee guddaa taphateera.