Sababoota shan rakkoon Ameerikaafi Iraan gidduu jiru furamuu hin dandeenyeef

Madda suuraa, AFP
Ameerikaan ajajaa waraana ol-aanaa Iraan kan ta'e Qaasim Solemaanii ajjeesuun ishee ifatti gara walwaraanuutti hin geessine.
Haa ta'u malee, gara walwaraanuutti rakkoowwan isaan geessuu malu sababiiwwan jedhaman keessaa tokkollee furmaata hin arganne.
Sababiiwwan ijoo rakkoon lamaan isaanii gidduu jiru hin furamneef isaan kanadha.
1 -Lolli kan dhaabbate yeroodhaaf qofa ta'uu isaa
Xiiinxaltoonni tokko tokkoo akka jedhanitti lolli kan dhaabbateef waldhabdeen bu'uuraa biyyoota lamaanii waan fala argateef miti jedhu. Kana ta'uus hin danda'u jedhu.
Aanga'oonni Iraan ajjeefamuu Qaasim Solemaanii hedduu waan rifatanii turaniif naasuurraan kan ka'e maal akka gochuun isaanirra jiru bitaa itti galeera jedhu.
Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Iraaq keessatti argamurratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuuf yaaltee turte. Haata'u malee misaa'eliin isheen fayyadamte garuu kan biyyuma ishee keessatti qofa hojjetudha ture.
Tarkaanfiin fudhattes dadhabinsa gochaafi murtee siyaasaa kan qabu ture. Waan gootu saffisaan gochuudhaaf barbaaduu ishee malee kan madaallii isaa eege hin turre.
Kana waan ta'eefis ifatti gara waraanaatti seenuu hin barbaanne. Namoonni dhimmi Iraan kun nu galcha jedhan boqonnaan kun akka hin cufatiin jiru dubbatu.
Xiyyaara Yukireen rukkutuu ishee amanuun ammoo karaa biraa ittiin lola qabbaneessitu ta'eeraaf. Haa ta'u malee garuu dogogora ture.
Iraan amala kanaan dura qabduun waan tokko godheera jettee amantee hin beektu. Haa ta'u malee, ogeessonni odeeffannoo Ameerikaa xiyyaaricha Iraan akka rukkuttee kuffiiste odeeffannoo gahaa qabna jechuu isaaniitiin booda waakkachuudhaaf sababiin gahaa ta'e hin turre. Kanarraa kan ka'ee amanuu dandeesseetti.
Erga Iraan xiyyaara rukkuttee kuffiisuun ishee amanteen booda ammoo mormiin biyya keessaa lammileedhumasheetiin itti hammaachaa jira.
Kun ta'uun ammoo akka waraanni hin qabbanoofneefi yeroo keessa deebi'ee kan hammaachuu malu ta'uu kan agarsiisu ta'uuati.
Dogoggorri kunis kan uumameefi lammiilee mormiidhaaf, aanga'oota ammoo ittiin akka mataa buusan gochuudhaaf kan geessisu danda'es rakkoo Ameerikaan uumterraa ka'uudhaan waan ta'eef jedhamee waan yaadamuufidha.
2 - Ameerikaan maaliif Qaasim Solemaanii ajjeesuu barbaadde?
Amerikaan Qaasim Solemaanii kan ajjeefteef faayidaa Ameerikaa eegsisuuf shallaga jedhuun. Kun garuu xiinxaltoota hedduuf kan fudhatama qabu miti.
Xiinxaltoonni muraasni garuu biyyoota lamaan gidduutti garaa garummaa humnaa jiru hubachiisuuf yaadamee kan taasifamedha jedhu.

Madda suuraa, Reuters
Kun dhuguma yeroo gabaadhaf ni hojjeta ta'a. Haata'u malee, ajjeefamuun Qaasem Solemaaanii Iraaniif hojii manaa kan kennedha. Deebii haaloo bahuu cimaa jiraachuu maluuf ykn waraana biraaf akka of qopheessitu kan ishee taasisudha.
Gama biraan ammoo Pirezedaant Tiraamp Iraaniin sodaachisuudhaan naannicha keessatti qaamni akka of eeggatu barbaadan kaasaniiru. Kana waan ta'eefis ergaan isaanii kun walitti bu'insa jiraachuu malu kamiifiyyu Ameerikaan qophooftuu ta'u ishee agarsiisa.
Ameerikaan dinagdee Iraan itti fufuun burkuteessuu itti fufti. Gara waliin taa'anii mariyachuuttillee hin fiddu. Kana gochuudhaan Iraan hojiin dhimma biyya ishee itti baayyachuun akka miidhamtu gochuu dandeessi kan jedhu yaada kennu namoonni hedduun.
3 - Galmi tarsiimoo Iraanis kanuma fakkaata
Dinagdeen Iraan dadhabuu isaatiin lammileen biyyattii hedduun gammadoo miti. Mootummaan Iraan 'Mootummaa sirna warraaqsaati'. Kana ta'uun isaa ammoo kan salphaatti gatantaru hin ta'u.
Tarsiimoon Iraan qabattee hojjechaa jirtu suuta suutaan Ameerikaadhaan naannoo Baha Giddu-galeessaa keessaa baasuudha; yoo xiqqaatee xiqqaate Iraaq keessaa baasuu barbaaddi.
Kun ammoo erga Solemaaniin ajjeefamee kan milkaa'aaf jiru fakkaata. Ija aanga'oota Iraaniin yeroo ilaalamu Imaammanni Iraan baayyee bu'a qabeessa ta'aa dhufeera.
Mootummaan Bashir al-Asaad Sooriyaa keessaa akka hin kufne oolchuudhaan Isiraa'el irratti humni biraan akka banamu taasisaniiru. Dhiibbaan isaan Iraaq irratti qabanis salphaa miti.
Biyyoonni Baha Giddu-galeessaa keesatti michoota Ameerikaa ta'anis ajjeefamuu Solemaaniin booda gara mataa isaaniitiin of danda'uutti kan abbalaa jiran fakkaatu.
Sawud Arabiyaanillee hariiroo gaarii hin turre Iraan waliin qabaachaa turte qabbaneessuu jalqabdeetti. Tarkiin ammoo Raashiyaa waliin hariiroo micchummaa haaraa jalqabdee jirti. Yeroo ammaa ajjeefamuu Solemaanii akka gaarii ta'etti kan ilaalaa jirtu Israa'el qofaadha.
Lammileen Iraanillee ajjeefamuu isaatti kan haaran ta'uu danda'a. Dhiibbaan keessaafi haalli dinagdee akka Ameerikaa irratti dhiibbaa taasisan isaan kakaasuu mala.
Ajjeechaa aanga'aa isheetiin booda tarkaanfii haaloo bahuu lama fudhachuun ishee gara fuula duraatti foyyeessuun haleellaa qaqqabsiisuuf barumsa kan kennaniif ture.
Kun ammoo waraannii lamaan isaanii gidduu jiru kan dhuma hin arganne ta'uu isaa agarsiisu akka ta'etti fudhatu.
4 - Ejjennoo Iraaq irratti mormiin jira
Loltoonni Ameerikaa Iraaq keessaa bahan waan ifa ta'e agarsiisu ni qabaata. Keessoon mootummaa yeroodhaafii Iraaq mormiidhaan raafamaa jira. Kunis sababii dhiibbaa Ameerikaan harka keessa galfattuufi dhiibbaa Iraan biyattiirratti taasisaa jirtuuf hedduun gammadoo miti.
Paarlaamaan Iraaq murtee dabarseera. Humna waraanaa Ameerikaa biyya koo keessaa naaf haa bahan kan jedhudha. Kan jechuun ammoo loltoonni Ameerikaa bor ganama Iraaq keessaa bahu jechuu miti.
Yeroo murtaa'eef akka achuma keessa turan gochuuf yaalii dippilomaasii barbaada ta'a. Haa ta'u male, Tiraamp ammoo Iraaqiin sodaachisuudhaan baasii baafne mara ni deebiftu jedhan.
Ameerikaan Iraaq keessa harka galfachuun murteessaadha. Hanga IS haleellaa qaqqabsiisuu itti fufetti Ameerikaan naanno sana keessa turuun barbaachisaadha.
Erga naannoo sana keessaa akka ba'an taasifamanii ammoo Ameerikaan karaa ittiin IS haleeluu dandeessu hin jiraatu.
Dhimma loltoonni Ameerikaa Iraaq keessa itti bahanirratti murtoo dhumaarra hin ga'amne. Ta'ee jennaan yoo Ameerikaan loltoota ishe Iraaq keessaa kan baaftu yoo ta'e Iraan ni mo'atti jechuudha.
Kan turan yoo ta'e ammoo faallaa kanaa ta'a jechuudha. Kun wal gaarerfannaa jiru akka daran hammaatu dhimma taasisu ta'e jedhamee tilmaamama.

Madda suuraa, AFP
5 - Waliigalteen nukilaraa dhimma ijoo waldhabdeeti
Atakaaroon biyyoota lamaanii haala amma irra jiru kanarra kan ga'e erga Pirezedaant Tiraamp bara 2018 irraa kaasanii waliigaltee sagantaa nukilarichaa dhaabsisanii boodadha.
Yeroo sanarraa jalqabee Ameerikaan Iraanirra qoqqobbii dinagdee kaa'uudhaa dadhabsiisaa kan dhufte yoo ta'u, Iraan ammoo biyyoota naannicha keessatti michoota ishee ta'an sossobachuudhaan qoqqobbii irra kaa'ame dandamachaa turteetti.
Waliigalteen nukilaraa akka turu taasisuuf hayyama Tiraamp barbaachisa. Wanti ta'e jijjiiramnan garuu carraan waraana banuu guddaatu jira jechuudha. Isiraa'eliifi Ameerikaan waliin ta'uudhaan bu'uura misooma nukilara Iraan haleeluu jalqabuu danda'u.
Kanaaf, waliigalteen sun murteessaadha kan jedhamuuf. Kun ammoo waraana yeroo eeggataa jiru yeroo mataa isaatti akka jalqabu taasisa jechuudha.
















