Balaa xiyyaara Iraan: Lammiileen Iraan mootummaasaanii ' ni sobdan' jechuun morman

Barattoota hiriira mormii bahan

Madda suuraa, AFP

Mormitoonni hedduun daandii magaala guddoo Iraan, Teehraan'tti bahuun dallansu qondaltoota biyyattiirraa qaban ibsataniiru.

Mormitoonni kun akka jedhanitti qondaaltonni xiyyara Yukireen hin haleelle jechuusaaniirraa kan ka'e kan daandii magaala Teehran'tti bahuun mormii isaanii kan ibsatan.

Pireezidaantii US Doonaald Tiraamp mormii "nama kakaasu" jechuun fuula Tiwiitaraasaaniirratti maxxansuun namoota mormiif bahan kana deeggaraniiru.

Iraan xiyyaraa imaltoota 176 qabatee imalaa ture "osoo hin beekin" haleele jechuun gaafa Sanbataa amantee jirti.

Haleellaa kun erga Ameerikaan Komaandar Qaasim Sooleemanii Amajjii 3 Baagdaad'tti ajjeeftee booda Iraan raawwachaa turte keessaati.

Lammiileen Iraan, Kanaadaa akkasumas lammiileen Yukireen, UK, Afgaanistaanfi Jarman imaltoota haleellaa xiyyaara kanaan lubbuunsaanii darbedha.

Mormiirratti maaltu uumame?

Barattoonni yunivarsiitii lama, Shariifiifi Amiir Kabiir, osoo mormiif hin bahin dura awwalcha imaltoonni lubbuunsaanii darbee daawwataniiru. Mormiinis cimuun galgalarra gara cimsanii mootummaa Iraan moirmii isaanii dhageesisifachuutti ce'an.

Miidiyaan Faars jedhamu hiriira ture hordofaa ture ammoo namoonni 1,000 ta'an hiriiraa bahan sagalee mormii dhageesisuufi suuraa Soleemanii cicciruu isaanii baaseera.

Barattoonni mormiif bahan kunneen namoota haleellaa xiyyaraa Iraan keessa harkan akka seeratti dhiyaatan gaafataniiru.

Namoota hiriira bahan

Madda suuraa, AFP

Faars akka gabaasetti mormitoonni daandii cufanii turan "bittinaa'aniiru" jedheera. Gabaasaalee miidiyaa hawaasummaarra gaazii imimmaanessu yoo dhukaafamu ni agarsiisu.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa tarkaanfii mootummaan fudhaata jirurras sirrii akka hin taane dubbachaa jiru.

Namni tokko Tiwiitarasaarrratti akkas jedheera: "Qondaltota biyya kiyyaa yoomuu dhiifama hin godhuuf, isaan waan uumame bakka itti uumame dhaabatanii sobanidha."

Mormitoonni kunneen warre yeroo darbe Komaandar Soleemaniin ajjeefamuun booda Iraan deggaruuf daandiitti bahan waliin wal bira qabamee yoo ilaalmu baay'ee xiqqaadha.

Miirri jiru maal fakkaata?

Pireezidaant Doonald Tiraamp afaan Ingiliiziifi Faransaayiin Tiwiitarasaaniirratti akkas jechuun maxxansaniiru: "Lammiilee Iraan goototaafi rakkachaa jiraniif: Ani ergan pireezidaantii ta'ee muudame isin wajjiin dhaabbachuu eegalee, mootummaan kiyyaa ammaallee isin wajjiin jira.

"Mormii keessan dhiheenyatti hordofaa jirra. Kaka'uumsi keessaan nama ajaa'iba."

Ministirri Hajaa Alaa Maayik Poompiyoon Tiwiitarasaaniirratti viidiyoo lammii Iraan hiriiranirratti akkas jedhan maxxansaniiru: "Sagaleen lammiilee Iraan ifa. Isaaniis soba sirnichaan, malaammaltummaan, dadhabbii raawwachiisummaaniifi gara jabeenyummaan laaqameen hedduu nuffaniiru.

Nutis lammiilee Iraan jireenya kanarraa fooyyee qabu akka jiraataniif isaan cinaa ni dhaabbanna."

Ambaasaaddarri UK Roob Makeer ammoo Iraan keessatti saatii sadiif to'annoo jala kan ture yoo ta'u gocha kana UK'n 'seera idil-addunyaa cabsuudha' jechuun balaaleeffateetti.

Obbo Roob mormii mooraa yunivarsiitii Amiir Kaabii alatti taasifamerratti to'atamanii kan turan yoo ta'u booda garu gad dhiifamaniiru.

Minisrirri Hajaa Alaa UK Doominik Raab eega ambaasaaddarri UK Roob Maakiree to'annaa jala oolfaman booda gocha ta'e sana seera idil-addunyaan ala kan ta'e akka ta'e ibsaniiru.

Bulchiinsi Iraan akkamitti dhugaa ifa taasise?

Guyyoota sadiif Iraan xiyyaara Yukireen haleeluushee haalaa turte.

Ta'us garuu, Sanbata ganama TV biyyattiirratti xiyyaricha haleeluushee amantee jirti.

Birgaadar Jeneraal Alii Hajiizadeeh turan waan mudate kan ifa godhan.

Aanga'aan kun akka jedhanitti opereetarri misaa'eelaa of danda'eefi kophaasaatti kan murtee fudhate. Innis dogoggoraan, "misaa'eela haleellaa" Iraan irratti taasifamaa jiru se'ee xiyyaararratti haleellaa raawwate jedhan.

"Innis murteessuuf sekoondii 10 qaba ture. Haala kana keessatti haleeluuf haleeluu dhabuu murteessuu qaba ture ta'us garuu murtee dogoggoraa fudhate, " jedhan Jen Hajiizadeeh.

"Namoota qunnamuufi mirkaneessuun dirqama qaba ture. Garuu sirni walqunnamtii rakkina qaba ture."

Jen Hajiizadeeh waraanni fuulduraaf, "dogoggora" akkanaarra of qusachuuf sirnasaa ni foyyeessa jedhan.

Jen Hajiizadeeh gaafa Roobii waan uumame aanga'ootaaf ifa taasisaniiru. Isaanis haleellaa kana keessaa harka qabaachuushee maaf haalti jechuun gaafii kaasaniiru.

Ayaatolaa Komaanii gama isaanitiin, "dogoggora namaa" akka ture dubbataniiru. Pireezidaant Hasan Ruhaanii gamasaaniitiin Iraan "dogoggora uumameen baay'ee gaabbiteetti," jedhan.

Ministirri Hajaa Alaa Jaavaad Zariif Ameerikaa qeeqaniiru. "Yeroo rakkoo kanatti dogoggora bulchiinsa Ameerikaatiin uumamedha, " jedhan.

Kanaadaafi Yukireen maal jedhan?

Pireezidaantiin Yukireen Voloodomayir Zeleniskiifi Kanaadaa Jastiin Tiruudawu Sanbata Obbo Rouhaanii waliin dubbataniiru.

Obbo Jastiin Tiruudawu akka baay'ee "haaraniifi rifatan" ibsaniiru. Isaanis Obbo Ruhaaniitti qorannoo guutuu "wanti hamaa kun akkatti raawwate ifa taasisuu," jiraachuu himaniiru.

Obbo Jastiin Tiruudawu akka jedhanitti: "Kanaadaan hanga qaamni haleella kana raawwate itti gaafatamummaa fudhatuttiifi maatii miidhamtootaaf haqni argamutti hin boqonnu," jedhan.

Beenyaaniifi dhiifamni akka gaafatamuuf kan barbaadan Obbo Zeelensikiin, Pirezedaant Ruhaaniin "namoota haleellaa kana keessaa harka qaban hunda gara seeraatti akka dhiyaatan waada galaniiru," jedhan.