Kiimiyaa Aliizaadeh: Shamarreen Iraan dorgommii Olompiikii injifatte biyya gadhiifte

Kiimiyaa Aliizaadeh

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kimiyaa Aliizaadeh dorgommii Olompiikii Riyoorratti ispoortesituu biyyasheef badhaasaa argamsiifte ishee qofadha.

Dubartiin lammii Iraan dorgommii Olompiikiirratti mo'achuun biyyattiif kan jalqabaa taate Kiimiyaa Aliizaadeh biyya ishee gadhiiftee akka deemte himte.

Aliizaadeh umuriin ishee ganna 21 yoo taatu, miidiyaa hawaasummaasheerratti "soba, haqa dhabuufi loogummaa" biyyashee keessatti adeemaa jiru arguu akka hin barbaanne ta'uu maxxansiteetti.

Dubartoota Iraan miiloyoonaan gad qabaman keessaa isheen tokko akka taates dubbatteetti shamarreen kun.

Aliidaazeh eessa akka jirtu himuu baattus, gabaasaaleen garuu leenjiidhaaf Neezarlaandis akka turte ibsu. Shamarreen kun bara 2016 dorgommii Olompiikii Riyoorratti teekwaandoodhaan badhaasa naasaa argachuun biyyasheef seenaa hojjatteetti.

Ta'us garuu, qondaltonni Ripaabiliikaa Islaamummaa Iraan milkaa'innashee ololaaf itti fayyadamaa turan jette maxxansa miidiyaa hawaasummaasheerratti.

Biyyaa bahuushee erga Iraan keessatti sababa haleellaa xiyyaara Yukireen irratti raawwatameen lammiileen mormiif bahanii boodadha.

Qondaltonni 'na qaanessan'

"Dubartoota Iraan waggootaaf gad qabaman keessaa ani ishee tokkodha," jechuun barreessite.

"Uffata isaan akka uffadhu barbaadaniifi waan isaan na ajajan hojjachaan ture. Waan isaan jedhan hunda hojjachaa tureera. Haalli keenya isaaniif homaa jechuu miti, nuti meeshaadha."

Dabalataanis mootummaan biyyattii milkaa'inna ispoortii ishee faayidaa siyaasaaf itti fayyadamaa ture jette. Qondaltonni biyyatti, "Dubartoonni akkanatti miilasaanii ol kaasuu hin qaban," jedhaa yaada kennuuf turan.

Aliidaazeh gara Awurroppaas ta'ee carraa biyyoota biroo deemuu akka hin kennamneef haaltee jirti.

Lammiileen Iraan hedduun oduu Aliizaadeh biyyaa gadhiiftee deemuushee erga dhagahanii booda naasuudhaan miiraa isaanii ibsataniiru.

Hayyuun siyaasaa Iraan Abdulkariim Huseenizaadeh, "Qondaltoonni gahumsa hin qabne," lammiileen Iraan "biyya gadhiisanii akka bahan" taasisan jechuun komataniiru.

Gaafa Kamisaa miidiyaan 'Isna' jedhamu gabaasa akkas jedhu baase: "Ispoortii teekwaandoo Iraaniif oduu gaddaati. Kimiyaa Aliizadeeh gara Neezarlaandisitti baqateetti."

Ejensichi Aliizaadeh dorgommii Olomipiikii Tookiyoo bara 2020 irratti akka dorgomtu gabaaseera ta'us garuu alaabaa Iraan qabattee miti jedheera.

Iraan gadhiiftee bahuushee ibsuun karoora ishee gara fuulduraa kan hin ibsine ta'us bakkuma jirtu kamittiyyuu "intala Iraan" akka taatu himteetti.