Tiraamp Iraan xiyyaarittii kuffisuun 'dogoggora cimaa hojjattee' jedhan

Madda suuraa, AFP
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Iraan xiyyaara nama malee (drone) odeeffannoo waraanaa sassaabuutti turte rukutuun ishee 'dogongora cimaadha' jedhaniiru.
Garuu, gochii dogoggora manootaa ta'u qabaata jechuun gaazexessitootaatti himaniiru. ''Kuni itti yaadamee kan raawwatame ta'u amanuun natti ulfaata.''
Iraan ammoo xiyyaarittiin daangaa to'annoo qilleensaa keenya sarbitee waan galteef rukunne jette jirti. Waraanni Ameerikaa garuu himannaa kana ni haala.
Taatee kunis wal dhabdee biyyoota lamaa jidduu jiru kan hammeesse.
Ministirri haajaa alaa Iraan Jaavad Zaariif, himannaa Ameerikaan daangaa keenyaa erga cabsiteen booda dhiyyeetu Iraan ni fudhatti jedhaniiru.
UN'tti Ambaasaadara Iraan Maajid Takht Raavaanchi akka jedhaniitti, xiyyaarrichi ifatti gocha basaasuu irratti hirmaachuu waan turteef kun ammoo gocha seera idil-addunyaa kan cabsuudha.
Xalayaa barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Mana Maree Barreessaatiif barreessaniin, Mr.Raavaanchi akka jedhaniitti, Iraan osoo waraana hinbarbaanneelleen gochawwan daangaashe sarbaniifi dubbi barbaachaa irraa of ittisuuf mirga qabdi jedhan.
Naannoo qarqara galaana Oomaanitti haleellaa taankara irratti raawwatee booda muddamni naannichatti hammaateera.
Tiraamp maal jedhan?
Tiraamp haasaa Waayit Hawusiitti taasisaniin,xiyyarittiin naannicha malee, daangaa Iraan keessa balali'aa hinturre' jedhaniiru.
''Ani gama kiyyaan dogoggora natti fakkaata. Sirumayyuu yoon yaadu ,nama tokkotu dogoggoraan akka xiyyaarittiin rukutamtuuf ajajee, Nama gaarii hintaane tokkotu kana ajaje''jedhan.
Qaamooleen biraa maal jedhan?
Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadiimiir Puutiin Ameerikaafi Iraan jidduutti waraanni mudata taanaan balaan isaa olaanaadha jedhan.
Barreessaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniiyoo Guuterez gama isaanitiin, biyyoonni lamaanu tasgabbii akka itti yaadan waamicha dabarsaniiru.
Ameerikaatti Afi yaa'iin Mana Maree Dimookiratotaa Naansii Pelosi akka jettetti, 'fedhiin Ameerikaan waraanaaf qabduu hir'ateera' jechuun haala wal dhabdee biyyoota lamaan jiddu jirurratti ejjannoo Tiraampi ofii jajuudha jechuun qeeqaniiru.
Dhimma kanarrattis Saawud Arabiyaan kan Ameerikaa waliin dhaabbate fakkaatti.
Waldhabdee biyYoota lamaan wal qabatees gatii boba'aa harka 15'n dabaleera.














