Xiinxalaan siyaasaa viidiyoo konfaraansiirratti osoo qaama saalaasaa qaqqabuu argame dhiifama gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Xiinxalaan siyaasaa lammii Ameerikaa viidiyoo konfaraansiirratti osoo qaama saalaasaa qaqqabuu mul'ate dhiifama gaafate.
Namni kun Ameerikaatti beektota dhimmoota seeraa irratti xiinxalan jiru jedhaman keessaa isa tokkodha. Barruu beekamaa Niiwu Yoorkariifillee nama hojjetudha.
Namni kun televiziyoona CNN irrattis dhimmoota seeraafi siyaasaa irratti xiinxaluun baayyee beekamaadha.
Maqaan xiinxalaa siyaasaa beekamaa kun Jefirii Tubiin jedhama. Gameessa umuriin isaa ganna 60 guutedha.
Yeroo darbe viidiyoo konfaraansii Zuum jedhamu karaa toora interneetaatiin gaggeeffamu osoo waamaa jiruu ture kan dogoggorri uumame.
Jefirii Tubiin kaameraan waan badeeru/cufaa itti fakkaateef dogoggora kana hojjete.
Gochi hayyuu kanaa kan isa aarse barruun Niiwu Yoorkar ammoo hojiirraa isa dhorkeerayyu.
Yeroo ammaa filannoon Ameerikaa kan bara 2020 gaggeeffamuuf torban lama qofti hafe kanatti Jefirii Tubiin miidiyaalee hedduutiin xiinxalaa baayyee barbaadaman turan.
Ta'e jedhee osoo hin taane kaameraan viidiyoo cufameera se'ee gocha kana raawwachuu kan dubbatu xiinxalaan kun, waan godhe kanatti gaabbeera.
Gocha kana kan dursee saaxile Vaayis Niiwusitti yeroo dhugaa jirtu dubbatu akka jedhe Jefiriin: "Gocha kana kanan raawwadhe kaameraan waan badeeru natti fakkaateeti. Hojii fokkuun raawwadhe; ittillee qaana'eera," jedheera.
Jefiriin maatii isaa, hiriyyootaafi jaallewwan isaa dhiifama guddaa gaafateera.
Kan ittiin viidiyoo Zuum cufanii bananii kan dhaame/cufate itti fakkaatee kan ture Jeiriin, yeroo shaakala tamsaasaa kanatti osoo qaama saalaa isaa qaqqabaa jiruu argameera.
Vaayis Niwuus osoo Jefiriin gocha kana raawwachaa jiruu namoota ijaan argan eeruun ture kan oduu kana addabaabaayiitti baase.
Niiwu Yoorker ammoo waanta sana hanga adda baafanutti Jefiriitiin hojiirraa dhorkineerra jedheera.
Jefiriin buufata televiziyoonaa CNN tiif xiinxalaa dhimma Seeraa angafadha. CNN gama isaatiin Jefiriin ofii isaatiin yeroo mataa kootii xiqqoon barbaada nuun jedheera; tamsaasa keenya irratti deebiyee dhiyaachuudhaaf yeroo barbaada.
Nutis kana hayyamneerraaf jechuun ibsa baaseera CNN.
Jefiriin dhimmoota Seeraafi Siyaasaa irratti keessumaa wantota Donaald Tiraamp waliin walqabatan irratti kitaabota hedduu maxxansiiseera.














