Dubartii Itoophiyaa guddifachaan fudhatamtee badhaasaaf geesse-Maskaram Mees

Maskaram

Shamarreen Itoophiyaa kun wayita sagalee kiiloleesheetiin gulantaa irratti walaloo walleeshee dhangalaastu akkaan qalbii namaa boojiti.

Wanti isheen gulantaa irratti mul'istu soora qalbii namaaf ta'a, qilleensa qulqulluu nama hargansisa.

Kanneen dame muuziqaa keessatti ogeeyyii ta'an egereen shamarree kanaa indastirii muuziqaa waliin ifaadha jechuun yaada kennu.

Shamarreen kun dame muuziqaa keessatti dandeettii addaa agarsiisteen Onkoloolessa darbe badhaasa 'Rock Rally' jedhamu injifattee turte.

Ogeeyyiin dame muuziqaa shamarree Maskaram muuziqaaf uumamte jechuun saadan.

Sirni badhaasa ishee kun sababa weerara koronaavaayirasiif jecha namoota baay'ee kan hin hirmaachisne ta'us, Maskaram garuu sababa badhaasa kanaan beekamtii guddaa argatteetti.

Shamarree Maskaram eenyu?

Maskaram Mees Itoophiyaa keessatti dhalachuushee qofa beekti.

"Itoophiyaa keessattin dhaladhe. Daa'ima ji'a kudhanii ta'ee maatiin warra Beeljiyem guddifachaadhaan na fudhatan. Ergasii kaasee biyya kana keessattin guddadhe.'' Jetti Maskaram.

Maskaram daa'imummaasheetti waan fudhatamteef firootashee Itoophiyaa jiran waliin hidhata tokkollee qabaachuu hin dandeenye.

''Wayita na fudhatan an haadhaa fi abbaa hin qabun ture. Kanaafuu maqaa maatiiwwan kiyyaa hin beeku,'' jette.

Itoophiyaa kutaa kam irraa akka dhufte kan gaafatamte Maskaram,''Warri na guddifatan magaalaa Finfinnee keessaa akka na argatan natti himan'' jette.

Maskaram afaan Ingilizii, Daach fi Firaansi bareechitee dubbatti, afaanota Itoophiyaa keessaa garuu tokkollee hin dandeessu.

Maskaram umriinshee waggaa kurna keessa wayita jiru Itoophiyaa daawwattee turte, Itoophiyaa arguusheetti haalaan akka gammadde himte.

Maskaram bara 2013 wayita Itoophiyaa daawwattetti

Maskaramii fi Wallee ishee

Durumaanuu dhalootaa dandeettii fi fedhii muuziqaa kan qabdu Maskaram, barnoota muuziqaa argatteen dandeettiishee gabbifattee gara ogummaa kanaatti seenuu himte.

Ogeeyyii muuziqaa bebbeekamoo muuxannoo qaban kanneen akka Back, Mozart, Beethoven biratti leenji'uunshee daran akka qaramtee baatu ishee gargaareera.

Maskaram meeshaa aadaa maasinqoo jedhamus akkaan taphatti.

"Wayitan sirbu addunyaa biraa keessattin liqimfama. Miira keessoo koon ittiin kulkulfadha. Yaada sammuu koo waliinan walfalma., waliinan dubbadha,'' jechuun waa'ee walleeshee ibsiti.

Ogeeyyiin muuziqaa dandeettii gitaaraa fi sagalee kiilolee Maskaram akkaan ajaa'ibsiifatu.

Shamarreen umrii waggaa 21 Maskaram yeroo ammaa Beeljiyem, magaalaa Ghent jedhamtu keessa jiraatti, haala jireenyashee wayita ibsitu,''Walabummaa fi of-danda'ee jiraachuu kootti hedduun gammada. Duubatti waanan deebi'u miti. Addunyaa abuuree, beekamtii guddaa gonfachuuf tattaaffii koo ittuman fufa,'' jette.

Beekamtiin amma argatte hojii manaa guddaa akka itti ta'e kan himtu Maskaram, uummata bal'aa, hordoftoota, miidiyaa...kana hunda dura dhaabbadhee hojii kiyya agarsiisuun salphaa miti, na sodaachisa jetti.

Miidiyaa hawaasummaa daran kan hin fayyadamne ta'uu kan himte shamarreen kun, jireenya dhuunfaa kan waan hedduu addunyaa alaaf hin qoodne gabbifachuu fedheeni jette.

Garuu haala addunyaa yeroo ammaa keessatti miidiyaa hawaasummaarraa fagaachuun rakkisaa ta'uu ni amanti, keessatti artistoota akkasheef miidiyaan hawaasummaa bu'uura jetti.

Akkaataan Maskaram itti walleeshee taphattu kan warra kaaniirraan moodela addaati, sagalee kiilolee suuta jedhee qalbii nama seenu baasuu, sagalee gitaaraan deggertee taphachuudhaan beekamti.

Tibba weerara koronaavaayirasii kana keessatti walleen Maskaram kan mata dureen isaa ''Joe'' jedhu guddoo jaal'atamee ture.

Maskaram walleeshee kana artistoota addunyaa bebbeekamoo waliin walta'uun qopheessite.

Fuuldurattis CD dhaan gadi dhiisuuf karoora qabdi.

Sirboonnishee hedduun YouTube irratti fe'amanii jiru.

Maskaram shamarree jabduu fi abdii egeree jabaa qabdu ta'uu yaada isheen nuuf kenniterraa ni hubatama.

Fuulduraaf milkaa'ina gaarii hawwinaaf.