Afrikaaf Olompikiirratti maraatoonii jalqaba kan mo'atte Faaxumaa Roobaa maalitti jirti?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Faaxumaa Roobaa eessatti badde?

Atileet Faaxumaa Roobaa dirree Olompikiirratti dorgommii maraatoonii injifachuun dubartii Afriikaa ishee jalqabaati.

Barri 1990mmanis yeroo maqaan atileet Faaxumaa Roobaa ol ka'ee itti leellifamaa turedha.

Faaxumaa Roobaa Olompikii Atlaantaa bara 1996 adeemsifamerratti dorgommii maraatoonii mo'achuun dubartii Afriikaa ishee jalqabaa ta'uun dabalataan maraatoonii Boostan walitti fufiinsaan yeroo sadii mo'achuun seenaa dalagdeerti.

Atileet Abbabaa Biqilaaf kabajaaf jaalala cimaa akka qabdu kan himtu Faaxumaa Roobaa, "Abbee baay'een dinqisiifadha. Baay'een jaaladhas. Abbee ana qofa osoo hin taanee addunyaa hundatu ni dinqisiifata," jetti.

Turtii atileet Faaxumaa Roobaa BBC walin taasifte jechasheetin akkanaan qixeesineerra.

"Waa'ee atileetiksii waanan beeku hin qabu ture…"

Ani Faaxumaa Roobaan jedhama. A.L.I bara 1970 godina Arsii aanaa Leemmuufi Bilbiloo iddoo Hulullee Kaarraa jedhamtutin dhaladhe.

Baadiyyaa kana keessa maatii qonnaan bulanitu na guddise. Jireenyiifi barumsi koos akkuma ijoollee baadiyyaa ture. Ijoolleen baadiyyaa keessatti guddatan horii waan eeganiifi maatii waan gargaaraniif dafanii mana barumsaa hin seenan.

Manni barumsaa mana maatiikoorraa fagoo waan tureef anis erguman gudadhee dhaqaa-gala kilomeetira 14 miilaan deemaa barachaa ture.

Baadiyyaa ani itti gudadhe televizhiiniinis ta'e raadiyoon hin jiru. Kanaaf, waa'ee atileetiksii waanan beeku hin abu ture.

Haata'u malee, mana barumsaatti ispoortii nu dorgomsiisanii qabxii nuf qabu turan.

Barsiisaan keenya maarrabii nuuf qabanii, "abbaa dursee kana tuqe" nuun jedhu turan.

Ani dubartoota walin dorgomee nan mo'adhe. Warra dhiiraas fidanii nan mo'adhe.

Atileet Faaxumaa Roobaa

Sana booda mana barumsaarraa filamee yeroo sana 'awuraajjaa' kan jedhamuuf akkasumas 'kutaa biyyaa' kan jedhamu bakka bu'ee dorgomuu eegale.

Kanumarraan gara magaala Finfinnee dhufee ispoortiifi kilabootni adda addaa akka jiran baradhe.

Kutaa biyyaa bakka bu'ee yeroon dorgomu kilabni Manneen Sirreessaa Federaalaa na ilaalanii nama Haji Bulbulaa jedhamu natti ergan.

Innis kilabichi akka na barbaadu, barumsa koos akkan baradhu, mindaas akka naaf kaffalan natti hime.

Anis maatii koottin mari'annaan maatinkoo na diduuf ka'an. Haata'u malee, isa arginaan naaf heyyaman. Sana boodas gara Finfinneen dhufe.

Atileet Faaxumaa Roobaa bara 1996 Olompikii Atilaantaa irratti maaraatooniin warqii injifatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Faaxumaa Roobaa bara 1996 Olompikii Atilaantaa irratti maaraatooniin warqii injifatte

Abdii kutachuufi imala gara milkaa'inaa…

Bara 1994 biyya Beeljiyeemin ture. Achitti fiigicha gaggabaabaa fiignee dhufna ture.

Yeroo sanatti ani fiigicha gaggabaabaa kan akka kilomeetira 15 yookin 21 fiiga ture.

Yeroon Beeljiyeem turetti intalti maaraatoonii fiigdu tokko nu bira Beeljiyeem dhufnaan 'maaraatoonii Paaris si walin yaaluu?' jedheen gaafadhe. Isheenis, "koottu walin deemna" naan jette.

Kanaaf, maaraatoonii Paaris bara 1994 adeemsifame osoo itti hin qophaa'in dorgome.

Dorgomichi yeroo eegalamu atileetota kaanin qixa fiigun dadhabe. Isaan na gatanii deeman. Haata'u malee, naannoo kilomeetira 35 irratti isaan dhaqqabe. Isaan waliin garuun deemun dadhabe. Isaanis na gatanii deeman.

Baay'ee dadhabee waan tureef bishaan dhuge. Bishaanichi garaa na qabe. Dorgomicha xummurus lammata fiigicha kana hin fiigu jedheen ture.

Haata'u malee, yeroon gara biyyaa deebi'u leenisaankoo Dr. Waldamasqal Koostiree maaraatoonii akkan fiigu na gaafatan.

Sana booda leenjii fudhadhee akkatti maaraatoonii fiigan baradhe. Gara biyya Morookoo deemees maraatoonii Maarakaash dorgome.

Morookoo Maarakaash hanga USA Boostan…

Bara 1996 dorgommii maraatoonii Maarakaash biyya Morookootti adeemsifame shaakala baay'ee osoon hin hojjetin dorgome. Dorgomichaan qabxii 'B Category' jedhamu fidadhee dhufe.

Ji'a lama boodas dorgommii maraatoonii Rome hirmaadhee qabxii 'A category' jedhamufi Olompikii hirmaachuu na dandeessisu argadhe. Kanumaan shaakallii godhee gara Olompikii Atlaantaa bara 1996 biyya Ameerikaatti adeemsifame deeme.

Olompikiin dorgommii guddaadha. Olomikiin Atlaantaa anaaf dorgomii guddaa irratti hirmaachuu kiyyaaf isa jalqabaati. Dorgomichaaf shaakallii taasiseera. Garuu sodaan waan na keessa tureef nan mo'adha jedhee hin yaadne.

Yeroon mo'adhetti baay'een gammade. Ani nan mo'adha jedhee hin yaadne. Namootni biroon kan na shaakalsiisanis "ni mo'atti" jedhanii hin yaadne ture.

Dorgommii Olompikii irratti maraatoonii mo'achuun dubartii Afriikaa ishee jalqabaa ta'uun baay'ee na gammachiisa. Waan irraanfatamus miti.

Atlaantaa booda bara 1997, 1998 fi 1999 dorgomii maraatoonii Boostanis walitti aansee al sadii mo'adheera.

Atileet Faaxumaa Roobaa uffata aadaa waliin

Fiigicha dhaabuufi haala maatii…

Ani fiigicha bara 2004 keessan dhaabe. Yeroo sanatti dahumsaafin fiigicha dhaabe. Sana boodas itti hin deebine.

Ani ijoolee laman qaba. Inni hangafaa waggaa 15, isheen lammataa ammoo waggaa 13dha.

Fiigicha ergan dhaabee hoomaa hojjechaa hin jiru. Ijoolluman guddisaa jira. Haata'u malee, kana booda yeroo isaan jajjabaatan waan tokko tokko hojjechuuf yaadaan jira.

Wantin ani hojechuu fedhus warshaaleefi daldala garaagaraati.

Waa'ee atileetota dhaloota ammaa…

Atileetiksii yeroo ammaa baay'ee hin hordofu. Haata'u malee, dorgomiiwwan adda addaarratti yeroon argu atileetota ciccimootu jira.

Sa'aa nuti duraan itti seennu fooyyessaa jiru.

Leenjistoota isaanii waliin waliigalanii sirriitti yoo hojjetan qabxii kana caalu fiduu akka danda'an nan abdadha.