Loozaan Liigii Kubbaa Miilaa Maaltaatti taphoota 12 irratti goolii 30 galchuun taphattuu heddu galchite jedhamte

Loozaa Abarraa

Madda suuraa, LOZA ABERA/FB

Taphattuun kubbaa miilaa, Loozaa Abarraa, BBCf haaraa miti. Akkuma garee kubbaa miilaa Maaltaa Birkiirkaaraa galte booda jiruun Awurroppaa maal fakkaata jechuun ishee waliin turtii taasisnee turre.

Af-gaaffii BBC waliin taasistee turte saniin booda Loozaan riikordii heddu cabsiteetti.

Gareen ishee Birkiirkaaraan tapha morkataasaa Hibarniyaanis waliin taasiserratti osoo gooliin tokkollee gareesheerratti hin galin goolii 17 injifateera.

Loozaanis tapha kanarratti gareesheetiif goolii 17 galchiteetti. Kubbaa gooliif ta'an muraasallee taphattoota gareesheetiif dabarsiteetti.

Loozaan tapha seena qabeessa kana booda goolii heddu galchuun gareen ishee dorgommii Liigii Maaltiiz irratti waancaa akka fudhatu taasifteetti.

Loozaan amma eessa jirti?

Loozaan ammatti bakka dhalootashee kan ta’e godina Kambaataa magaalaa Duraamee jirti.

Taphattuun sarara fulduraa tun yeroo boqonnaaf gara Itoophiyaa deemtetti ture kan weerarri koronaavaayirasii mudate.

Kanarraa kan ka’e gara Maaltaa deebitee deemuu hin dandeenye. Dorgommiin kubbaa miilaa Liigii Maaltiizillee sababa weerara koronaavaayirasii addaan citee ture.

Loozaa Abarraa

Madda suuraa, LOZA ABERA/FB

Loozaan osoo Itoophiyaa jirtu gareen ishee Birkiirkaaraan Piriimeer Liigii dubartoota Maaltaa akka injifate kan ifa godhame.

Taphattuun sarara fuulduraa tun, liigii kubbaa miilaa Maaltaatti taphoota 12 irratti goolii 30 galchuun taphattuu goolii heddu galchite taateetti.

“Garee Birkiirkaaraa waliin carra qabeettii ta’uu kiyyatti baay’ee gammadeera. Akka fedha Rabbiitti wanti hundi haala gaarii ta’een xumuramee jira,” jetti Loozaan.

Karoora gara fuulduraa

Dorgommiin Piriimeer Liigii Dubartootaa Maaltaa Onkololeessaa dhufu ni jalqabama jedhamee eegama.

Garee kubbaa miilaa Magaalaa Adaamaarraa kan garee Birkiirkaaraa Fulbaana bara 2012seente Loozaan; waliigalteen garicha waliin qabdu xumurameera.

Waliigaltee garicha waliin qabdu dheeressuuf karoora qabdii laata?

“Waliigaltee Birkiirkaaraa waliin qabu kan waggaa tokkoo ture. Dhugaadha, garee Birkiirkaaraa irraa waliigaltee kiyya dheeressuuf waamichi naa dhiyaateera.

Haala dureen ani isaaniif dhiheessellee ni jira. Haala duree kiyya waliin waliigalla yoo ta’e dheeressuu danda’a.”

Loozaan turtiin garee Birkiirkaaraa waliin qabaadhe gaarii ture jetti.

“Dhugaadha, jalqabbiin wanta tokkoo ulfaataa ta’uu danda’a. Ta’us garuu wanti hin baratamne hin jiru.

Garichi jabeenya mataasaa qaba ture. Isarratti tattaaffiin keenya hundaa itti dabalamee milkaa’uu dandeenyeerra,” jetti.

Liigiin dubartootaa Maaltaa taphootasaaf kaffaltii gaarii kaffalaan jedhee gaaffii BBC’n dhiyeesseefi Loozaan akkas kaffaltiinsaa hafus muxannoon amma argatte gara fuulduratti dorgommii fooyya’e keessatti akka hirmaattuuf akka ishee gargaaru himti.

“Wanta tokko galmaan gahuuf yeroo yaaddu waan heddu ilaalcha keessa galchita. Ani kaffaltii kana keessa hin galchu.

Kaffatiin kaffalamu xiqqaadha jedhaa hin jiru, kaayyoon kiyya imala kanarratti of mul’isuu; bahee taphachuu akka danda’u mul’isuu fi piroofaayilii kiyya guddisuu waan ta’eef gama kanaan naa milkaa’eera jedhee yaada.”

“Nyaata biyya kiyyaa yaadee ture” jetti biyya Awurroppaa xiqqoo daangaarratti argamtu keessaa ji’oota jahaa ol kan turte Loozaan.

Kubbaa miilaa fi koronaavaayirasii

Weerarri koronaavaayirasii eega ji’a Bitootessaa keessaa mudatee asi haala jireenya dhala namaa haalan jijjiireera.

Wantoota koronaavaayirasiin jijjiire keessaa tokko kubbaa miilati. Weerarri kun jireenya piroofeeshinaalii kubbaa miilaa Loozaarratti fide maal fakkaata?

“Baay’ee ulfaataadha. Weerarri koronaavaayirasii haala kubbaa miilaa qofa miti kan jijjiire waan hin taaneef homaa miti.”

Sababa koronaavaayirasiin taphoonni kubbaa miilaa dorgommiirraa fagaatanii turan; kanaan walqabatee bu’aa bayiin taphattoota mudate gahuumsa qaamaa qabaatanii turuu ture.

Loozaan hoo gama kanaan maal irratti argamti?

“Bakkeewwan dhiheenya kiyyatti argaman deemee ni hojjadha ture. Mana fi ganda keessattillee sochii ispoortii ni taasisa.

Fagoo deemee hojjachuuf haalli jiru waan naa hin hayyamneef haala naa danda’ameen dhiheenya kiyyatti ture kan sochii ispoortii taasisu.”

Loozaa Abarraa

Madda suuraa, Loozaa Abarraa

Loozaan qofaa ishee osoo hin taane taphattoota Dubartootaa Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa fi taphattoota duranii magaalaa Adaamaa waliin darbee darbee naannoosaaniitti ispoortii akka hojjatanii fi bilbilaan dubbistuuLoozaa Abarraa—Shamarree maqaa biyyashee dirree kubbaa Awurooppaarratti ol kaasten dubbatti.

Dabalataanis ‘ispoortii hojjachuun weerarricharraa of baraarruuf waan nu dandeessisuuf namni hundi bakka jirutti hamma danda’een ispoortii hojjachuu qaba’ jechuun gorsiti.

Kaayyoon bara haaraa

“Wundi keenyayyuu ogummaa jaalannurraa fagaannee mana keenyatti argamna. Rabbiin bara kana nagaan nu ceesisee weerara kana nurraa haa fageessu; akkasumas hunda keenyayyuu gara hojiitti nu haa deebisu jedha.

“Ispoorteessaanis ispoortiin; isaan kaanis ogummaa barataniin bara haaraa kanatti waan gaarii hojjanna jedhee yaada.”

Isinis warri BBC baga bara haaraatiin isiniin gahe! BBC’n illee sii fi maatii keetiif baga bara haaraatiin siin gahe jechuu barbaada.