Godaantota Afrikaa Ispeeniitti daldala daandiirraa hanga kophee ofiisaanii oomishuutti

Kophee Topmanta

Madda suuraa, TOPMANTA_BCN/INSTAGRAM

Ispeeniitt daldaltoonni afriikaa daandii Baarseloonaa irratti daladala gaggeessan kopheewwan mataasaanii oomishuu eegalan.

Daldaltoonni daandiirraa kunneenis irra caalaan godaantota biyyoota Afrikaa irraa gara Ispeen galan.

Isaanis kophee, uffataafi kishaafee aduu (sunglasses) dizaayina sobaati gurguru ture.

Amma biraandii ykn mallattoo daldalaa Top Manta jedhamu kan moggaasni isaa maqaa uffata alkanii Mantra kan meeshaa gurguran dadniirratti irraa haran irraa dhufe hundeessaniiru.

Kaayyoon isaanii omisha saanii haala seera-qabeessa taheefi irra deebiin fayyaduu danda’uun oomishuudha.

Top Manta’n leenjiiwwan Ande Dem – afaan Senegal kan baayyinaan dalddaltoota daandiirraatiin dubbatamuun ‘waliin ilamuu’ jedhamu eegalaniiru.

Maal oomishuu laata?

Top Manta’n gurmuu daldaltootaa yoo tahu miseensotuma garichaatuu gaggeessuun qooda wal-qixaa qabu.

Gurmuun kuni daldaltoota daandiirraa yeroo baayyee uffataa fi kophee oomisha seeraan ala tahe magaalawwan biyyoota Awurooppaa kanneen akka Ispeen keessaatti gurguraa turaniin hundaa’e.

Garichis daldaltoota daandiirraa kan yeroo baayyee uffataafi kopheewwan fakkeeffamanii hojjataman biyyoota awurooppaa kan akka Ispeen fa'i keessatti daldalaniidha.

Daldaltoonni kunneenis baayyeen isaanii goodaantoota afriikaatii gara sana deemaniidha.

Biraandiin Top Manta kunis arkiteektii fi dizaayinara biyya Saaraa Gonzaaleez jedhamtuu fi dizaayinara giraafiksii Helgaa Juareez waliin ta'uun leenjiiftoota qopheesse.

Oomishi haaraa Ande Dem of eegannoon bakka oomishaa xiqqootti fayyadamuun oomisha.

Omishi kunis €115 (£100) kan baasu yoo ta'u suuqii isaanii Baarseloonaatti argamu ykn karaa onlaayinii bitachuun ni danda'ama.

Bu'aa daldala kanarraa argamu hundinuu kubbaaniyicha cimsuufi daldaltoota daandiirraafi maatiiwwan isaanii gargaaruuf oola.

"Kppheewwan Ande Dem argachuu keenyatti baayyee gammadneera. Innis abjuu keenyatu dhugoome," jedha kan kophicha gurguru Abdou Lahat Wade.

Kophee Topmanta

Madda suuraa, TOP MANTA

Kophee Ande Dem

Mallattoon kophee kanarra jiru uffata lakanii (blanket) Manta jedhamuun beekamu fi kan daldaltoonni kunneen lafarra afanii meeshaa isaanii irra keewwatan agarsiisa.

Akkasumas imla balaafamaa daldaltoonni kunneen galaana qaxxaamuruun wayita gara Ispeeniitti imala keessa darban agarsiisuufis mallattoo dambaliin qaba.

Halluun kophee omisha haaraa kanaas akkasumas Afrikaa bakka bu’a jedhameera.

Ofii maaliif biraandii kana jalqaban?

Gareen kun daldaltoota daandiirraatiif dalagaa waan uumuuf oomisha kana jalqaban.

Seera Ispeeniin godaantonni seeraan alaa eeyyama jireenyaa argachuun rakkisaadha.

Biyya sana keessatti waggaa sadiif jiraachuun, teessoo dhaabbataa kan yoo xinnaate waggaa tokkoof keessa jiraatan qabaachun dirqama.

Dabalataan afaan biyyichaa barachaa jiraachuu fi waliigaltee hojii waggaa tokkoos qabaachuu qabu, eeyyamicha argachuudhaaf.

Ulaagaalee ka'aman kanneen gutuun namoota baayyeef ulfaataadha.

Hojiin kun eegaamusaatti daldaltoonni 120 eeyyama jiraataa dhaabbataa akka argatan taheera. Top Manta’n leenjii huccuu hodhuu fi barnoota afaanis ni kenna.

Maamiltooti isaanii irra caalaan turiistoota kan ture daldaltoota dadndiirraa kanaa weerarri koronaavaayirasiis rakkoo tahee ture.

''Tibbi weerara sun baayyee ulfaataa ture. Namoonni kunneenis bu'aalee hojii dhabuu gaaffachu kan hindandeenyee waan ta'aniif, deeggarsi mootummaa taasifamuu hinturre,’’ jedhan Lamaayin Saar dubbi himaan garee kanaa.

Itti dabaluunis, ‘’Baankii nyaataa hundeessinee, maashina hodhaas dhiyeessine jennaan, namoonni fedhiisaanitiin dhufuun kopheefi uffata hodhuu jalqaban.''

Namoota kophee akka nuti omishnuu ofiisaaniif oomishuu hin dandeenyu jedhanis itti agarsiisaa jirra jedha Abduu Lahaat.

Namoota akkamiitu gurgura?

Daldaltoonni daandiirraa kunneen manteros jedhamuun beekaman, baayyeensaanii godaantota biyyoota Afrikaa irraahojii barbaacha Awurooppaa galaniidha.

Ispeen gahuudhaaf yeroo baayyee bidiruu xixxiqqoon imala balaafamaa ta'e imalu.

Hojiin isaan eegalan kanaanis carraa hojii umuuf, galii dhaabbataa argachuufi hundasaaniideeggarsgaruuf akka ta'u abdatameera.

Namni tokko biraandiiwwan bebbeekamoo kan akka Nike fi Adidas fa'i dhiisee maaliif Top Manta akka bitachu danda'u yoo gaafataman, dubbi himaan dhaabbatichaa Laamaayin Saar akkas jedhan.

''Dhaabbata biyyoota baayyee keessatti dame qabuu fi biyyoota guddataa jiran keessaatti abdii kutatan saamuu deeggaru irra, yoo nurraa bittan hawaasa kallattii baayyeen moggaatti baafame gargaarta. Namoota seera qabeessa ta'uufi hojii galii gaarii ta'ee hojjataa jiran gargaarta,’’ jedhe.