Kalaqxoota BBC: 'Kun dhuguma Ijaajjiitti hojjetamaa?'

Seensa Magaalaa Ijaajjiitti suuqiin xiqqoo tokko, kan kopheen gurguddaa, haarawaafi akaakuu adda addaa toora galee fannifamee jiru argine. Itti gorree odeeffanne.
Ijaajjiin magaalaa guddoo aanaa Iluu Galaanidha. Aanaan Iluu Galaan ammoo godina Shawaa Lixaatti argamti.
Gareen gaazexeessitoota BBC Afaan Oromoo walakkaa baatii Waxabajjii 2019 gara Lixa Oromiyaatti hojiif bobbaane, Amborraa ganama kaanee cireef Geedootti dhaabbanus garuu dhimma magaalaa Ijaajjiitti akka dhaabbannu nu taasise arganne.
Konkolaattonni imaltootaa kan dhuunfaafi ummataa tokko tokko akkuma keenya dhaabatanii gara suuqii diidaan kopheen itti tucee, keessashee ammoo hojjetootaafi maashinaan ko'oommachaa jirtu kana daawwatanii darbu.
Dhuguma kun magaalaa kanatti akkamiin hojjetamuu danda'e kan jedhu qalbii keenya hawwatee fedhii ballinaan iyyaafachuu qabnurraan bira sobborre.
Hundeessaafi hoji-gaggeessaa mana omisha Kophee Kookeet jedhamu kanaa kan ta'e dargaggoo Geetuu Yaasin dubbisne.
Magaalaa Ijaajjii keessatti dhalatee achumatti akka barate himuun dura hojii kophee bareechuu (listiroo) hojjechaa turuu yaadata dargaggoon kun.
"Yeroon hojii listiroo hojjechaa turetti warshaa keessatti qacaramee hojjechuuf hawwiin qaban ture."
Hojii listiroo yeroo barataa kutaa sadii jiru akka jalqabe yaadachuun, madda galii ittiin barachaa ture ta'uus kaaseera.
Hawwii keessumaa warshaa kophee keessa hojjechuu qabaatus garuu hojii uummachuudhaaf tajaajila irratti gurmoofne jedha.
Garee miseensa namoota afur of keessaa qabuun tajaajila kaaffee dhiyeessuuf bara A L I 2004 ijaaraman.
Waggaa lamaan booda bara 2006tti ammoo deebiyanii akka haaraatti miseensa nama lamaan ijaaramanii hojii kaaffee sana itti fufuu ibsa dargaggoon kun.
Akka qajeelfama hojii interpiraayiziitti yeroo ta'een booda ce'uu qabdu waan jedhamniif isarraa ka'anii hojii biraatti ce'aa waan jedhamaniif hojii biraa karoorfachuun isaanirra ture.
Hojii kophee hojjechuu duraanuu hojjechuuf hawwiin qaban ture kan jedhu Geetuun, hanga Finfinneetti deemee leenjii omisha kopheerratti fudhachuuf yaalee hin milkoofneef.

"Ani duraanuu yeroon hojii listiroo hojjedhu mul'ata qaba waanan tureef, gara hojii kopheetti guddachuuf waanan fedhu waan ta'eef karoora dhiyeeffadhe," jedha Geetuun.
Yeroo jalqabaa dhuguma hojjetuu kan jedhu mamiin turullee booda erga hojiitti galanii warri isaan gurmeessan bakka mijeessaniif akka gargaarsa taasisaniif dubbata.
"Erga hojii jalqabnee odiitara erganii akkamiin akka hojii itti jalqabne ilaalanii baayyee itti gamadan.
Akkamitti akka karoora baafannu, herrega qabannuufi hojjennu warra wiirtuu Interpiraayizii Maayikiroo Xixiqqaa (IMX)n nu leenjisan. Nutis ogummaa keenya guddifachaa dhufne," jedha.
Karaa Sinoodoosii Giddu-gala Gibee kan Waldaa Warra Wangeelaa Makkaane Yesusii Itoophiyaatiin leenjii yeroo baayyee hawwu argachuun gara hojiitti akka galuuf isa gargaaruusaas ni dubbata.
Geetuun akka jedhutti, dhaabbanni isa leenjise kun kophee inni omishullee deebisee akka irraa bitaa ture ibsa.
Kophee gosa akkamii hojjetu?

Kophee gosa kamiyyu akka fedha abbaatti hojjechuu akka danda'an himuun, ofiin kan bifaafi boca itti baasanii hojjetaniifi gosa kophee duraan ture ilaalanii foyyeessuun hojjenna jedha.
Keessumaa kopheen dhedheeraan eegdonniifi namoonni bakka nageenyaaf of eeggannoo barbaachisutti kaawwachuu malan hojjechuun dhiyeessaa jiran hedduu jaallatamaadha.
Kophee kan ijoolleefi dubarootaaf ta'u hojjechuuf karoora akka qaban kan dubbatu Geetuun, ammaaf garuu kophee dhiiraa kan eegdotaafi warra doqdoqee oofaniif ta'u baayyee gaafatamaa jiran hojjechaa jiru.
"Duraan tokko, lama ykn sadiin akkuma namni dhufee nu gaafatuun gurgurra ture. Amma erga beekamtii argannee garuu namoonni suuqii jumlaadhaan hanga dhibbaatti nu gaafachaa jiru."
Finfinneerraa dabalatee bakka gara garaatii gaafatamaa waan jiruuf, gabaan jiru hanga nuti dhiyeessuu dandeenyuun olidha.
Gabaa dabalaa dhufe kana geessisuuf namoota dabalataan qacarree leenjisuun hojjechiisuuf karoora qabna jedheera.
Hojii kophee isaanii kan adda taasisu akka fedhii namaatti hojjechuu danda'uu isaaniiti.
"Fakkeenyaaf, namni miilli dhukkubu ykn fedhii addaa qabu, yookaan ammoo lakkoofsa guddaa barbaade akka fedha isaatti hojjennaaf."
Mullata gara fuula duraa
Hojiin kophee humna namootaa hedduu waan barbaaduuf hedduu qacaruu barbaanna kan jedhu dargaggeessi kun, kophee tokko hojjetamee ba'uudhaaf hojjetoota kudhan harka galuu qaba. "Tokko ni mura, kaan ni mura, akkas akkas jechuun harka nama kudhanii naanna'ee ba'a."
"Mul'annikoo mana hojii kophee kana gara warshaa kophee guddaatti guddisuudha."
Maqaan interpiraayizii omisha kophee kun Kookeet jedhama. Kana malees kaaffeefi mana nyaataa Kookeet jedhamu magaalaa Ijaajjiima keessatti hojjechiisaa jiranis akka qaban dubbata Geetuun.

Hojjetoonni dhaabbataadhaan Mana Omisha Kophee Kookeeti keessa hojjetan 14 yommuu ta'an isaan keessaa kudhan dubartootadha.
Kana malees namoonni sadii ammoo kophee omishame fuudhanii suuqii keessatti gurguruun madda galii kan yeroodhaaf ta'e argachaa jiraachuu ibseera Geetuun.
Hojjetoota qacaran kana miindaa kaffalaa barsiisuun akka gargaaranis kaasuun, hanguma ogummaan isaanii dabalaa deemu miindaan isaanii dabalaa deema jedha.
Firehiwot Kefeleny mana Omisha Kophee Kookeetitti qacaramtee hojjechuu erga eegaltee baatii ja'a guuteetti. Amma ga'ee ishee kan ta'e hojii haphee/haancaa dibuufi laxxafuu dabalatee gummaa kophee omishu irratti muuxannoo horachuu dubbatti.
"Asumattin leenjii fudhadheen, asumatti hojjechuu baradhe."
Firehiwot barnoota Kompiiteraa (IT)n xumurtee hojii dhabdee taa'aa akka turte himtee, amma ammo carraa hojii mana omisha Kophee Kookeetitti hojii argattee akka hojjechaa jirtu ibsiti.
Ogummaafi galii mana omisha kophee kana hojjechuun argannu caalaa namoonni sababii rakkoo miila isaaniirraa kan ka'een kophee kaawwatanii hin beekne dhufanii yeroo kophee akka fedha isaaniitti argatanii gammadan arguutu nama gammachiisa jetti Firehiwot.
Shamarree Amiinaa Aliyyii mana omisha kophee Kookeet keessa hojjechuu erga eegaltee ji'a kudhan akka ta'e dubbatti. Hojii kophee kanatti akkan gammadu kan taasisu waan lamatu jira jetti Amiinaan.
Tokkoffaa bakka itti ogummaa guyyaa guyyaan gabbifataa deemtu ta'uu isaa yommuu ta'u, lamaffaa ammoo kophee gurguddaa hanga lakkoofsa 50 ta'utti ajajaan namoota rakkoo qabaniif waan dhiyeessanii ishee gammachiisa.
"Ogummaafi galiin mana omisha kophee kana keessa hojjechuun alatti namni kophee dhabe asitti waan argatuuf na gammachiisa."
Namoonni miilli isaanii gurguddaa ta'eefi hanga kophee lakkoofsa 50 ta'e barbaadan, fagoorraa nu bira dhufu kan ibsitu Amiinaan, Sayyoorraa, Baakkoorraa, Geedoofi Amborraa nu bira dhufanii akka fedhanitti argatu jetti.
Bakki itti hojjetaa jiran dhiphaa ta'uusaatiin maashina kophee dubartootaaf hojjennu galchuu waan hin dandeenyeef, ammaaf baayyinaan kophee dhiiraa akka hojjechaa jiranis kaasteetti.
Yeroo omisha kophee jalqaban liqaa 35,000 argataniin akka jalqaban kaasuun liqaa fudhatan sanas deebisaniiru.
Yeroo ammaa turtii waggaa tokko keessatti liqaa deebisuurra darbanii kaappitaalaan qarshii miliyoona lamarra akka ga'an ibsuun, caalmaan itti baballisanii hojjechuuf kan gargaaru maashina baasii miliyoona 1.2 ta'uun ajajanii jiraachuus himeera.
Rakkoon qaban maal?
Omisha isaaniitiif fedhii jiruun gabaa dabalaa deemu guutuuf humna namaa qacaruun dirqama. Kana gochuuf garuu bakka gahaa itti ballifannu hin qabnu jedha.
"Kutaa dhiphoo hojjetoonni hunduu keessa jiran sana keessatti yeroo maashinoonni jiru hojjetu guyyaa as keessa taa'uu hin dandeessu."
Manni keessatti kopheen omishamu sun dhiphaafi gabaabaa ta'uurra darbee laameeraarraa waan hojjetameef hojii isaaniirratti rakkoo uumeera.
Daldaltoonni gatii gadi bu'aatiin irraa bitanii qarshii hedduu akka irraa buufatan waan hubataniif, warsheen Kophee Kookeet kun suuqii magaalaalee Naqamteefi Ambootti banuun bakka maamiltoonni jiranitti dhiyaannee ofiin gurguruufis qophii xumureera.
"Nuti beeksisuuf jennee gatii gadi aanaatiin gurgurra, warri nurraa bitan garuu harka meeqa irraa buufatanii kophee tokkicha qarshii 2,000 hanga 3,000tti gurguratu."
Namoonni maal jedhu?
Dargaggoonniifi shamarran magaalaa Ijaajjii hojii isaanii yeroo ilaalan hedduu akka gammadan ibsa Geetuun. "Namoota dhufanii daawwatanitu caala. Namoonni kun dhuguma Ijaajjiitti hojjetamaa? Jedhu. Namoonni bakka biroorraas ilaaluuf qofa gatii geejjibaa baasanii dhufanis jiru."
Namni kaayyoo qabaatee wanta xiqqoo qabu qusatee ittiin hojjete bakka guddaa ni ga'a.
Keessumaa dargaggoonni hojii hin qabne waan xiqqoorraa ka'anii guddachuu danda'u waan ta'eef keessa isaanii dhaggeeffachuun kan hawwiifi fedhii isaanii ijoollummaa ta'e qabatamaan hojiitti jijjiiruu ni danda'u jechuun ergaa qabu dabarsa Geetuun.















