Kalaqa: Maanguddoo ofiin osoo hin baratiin yunivarsitii barsiisan – Obbo Ahimad Hasan Sukkaaree

Obbo Ahimad Hasan Sukkaaree jedhamu. Maanguddoo ganna 64 yoo ta'an, hanga kutaa 8tti qofa baratan.
Maanguddoon kuni dandeettii kalaqaa umamaan qabaniin mirga abbummaa kalaqa afur Ministeera Saayinisii fi Teeknolojiitti waajjira mirga abbummaa kalaqaa Itoophiyaarraa beekamtii argataniiru.
''Ani nama baayyee barate miti. Ergan hojii kalaqa jalqabe garuu ganna 40 ni ta'a. Rakkootu kalaqa na barsiise. Amma yunvarsiitii demeen barsiisutti jira'' jechuun akka itti hojii kalaqaa jalqabanii fi haala amma irra jiran BBCtti himan.
Barnoota addaan kutuun booda garaajii tokko keessatti gargaaraa ta'anii akka hojjataa turan kan dubbutan Obbo Ahimad, amma iddoo hojisaanii gara indastiriittin guddifachuu dubbatu.
Bu'aa kalaqasaanii keesaa tokko kan ta'e maashina buna ittiin miiccan oomishanii gurgurachurratti argamu.
Obbo Ahimad A.L.I bara 2004tti doktoroota dabalatee namoota hojii kalaqaasaanii dhiyeeffatanii 598 wajjin dorgomanii akka biyyatti tokkoffaa bahuudhaan badhaasa birrii 150,000 fi beekamtii argachuu himan.
Mirga abbumma kalaqaa argatan afran keessaa lama ilma isaanii wajjin kan argatan ta'u himu.
Ilmisaanii tokko fakkeenyummaa isaanii hordofuun hojii kalaqa isaan jalqaban waa xiqqoo itti daree hojjachuun kalaqa lamarratti isaan wajjin mirga abbummaa kalaqaa Ministeera Saayiinsii fi Teeknolojiirraa waraqaa ragaa argateera.
''Bara kiyyatti namni sibiila tumu ni tuffatama. Gosti keenya nama sibiila tumu hin qabnu naan jedhu ture. Amma garuu ilmi kiyya hojii kiyya jaalatee itti gale naan morkaa jira'' jedhan kolfan Aab Ahimad.
Obbo Ahimad Hasan eenyu?

Jiraataan magaalaa Bulee Horaa Obbo Sukkaaree Hasan hawaasa naannoo birattis akka maqaa masootti maqaa akaakayyuu isaanii 'Sukkaaree' jedhuun beekamu.
Obbo Hasan hojii kalaqa erga jalqabanii waggaa afurtama yoo ta'u, hojiin saaniitti beekamtii erga argatanii garuu ganna 12 reefu guute.
Waggaa saddeettaan kana immoo badhaasa ittin gonfataniiru. Akka itti hojii kalaqaa hojjachuutti jalqaban wayita himan ''Ani nama baratellee miti, waan rakkoo uummataa hiiku argachuu kana ofumaafin of barsiisee'' jechuun himu.
''Mannii barnootaa dur dhiyoo hin jiru ture. Barnoota kutaa saddeeti dhiiseen gargaaraa konkolaachisaa ta'e hojjataa ture. Booda ammoo gara konkolaachiisummaatti darbe'' jedhan.
Naannichaatti konkolaataan rakkoo yoo ummate suphaa akka turaniifi booda fedhiin baayyannaan konkolaachisummaa dhaabuun oggummaa gaaraajii barachuuf fedha horatan. ''Osoo hin turiinis garajiitti gargaaraa ta'e hojjachuttin seene. Achittis gadi jedheen baradhe'' jedhan.
Achumaan garaajii ofii isaanii akka banatan himan. ''Garajii banees duuba gara indastiriittii guddifadhe'' jedhan. Amma maashina buna qolarraa baasu fooyyeessuun mirga abbummaa kalaqaa argatan baayyisanii gabaaf dhiyeessaa jiru.
Kalaqa kam fa'itti mirga abbumaa argatan?
Obbo Ahimad kalaqawwan ittiin beekamtii argatan keessaa tokkoo maaashina buna dhiqu. Inni lammaffaan ammoo, maashina dhakaa warqee daaku foyyeessan.
Sadaffaan maashina buna dhiqame boollaa baasee siree irratti hafu hojjachuun mirga abbummaa kalaqa ittiin argatan.
Maashinni kun bunni bishaan keessa taa'ee sadarkaan qulqullina isaa akka hin hir'anne gargaara jedhan.
Arfarraan baabura midhaan daaku kan annisaa elektiriikii humna fardaa (5.5hp) qabutti fooyyessuun hojjatanii beekamtii itti argataniiru.
Ilma isaanii Kaamil Ahimad wajjin immoo maashina garbuurra qola baasuu danda'u hojjachuun mirga abbummaa kalaqaa itti galmeessifatan.

Kalaqa rakkoo hawaasa hiiku hojjachuutti akka xiyyeeffafatan kan dubbatan Obbo Ahmad, Godina Gujiitti albuuda warqee dhakaa keessaa baasuuf dargaggoonni dhakaa warqee qabu dur mooyyee sibilaatti feerroon tuman amma maashinaa dhakaa daakee bulleessuun bakka buusuu himan.
Amma waldaaleen dargaggootaa albuuda warqee baasurratti eeyyama argachuun hojjataa jiran 16 wagga lamaa as maashina kalaqa saanii kanatti gargaaramaa jiru jedhan.
Maanguddoo kun akka jedhanitti, warshaan simintoo akka itti hojjatu ilaaluun meeshaa dhakaa daakuu kana akka namonni motora xiqqqaan itti gargaaramutti tolchan.
''Ilmi kiyya meeshaa warqee dhiqu tolche, kanaaf ilma kiyya wajjin lama taanee mirga abbummaa kalaqaatti galmeeffanne'' jedhan.
Badhaasa fi beekamtii argatan
Badhaasa birrii kuma 150 A.L.I bara 2004tti badhaafamaniin alatti, ''lafti naaf kenname, warqee (dahaaba) fi TV na badhaasan,'' jedhan.
Maallaqa argatan caalas ''baadhasni kiyya guddaan beekamtii argachuudha'' jedhan. Hojiilee isaanii keessa sadii rakkoo hawaasaa hiikeerratti xiyyeeffatu jedhanii amanu maanguddoon kun.
Fakkeenyaf, maashina buna dhiqu hanga ammaatti kan gara dhiibbaa ta'u gurgurachuu dubbatu. Tokkoon isaas birrii 50,000tti gurgaratu. '' Kana malee maashina buna qola irraa baasu ni midhassina. Yoo isa wajjin ta'e gatiin isaa amma 900,000 gaha'' jedhan.
''Maaashinni biyyaa alaatii galfamu sa'aatii tokkotti buna kg 3000 qola irraa baasa. Animmoo fooyyeesseen sa'aatii tokkotti kg 8000 akka qulleessu hojjadhe'' jedhan.
Meeshaan isaan hojjatan godinaalee Gujii, Gujii Dhihaa fi Geedi'ootti hojiirra oolu dubbatu.
Attamiin akka maashinicha kalaqan yoo himanis, buna harka namaatin wayita dhiqan waa xiqqoo dhiqa, Namni wayita dadhabuu bunni walqixa hin dhiqamu.
''Kana argeetan, haaluma warri keenya itittuun itti raasan/erban irraa ka'uun bunni haala itti dhiqamu kana kalaqe'' jedhan.
Sa'aatii tokkootti meeshaan kun buna kg40,000 dhiqa jedhan. Saffiisaan alattis qisaasama bunaa wayita harkaan dhiqamu mudatus ni hir'isa jedhan.
Meeshaalee maaliirraa kalaqa kanaa hojjatu?
Obbo Ahimad sibiloota biyya alaarra galfamaniifi naannootti argaman gargaaramuun hojiiwwan kalaqasaanii ittiin hojjatu.
Obbo Ahimad dhiyootti yunvarsitii Bulee Horaa, Adaamaa fa'i wajjin waliigaltee waliin hojjachu isaan dandessisu mallatteesanii hojjachurratti argamu.
Yunvarsitoonni kunneen injinaroota ramadanii gorsuurratti argamu akka Obbo Ahimad jedhanitti. ''Injinaroonni kunneen hojiin ani hojjadhu ni dinqisiifatu, irraa baratu, na deeggarus'' jedhu.
Obbo Ahimad yeroo ammatti maashina aramaa bochee qulqulleessu ilkaan isaa giirii konkolaatarraa baasuun hojjadheera jedhan.
Fuuldurattis maashinota rakkoo hawaasa hiikan waan naannootti argamurra hojjachuu akka itti fufaniifi gara Finfinneetti dhiyaatanii indastrii banachuuf karoora qabaachu himaniiru.
















