Kalaqa: Dargaggoota moosaajii dhukkuba biqiltootaa himu kalaqan

"Namni yoo dhukkubsate dhukkuba isaa ofiif himachuu danda'a. Yoo ofif himachuu hin dandeenyelle namni biraa isaaf dubbachuu danda'a. Biqilootni garuu ofii isaanitiin dubbatachuu waan hin dandeenyef maashina isaaniif dubbachuu danda'u kalaqneerra" jedha dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa.
Dargaggootni lamaan teesson isaanii magaala Jimmaa ta'e dhibeewwan biqiloota miidhanii omisha qonnaa xiqqeessan yaaddoo itti ta'uu himu.
Yaaddoo isaanii fi kan qonnaan bultootaa furuuf immoo moosaajii dhukkuba biqilootaa beekuu dandeessisu hojjechuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Jireenyi namaa biqiltuu irratti hundaa'a waan ta'ef mosaajin isaan kalaqan biqiltuu qofa osoo hin taanee namas akka fayyadu dargaggootni kunneen himu.
Dargaggootni Kun Eenyu?
Dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa fi Boo'ez Birhaanuu Yunivarsiitii Jimmaatti barattoota digrii lammaffaati.
Dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa digrii jalqabaan mummeewwan barnootaa 'Civil Engineering' fi 'Computer Science' barate.
Digrii lammaffaa isaammoo mummeewwan barnootaa lama, 'Computer Networking' fi 'Project Management and Finance' jedhaman Yunivarsiitii Jimmaatti barachaa jiraachuu hima.
Hiriyaansaa dargaggoo Boo'ez Birhaanuu immoo digirii jalqabaasaa Yunivarsiitii Jimmaatti muummee barnootaa 'Electrical Engineering' kan barate yemmuu ta'u yeroo ammaatti yunivarsiiticha keessatti barsiisummaan qacaramee hojjechuu cinatti digrii lammaffaa isaa muummee barnootaa 'Computer Engineering' barachaa jira.
"Akka biyyaatti jireenyi keenya bu'aa qonnaa irratti kan hundaa'e dha. Haa ta'u malee omishni hedduun sababa dhukkubaan miidhamee oomishni gadi bu'a" jedha dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa.

Dhukkubni biqiltuu gandaa gandatti fi biqiltuudhaa biqiltuutti gargar waan ta'ef rakkisaa ta'uu isaa hima.
"Moosaajin nuti hojjenne dhukkubni midhaan sana osoo hin hubiin sadarkaa dhukkubichaa dursee nutti hima. Kanaaf sadarkaa dhukkubichaa fi biqiltuun hagam akka miidhame himuu kan danda'udha" jechuun dubbata.
Moosaajii dhibee biqilootaa adda baasuf gargaaru kana 'application' mobaayilaa, kan kompiitaraa akkasumas toora marsariitin tajaajila akka kennuf hojjechaa akka jiranis dargaggootni kunneen himu.
Moosaajichi akkamiin hojjeta?
Moosaajin dargaggootni kun kalaqan suuraa baala biqilaa xiinxaluun sadarkaa fayyummaa fi gosa dhibee biqiltuun sun qabu hima.
Haaluma kanaan jalqaba gara oyiruu deemun baala biqiltuu mobaayila yookin kaameeraan suuraa kaasun barbaachisa.
Itti aansunis suuraa baala biqilaa oyiruu keessaa dhufe gara moosaajii mobaayila yookin kompiitara irra jirutti garagalchuun moosaajichi suuricha akka xiinxalu ajajama.

Moosaajichis baala biqilaa sana erga xiinxalee booda biqiltichi fayyaa yookin dhukkubsataa ta'uu isaa hima.
Gosoota dhibee moosaajicha keessatti fe'aman keessaa isa kam akka ta'es adda baasee hima.
Oyiruuwwan babal'aa miilaan keessa deemanii suuraa kaasun rakkisaa ta'es diroonitti fayyadamun suuraa yookin viidiyoo waraabun moosaajichi akka xiinxalu gochuun akka danda'amu dargaggoo Boo'ez Birhaanuu hima.
Sadarkaa kalaqichi irra jiru
Kalaqni dargaggoo Jaarmiyaa fi Boo'ez dorgommii 'Green Innovation and Agritech Slam' jedhamu fi bara 2019 sadarkaa biyyaatti qindoomina dhaabbilee akka Ministeera Qonnaa, Ejansii Tiraanisformeeshinii Qonnaa /ATA/, Ministira Saayinsii fi Inoveeshinii fi dhaabbilee birootiin adeemsifame injifateera. Haa ta'u malee moosaajin kun yeroo ammaatti gosoota dhukkuba biqilootaa torba qofa adda baasuu danda'a.
Dandeettii moosaajichaa guddisuufis hojiin suuraa dhukkuba biqilootaa baay'inaan walitti qabuu akka isaan hafu himu.
Dabalataan qonnaan bultootni fi ogeeyyiin qonnaa iddoo itti jiranii moosajichatti fayyadamuu akka danda'aniif giddugala tokko hundeessuuf yaada akka qabanis dargaggootni kun dubbatu. Haa ta'u malee hojiilee kunnen hojjechuf hanqinni maallaqaa harka isaan qabuu kan dubbatu dargaggoo Jaarmiyaa "deeggarssi qaamolee biroo nu barbaachisa" jedha.














