Naannoo Tigraay mormiin jiraa? Wanti ta'e maali?

Madda suuraa, DANIEL
Tibba kana naannoo Tigraayitti rakkoon nageenyaa dhalachuufi uummatni mormii isaa haala gara garaan ibsaa akka jiru miidiyaa hawaasaafi miidiyaaleen idilee gabaasaa turan.
Miidiyaa biyyaalessaa EBC dabalatee miidiyaaleen mootummaatti dhiyeenya qaban naannoo Tigraay keessatti mormiin dhalachuufi uummatni qaamoleen nageenyaa fedeeraalaa gidduu akka galan gaafachuu gabaasaniiru.
EBC’n guyyaa lama dura jiraattota Shiree fi naannoo ishee akkasumas Maayihaansiifi Maqalee bilbilaan dubbise jedhee akka gabaasetti ‘’rakkoon nageenyaa kun osoo sadarkaa hammaataarra hin gahiin qaamoleen nageenyaa Federaalaa akka gidduu galan gaafataniiru’’ jechuun gabaase.
Miidiyaalee hawaasaa irrattis aanga’ooti mootummaa fi kan paartii biyya bulchaa jiruu osoo hin hafiin duula ‘Fanqil’ ykn ‘’buqqisi’’ jedhuun mootummaa naannoo Tigraay irratti mormiin ka'uun himaa turan.
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) ibsa Wiixata baaseen miidiyaaleen ‘’somba tokkoon harganan’’ jechuun ibse, naannoo Tigraayitti hokkorri dhalate jechuun gabaasuun isaanii ‘’soba ofii uuman malee lafarratti hin raawwanne’’ jechuun gabaasa miidiyaaleen hojjetan kanaan gabaasa ‘sangaan dhale’ jedhudhaa jedhe.
Miidiyaalee ‘’oduu sobaa’’ kana gabaasan irratti Abbaan Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa tarkaanfii akka fudhatus gateera.
Dhugaan jiru garuu akka dhaabni naannicha bulchu waakkatu osoo hin taane mormiin jiraachuu fi guyyoota sagal darbaniif daandiin guddaa gara godina bahaa naannichaa geessu cufamee akka jiru BBC'n odeeffateera.
Ka'uumsi mormii kanaa maali?
Godina Kaaba Baha naannichaa magaalaa Maayihaans jedhamutti jiraattotni daandii cufuun mormii dhageessisuu erga eegalanii guyyoonni sagal darbaniiru.
Komii 'bulchiinsi godinaafi qaamolee nageenyaa gaaffii keenyaaf deebii kennuu hin dandeenye' jedhus qabu jiraattonni naannoo sanaa.
‘’Gaaffiin keenya mootummaa naannoorraa deebii hanga hin argannetti ji’a tokkoyyuu ta’u manatti hin deebinus’’ jedhu jiraattonni.
Gaaffin jiraattota Maayihaansi gaaffii teessoo bulchiinsaa aanaa Asseggid ta’uu akka ta’e, jiraataan naannichaa obbo Abrahalleey Gabrayyasuus BBC’tti himaniiru.
Maayihaansiin maagaalaa aanaa gochuu dhiisanii ‘Kessaad Gebbaa’ gochuun murtoo hooggantootni godinaa murteessan mormuun uummatni sagalee isaa dhageessisaa akka jirudha obbo Abrahaalley kan himan.
Jiraattuun Maayihaansi kan biroon aadde Lettebirihaan jedhaman ammoo murteen kun matta’aa fudhachuunifi dhoksaan murtee darbee dha jechuun komatu.
Murtee jiraattonni sirrii miti jedhaniin kanaan tajajila argachuuf jiraattotni gandichaa km 70 imaluuf dirqamuu isaaniitu karaa cufanii cichanii akka morman isaan dirqisiise.

Madda suuraa, Daniel
Poolisiin godinichaa kanneen daandii banuu didanii mormii itti fufan bittimsuu fi hidhattoota ykn milishaa naannoo sanaarraa meeshaa hiikkachiisuuf dhiibbaa gochuu dubbatu.
Hidhattoonni garuu gara uummataa goranii hidhannoo hiikkachuu diduu isaanii aadde Lettebirhaan BBC'tti himaniiru.
Bulchiinsi godinaas ta'e poolisiin warra mormiirra jiran bittimsuufi milishoota hiikkachiisuuf dhiibbaa gochuun alatti tarkaanfiin fudhatan akka hin jirre dubbatu jiraattonni.
Bulchaan aanaa Asseggid obbo Habtaamuu Abarraa gama isaaniin gaaffii uummatni dhiyeesse karaa nagaan akka furamu abbootiin amantaafi jaarsoliin biyyaa mariisisaa jiruu jedhan.
Gaaffichi karaa nagaafi dimookraatawaa ta’een deebii akka argatu hojjetamaa akka jirus himaniiru.
Bakki biraan gaaffiin uummataa itti dhagaahame Waajiraat jedhamuttis aanaan Hanxaaloo-Waajiraat jedhamu qorannoo haaraa gaggeefameen bakka lamatti qoodamee aanaa of danda’an akka ta’an murtaa’eera.
Achittis magaalaa aanaa Waajiraat ilaalchiseeti gaaffiin kan dhiyaate. Bulchiinsi godinaas rakkoo kana karaa nagaa furuuf hojjechaa akka jiru himee jira.
Mootummaan Naannoo Tigraay lakkoofsa uummataa, kenninsa bu’uuraalee misoomaa fi qabeenya uumamaa ilaalcha keessa galchuun erga qorannoo gaggeessee booda lakkoofsa aanaalee jiranii 37 irraa gara 57’tti ol guddiseera.
Dubbii himaa dhaaba momituu naannichaa Areenaa Tigraay kan ta’an obbo Amdoom Gabrasillaasee Maayihaansiifi Daddabiit naannolee jedhamanitti mormiin uummataa eegalame akka hin qabbanoofne BBC’f mirkaneessaniiru.
Akka obbo Amdoom jedhanitti mormiin uummataa kun akka dhalatuuf wanti sababa ta’e ‘’gaaffii aanaa ta’uu yeroo dheeraaf deebii osoo hin argatiin gangalachaa turedha’’ jedhu.
Naannolee lamaanitti jiraattotni daandii guddaa gara godina bahaattii geessu daandii Daanshaa erga cufanii guyyaan sagal darbuus himan.
‘’Hanga ammaatti gaaffiin uummataas deebii hin arganne, daandiinis hin banamne’’ jedhan.
Torbee darbe labsii muddamaa weerara koranaavaayirasii ittisuuf bahe raawwachiisuuf jecha tarkaanfii poolisoonni fudhataniin dargaggoonni sadi madaa'anii isaan keessaa tokko du'uun ni yaadatama.
Sana hordofuun mormii ka'een Maqalee keessatti poolisoota fi dargaggoota jidduutti walitti bu'iinsi uumamee akka ture Obbo Amdoom BBC'tti himaniiru.















