Hegere Talent Show: Dorgommii aartii 'aartiistota jajjaboo horachuuf kaayyeffate'

Madda suuraa, Hegere Talent
Dorgommiiwwan kennaa addaa, sirba, shubbisaa fi dandeettiiwwan aartii biroo irratti kan fuulleffatu 'Hegere Talent show' eegaluuf qophiin xumurameera.
Dorgommiiwwan Artii kana kan qopheessaa jiru waggaa tokko dura kan hundaa'e Instituutii Aartii Oromiyaati.
Abbaan qabeenyaa instituutii Aartii Oromiyaa fi hundeessaan Hegere Talent Show dargagoo Gammadoo Jamaal, agarsiifni kun dorgommiiwwan hedduu kan hammate ta'uu hima.
"Kaayyoon keenya artistoota jajjaboo horachuudha. Artistoota muuxannoo qofaan osoo hin taane barumsaanis deeggaraman, kanneen kennaa addaa qaban foonee gara hawaasaatti dhiheessudha. Egeree dorgomtoota kanaa cimsuuf kan yaadame," jedha.
Erga sagantaan Daddaraaroo kan hojiiwwan aartii irratti dorgomsiisaa ture dhaabbatee Oromiyaa keessatti sagantaan artistoota lafaa dhufoo horachuu akkanaa hin turre.
'Hegere Talent show' qulqullina meeshaalee waraabbii, ogeessota ciccimoodhaanis kan deeggarame fi saayinsii aartiitiin masakame waan ta'eef daran hawwataa tahas jedha Gammadoon.
Dorgommiin 'Hegere Talent Show' kuni torbeewwwan lamaan dhufu keessatti Magaala Adaamaatti kan jalqabamuudha.
Yeroo weeraraa kanatti...
"Dorgommiin kuni amma yeroo sababa koronaavaayirasiitiin namni mana oolu kanatti jalqabuun uummata mana ooluufis madda bohaartii taha. Sagantichi itti fufiinsaan TV dhaan kan darbu waan ta'eef. Bakka dorgommiitti garuu sababa koronaavaayirasiitiif waraabbiin daawwataa maleedha kan taasiamu."
Saganticharratti namni kennaa addaa qabu kamuu hirmaachuu akka danda'uufi dorgommichi fuula duratti magaalota Oromiyaa adda addaatti bal'inaan kan itti fufu ta'uus hima.
"Namootni kennaa addaa qabna jedhan, kan fedhii aartii qaban dhufanii dorgomuu, injifataniis badhaafamuu ni dandahu. Agarsiisni akkanaa bakka itti barumsa guddaan argamudha."
Dorgomiiwwan taasifaman kanarratti kanneen injifatanii fi kennaa aartii cimaa qaban badhaasuun alatti albama mataa isaanii hanga baasanii hawaasan gahanitti akka deeggaranis dubbata.
Dorgommii aartii kanaaf abbootiin seeraa ogummaa adda addaatiin dandeettii ciccimaa qaban waan qophaa'aniif daran namoota ciccimoo kan itti argannu tahas jedha.
Insituutiin Aartii Oromiyaa wiirtuu leenjiiwwan aartii adda addaa ta'uun erga hojii jalqabee dargaggoota hedduu ogummaadhaan eebbiseera. Ammas barsiisaa jira.
Intituutiin magaala Adaamaatti hundaa'e kuni damee isaa magaala Bishooftuuttis banuun leenjii kennaa jiraachuu Gammadoon himeera.















