Kalaqa: Injinara ijaarsaa haguuggaa fuulaa hojjatan

Obbo Ashanaafii Zamachaa oggeessa ijaarsa gamoo (arkiteekchara)ti. Wantoota hojiisaaniif isaan barbaachisan hedduu ofumaan dizaayin hojjattu.
Isaanis hojiisaaniif akka isaan gargaaruuf maashina 3D piriintarii jedhamu kan qaban yoo ta’u, kanaanis meeshaalee aadaa fi kanneen biroo maxxansuuf itti fayyadamu.
Weerarri koronaavaayirasii addunyaa wayita mudate irraa jalqabee dhiheenyaan hordofaa akka turan kan himan Obbo Ashanaafiin, weerarrichis isaan yaaddessee akka ture himu.
Yeroo sanitti yaadda'urra maalan gummaachu danda'a jechuun wayita yaadan, piriintarii 3D qabaniitti fayyadamuun waa gummachu akka danda’an yaadu saanii dubbatu.
Haaluma kanaanis haguuggii fuulaa (face shield) hojjachuu akka danda’an hubatan.
Koronaavaayirasiin wayita mudate sanitti Itoophiyaa keessatti gatiin maaskii haalan dabaluusaa fi hanqinni dhiyeessiitii jiraachuunsaa gaafii maalifan kan gahee kiyya himgumaachine? jedhuutti isa geessuu Obbo Ashanaaffiin BBC'tti himaniiru.
Piriintara 3D isaanii fi ogeeyyii biyya Ingiliiziitti argaman waliin karaa inatarneetiin mari'achaa sooftiweerii interneetiirratti bilisaan argamanitti fayyadamuun biyyaaf waan tokko hojjachuu akka qaban hubatan.
Haguuggaa fuulaa kana namoota vaayirasichaaf saaxilamoo ta’an kan akka oggeessoota fayyaaiifi isaan kaaniif intarneetiirratti arguun hojjachuusaa dubbatu.
Haguuggaa fuulaasaan hojjatan hospitaalotaa fi ogeeyyii fayyaatiif bilisaan yoo kennan, itti fayyadamni haguuggaan fuulaa ogeeyyii biratti haalan akka hin baratamne himu.
Haguuggaa fuulaa kunis jalqabarratti oomisha hospitaalotaa fi ogeeyyii fayyaa muraasaaf bilisaan kennuusaanii dubbatu.

Madda suuraa, Ashenafi Zemecha
Hospitaalota Qiddus Paawuloosii fi Xiqur Anbassaa akkasumas hakimoota dhuunfaa isaaniitti beekaniif bilisaa fi haala gurgurtaatiin kennuun akka jalqaban kan himan Obbo Ashanaafiin, fedhiin haguuggaan fuulaa kanaaf oggeessoota hedduu biratti waan dabaleef gurgurtaaf dhiyeessuuf walii galuu himu.
Haguuggaa fuulaa kana namni piriintara 3D qabu kamuu maxxansuu akka danda’u kan himan Obbo Ashanaafiin, maxxansisaa harkifataa ta’uusaatiif baay’innaan dhiheessuuf akka rakkatan BBC’tti himaniiru.
Biyyattii keessatti namoonni piriintara 3D qaban muraasa ta’uusaanii eeruun, meeshaalee maxxansaaf oolan salphatti argamuu dhabuusaa ammoo rakkinna gama biraati jedhu.
Maayikaan haguuggaa fuulaa haala salphaadhaan gabaarratti argamus fireemiin isa qabatu garuu piriintara 3D maxxanfamuu akka qabus dubbatu Obbo Ashanaafii Zamachaa.
Haguuggaan fuulaa kunis tiyaara akka rifeensarra taa’uu yoo ta’u, uramee haguuggaa fuulaa keessarratti hidhama jedhu.
Meeshaaleen piriintara 3D’tti fayyadaman kunneen irra deebiin kan tajaajila kan hin kennine ta’uusaanii kan himan Obbo Ashanaafiin, osoo itti fayyadamaa jedhamanis haala salphaan baakteeriyaadhaan kan hubamanii fi hanqinni dhiheessii jiraachuusaas eeru.
Maayikaan haguuggaa fuulaa Chaayinaarraa akka dhufu eeruun, qaamni addarra taa’u ispoonjii ta’uusaa himu ogeessi kun.
Kun ammoo haala salphaadhaan baakteeriyaa ofitti waan harkisuuf keemikaala farra ilbiisotaan qulqulleessuuf rakkisaa akka taasisu himu.
Ta’us garuu isa kana piriintara 3D ala hojjatamuu akka qabu ibsuun meeshaalee sasalphoo biyya keessatti argaman irraa osoo hojjatamee gaarii akka ta’u hubachuun haguuggaa fuulaa mataasaanii diizaayin godhaniiru.
Dabalataanis meeshaan kun irra deebiin tajaajila kennuu akka danda’utti osoo hojjatamee gaarii ta’uusaa himaniiru.
Haguuggaan fuulaa isaan hojjatan irra deebiin tajaajila akka kennu himuun, maayikaan fuulaa sun ammoo haala salphaadhaan hafuura hargansuutiin akka hin hurroofne ibsaniiru.
Haguuggaan fuulaasaan hojjatan pilaastikarraa ta’uun himuun muramee leezarii keessa akka galu dubbataniiru.
Qulqulleessun yoo barbaachises hiikamee keemikaalaan qulqulleessuun akka danda’amutti hojjachuusaanii ibsu.
Meeshaalee kanneen wanti adda isaan godhu hiikamanii walitti deebifamuu danda’uusaanii qofa osoo hin taane meeshaalee biyya keessatti argaman irraa hojjatamuusaanii waan adda isaan taasisu kan biraati jedhu.
Haguuggaan fuulaasaan hojjatan bocasaa kan gad hin dhiifnee fi haala salphaadhaan akka harkifamutti hojjatamuusaa Obbo Ashanaafiin dubbataniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













