Biqilaafi Lalisaa - obbolaa lamaan 'Xiyyaara Oromiyaa' hojjatanii balaliisuu yaalan

Madda suuraa, Bikila Daniel
Lixa Oromiyaa Sibuu Sireetti dargaggoonni obbolaa ta'an lama xiyyaara ofiisaanii kalaqanii balaliisuuf yaaluun isaanii dubbii ijoo midiyaa hawaasummaa tahe.
Obbolaan kun Biqilaafi Lalisaa Daani’el jedhamu. Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree jiraatu.
Maqaa xiyyaara hojjatan kana ''Oromiyaa'' jedhanii kan moggaasan oggaa ta'u, waa'ee maqaa xiyyaarichaa wayita BBCtti dubbatan: ''Oromiyaan fuulduratti aviyeeshiinii balalii ofii akka qabaattu hawwina, mul’ata keenya,'' jedhu.
Tibbana toora miidiyaa hawaasaarratti obbolaa lamaan xiyyaara balalisuuf yaalaan argan namoonni obbolaa lamaan xiyyaara kalaqanii yeroo jalqabaaf balaliisan seenaa dalagan Orvil fi Wilbar Raayit fa'aatti fakkeessanii tattaaffiisaanii dinqisiifataa turaniiru.
Xiyyaarri isaan hojjatan kan akkamiiti?

Madda suuraa, Bikila Daniel
Xiyyaarri obboleewwan kun hojjatan ol dheerina meetira 2 kan qabuufi dalga lafarra meetira 4.5 dheerata. Iddoo nama lama teessisu danda’u qaba jedhan.
Dheerinni koochoo xiyyaarichaa waliigalaa - fiixaa bitaa haga mirgaatti meetira 7 dheerata.
Akka Biqilaafi Lalisaan jedhanitti, waggoota sadan darban hojiisaarratti dabarsaniiru.
Guyyoota muraasan dura yaalii balalii wayita gaggeessan ‘’injinii dulloomaa waan ta’eef lafarraa ka’ee hin balaliine,'' jedhan.
Wayita yaalii gaggeessan namoonni kaan akka jajjabeessan, kaan isaanimoo akka miidhaan irra hin geenye akka yaadda’aniif kaasan.
Biqilaafi Lalisaan xiyyaara ofisaanii hojjachuun hawwiin daa’imummaasaanitii jalqabe ta’uu BBCtti himan.
Modeela xiyyaaraa guddaa otoo hin hojjatiin durammoo ‘’xiyyaaroota xixiqqaa qilleensarra balali’an hojjanneerra’’ jedhan.
‘’Daa’imummaatti xiyyaara xixiqqoo yeroo hojjannu, haati keenya nu jajjabeessiti ture, meeshaa xixiqqaa itti hojjannu nuu bitti.
Har’a sammuun keenya bichaataa, sadarkaan barnoota keenyaa guddataa yeroo dhufu hojjachuu dandeenya jennee kaane,’’ jedhan.
''Ogummaa Waaqayyoo nuuf kenneen xiyyaara guddaa hojjannee milkoofneerra.''
Maaliirraa hojjatame?

Madda suuraa, Bikila Daniel
Xiyyaarri Biqilaafi Lalisaa hojjatan waantootuma naannoo isaaniitti argamanirraati.
Biqilaafi Lalisaan motora doqdoqqee, muka waddeessaa, gommaa xiyyaara dulloomaa deeggarsaan namoota biraarraa argatan, akkasumas foo'aa keessoo xiyyaarichaa baajaajii keessaa gargaaramuun hojjataniiru.
Kana malees, qorqoorroo aluuniyeemii, ispoonjii, teessoo xiyyaaraa dulloomaa gatii rakasaan 4 bitachuun xiyyaara ofiisaanii ittiiin hojjachuuf itti gargaaramaniiru.
‘’Ispoonjiin qorqoorroofi sibiilli akka wal rigee sagalee hin qabaanneef qaama xiyyaarichaa keessa diriirsinneerra,'' jedhani.
Waddeessi cimaafi muka salphaa waan ta’eef muka kana ogeessa soofsifne itti gargaaramne jedhan.
Akkatti xiyyaarri hojjatamu eessaa baratan?
Dargaggoonni kun akkatti xiyyaarri hojjatamu baruuf toora intarneetiifi fuula kitaabaa garaa garaas garagalchanii dubbisu.
Kan malees, iddoo argametti namoota biroos gaafataa turre jedhan. Yaad-rimee baratan hojiitti jijjiruuf yaalaniiru.
YouTube irraa barbaaduun, kitaaboota toora intarneetiirrraa qo’achaa turuun akka isaan fayyade kaasaniiru.
Xiyyaarri isaan hojjachuuf yaalan motora sirnaa waan hin arganneef lafarraa ol ka’ee balali’uu garuu hin dandeenye.
Motora dulloomaan waan hojjatameef ammatti balali’uu akka hin dandeenye dubbatu obbolaan lamaan Biqilaafi Lalisaa Daani’el.

Madda suuraa, Lalisa Daniel

Madda suuraa, Bikila Daniel


















