''Abbaa Atoomik boombii'' kan jedhamu Roobart Oppanhayimar eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Adoolessa 16,1945 Roobart Oppanhayimar dhiphina hamaa fi gammachuu guddoo - miira akkaan walmakaa ta'e keessa ture.
Barii gaafa sanaa kutaasaa keessa taa'ee taatee addunyaa kana geeddaru milkaa'uu fi dhiisuu isaa eega.
Yogguu sana fageenya kiilomeetira 10 irratti kan argamu boombiin atoomawaa kan jalqabaa ta'ee fi maqaan ''Tiriiniitii'' jedhamu kennameef shaakala taasisuuf qophiin xumurameera.
Shaakalli kun Ameerikaa bulchiinsa Niwu Meeksikoo gammoojjii habalakaa Yordaanaadaa Deel Muweertoo jedhamu keessatti gaggeeffama.
Uumamaan qaamni isaa qallaa kan ta'e Roobart Oppanhayimar, guyyaa shaakalli gaggeeffamu kana yaadaa fi yaaddoon qaama isaa guddoo hube.
Torban sana keessa waa'een ''Pirojektii Y'' qaamaa fi qalbii isaa alanfatee nyaate.
Pirojektiin kun qaama pirojektii guddicha ''Pirojektii Maanhaataan'' yoo ta'u, kaayyoon isaas boombii atoomawaa hojjechuudha.
Oppanhayimar abbaa pirojektii kanaa ture. Dhiphinarraa kan ka'e ulfaatinni isaa kg 52'tti galeera.
Ulfaatinni isaa fi hojjaansaa [seenti meetira 178] walitti ida'amee wayita deemu waan qilleensi fuudhee badu fakkaata.
Guyyaa sana halkan sa'aatii afur qofa rafe, dhiphina sammuusaa xaxee qabe aara tambootiin maree waan ofirraa ari'u fakkaata, [tamboo akka malee aarsaa bule].
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni seenaa isaa barreessan- Kaayi Bardi fi Maartin Sheerwiin, kitaaba waa'ee seenaa Oppanhayimar dubbatu mata duree ''American Prometheus'' jedhuun maxxansaniiru.
Guyyattiin sun Roobart Oppanhayimariif guyyaa addaa akka turte kitaaba kanarratti eerameera.
Kitaaba kanarratti hundaa'uun kan hojjetame fiilmiin Kiristoofar Noolaan ''Oppanhaymar'' Adoolessaa 21, 2023 Ameerikaatti gadhiifameera.
Bardi fi Sheerwiin kitaaba kana keessatti, wayita boombiin yaaliif qophaa'e dhuka'uuf lakkaa'uu eegalu jenaraalli cinaa turaniifi Oppanhayimariin dammaqinaan ilaalaa turan taatee battala sanaa akkanaan ibsan.
''Akkuma lakkoofsi dabalaa deemuun dhiphinni Doktar Oppanhayimaris dabalaa dhufe. Hargansuun isaallee hin dhagahamu ture.''
Wayita boombiin kun dhohu ifi keessaa ba'e ifa aduu irra aane. Dho'iinsi akkanaa sana dura mudateeyyuu hin beeku.
Bakka boombiin kun itti dhoherraa kaasee fageenya kiilomeetira 160 irratti lafti socho'e.
Sagaleen dhukaasa kanaa dachee hunda walga'e, samiin adiin kun aara boombii kana keessaa ba'een haguugamee waan biraa fakkaate.
Oppanhayimar hafuura dheeraa baafate, yeroo dheeraaf ukkaamamee kan ture aara galfate.
''Akkaataan inni itti deemaa ture yoomuu hin dagadhu. Akkanni itti konkolaataarraa utaalee bu'e sammuu kiyya keessaa hin badu,'' jedhe hiriyaan dhiyoo Oppanhayimar Ayisiidoor Raabaay.

Madda suuraa, Getty Images
Oppanhayimar bara 1960'oota keessa gaaffii fi deebii taasiseen, akkuma boombichi dhoheen wanti yaada isaa keessa dhufe yaada kitaaba Hinduu, Bagavaad Giitaa keessatti barreeffame tokko akka ta'e hime.
Sararri inni yaadate sun akkas jedha: ''Kunoo! an amma du'a ta'eera, kan addunyaa mara balleessu.''
Dhohiinsa boombii kana booda dhiphinni fi mukaa'uun akkaan itti hammaataa akka ture kanneen waliin turan dubbataniiru.
''Roobart akkaan callisaa fi yaadaan badee ture. Keessattuu boombii dhohee torbanoota lamaan itti aanan keessa.
''Sababni isaa maaltu dhufuuf akka deemu waan beekuuf,'' jedhe hiriyaansaa tokko.
Gidduuma kanaan guyyaa tokko ganama waa'ee egeree Jappaanotaa ilaalchisee akkas jedhee miira gaddaan yeelala: ''Uummata miskiina kana, uummata hiyyeeyyii kana,'' jechaa olii fi gadi marmaara.
Guyyoota booda akkuma sodaate, Oppanhayimar akkuma yeroo boombiin dhuka'uuf jedhu dhiphataa ture ammas dhiphuu marsaa lammataatti seene.
Amma namoota ''ummata miskiina kan'' jedhee deddeebi'ee waamaa ture waan dagate fakkaata. Hooggantoota waraanaa hiriyoota isaa ta'an waliin walga'ee taa'eera.
Bardi fi Sheerwiin akka ibsanitti, kan baay'ee isa yaaddessee ture ''boombiin dhuka'e kun haala kamiin yaa kuffifamu,'' kan jedhuudha.
''Gonkumaa wayita roobaa yookiin duumessaa kuffifamuu hin qabu. Yoo baayyee olka'ee dhoka'e bakka itti kufu irratti miidhaa guddaa geessisuu dhiisuu danda'a.''
Yaaliin dhukaasa boombii ''Tiriinitii'' jedhamu kun taasifamee ji'a tokko booda magaalaan Jappaan-Hirooshimaan burkutoofte.
Oppanhayimar oduu kana akka oduu aagaatti waahillan hojii isaaf erga beeksisee booda, ''harkasaa mataasaatti xaxee, akka nama badhaaasa guddaa tokko argatee ta'e,'' jedha namni iddoo sana turuu himu tokko.
Gammachuudhaan, ilillee fi harka walitti rukuchuun biyyi machaa'e.

Madda suuraa, Alamy
Oppanhayimar sammuu fi onnee pirojektii Maanhaataan ture.
Kanneen pirojektii kana keessatti hirmaatan keessaa kan akka isaa qaamaa fi qalbii wareege hin jiru jedhu namoonni isa beekan.
Jeremii Barnistaayin waraanicha booda Oppanhayimar waliin hojjeteera.
Kitaaba bara 2004 maxxansiise keessatti, ''osoo Oppanhayimar pirojektii kana keessatti hin hirmaanne ta'ee, waraana addunyaa lammaffaarratti meeshaan waraanaa niwukilaraa osoo hojiirra hin oolin hafa ture jedhaan yaada,'' jedhe.
Ifaajeen Oppanhayimar wayita bu'aa buusu namoonni hedduun kallattii adda addaan miira isaanii ibsaa turan.
Bardi fi Sherwiin, Oppanhayimar ''uumama hubachuun nama rakkisuudha,'' jedhuun.
''Madda yaadrimee fiiziksii, hoogganaa simbo-qabeessa akkaan kabajamu, ogummaa fi miidhaginni kan gammachiisu, saayinstistii ajaa'ibaati.''
Hiriyoonni isaa gariin ammoo yaada kanatti walii hin galan.
Bara 1904 magaalaa Niwu Yorkitti kan dhalate Oppanhayimar, nama Ameerikaa jalqabaa gosa Jarmanii fi Ayihuud irraa dhalateedha.
Qe'ee warra isaa guddicha lixa Niwu Yoorkitti argamu keessatti hojjettoota manaa, konkolaachistoota maatii fi bu'aa ogummaa isaan marfamee, jireenya akkaan fooyya'aa ta'e keessatti guddate.
Badhaadhina akkasii keessatti guddatus garuu arjaa fi kan namaaf yaadu ta'uu hiriyoonni isaa dhugaa ba'uuf.
Hiriyaan isaa waliin baratan Jeen Diidiishaayim, ''ija laafus garuu sammuu ajaayibaa nama qabu ture,'' jetti.
Oppanhayimar umriisaa waggaa sagalitti kitaabota falaasamaafi Afaan Giriikii fi Laatiiniin barreeffaman dubbisuu eegale.
Achii mana keessatti guddate dhiisee barnoota Keemistirii barachuuf Yuuniversitii Harvaard seene.
Haata'u malee, Yuunivarsitii Harvaardittis ta'e gara Awurooppaa imaluun Yuunivarsitii Kaambiriijitti barachuu erga eegalee jireenyi salphaa akka hin turre xalayaawwan barreessaa turerraa ibsameera.
Yeroo tokko Oppanhayimar barsiisaa dhuunfaa isaa walin waldhabuun appilii keemikaala laaboraatooriin guutame xarapheezzaa barsiisichaa irratti dhiisee deeme.
Akka carraa ta'ee barsiisichi appilii kana osoo hin nyaatin hafe.
Boodas Oppanhaymar Keembiriij turuu kan danda'u erga ogeessa xiimsammuun fayyummaan sammuu isaa ilaalamee booda qofa akka ta'e dubbate.
Oppanhayimar boodatti deebi'ee waqtii kana wayita yaadatu, yeroo baayyee, keessattuu tibbana Ayyaana Qilleefaa of ajjeesuuf yaadaa akka ture hima.
Tumsa ogeeyyii xiinsammuun kan hin wal'aanamne sammuun Oppanhayimar, barreeffamoota dubbisuudhaan baraarame.
Waan hunda dhiisee dubbisaa karaarra deemuu eegale.

Madda suuraa, Alamy
Gara Jarmanii imalee Yuuniversitii Gootingan jedhamutti nama hoogganaa kutaa yaadrimee barnoota fiiziksii argate.
Hoogganaan kun Oppanhayimar gara dhaabbatichaa dhufee fiiziksii akka baratu affeeran.
Kanaafidha Oppanhaymar ''bara 1926 yeroon itti gara fiiziksii dhufedha,'' jedhee ibsuun kitaaba kan barreesse.
Gara Ameerikaa deebi'ee yeroo muraasaaf Yuunivarsitii Harvaard erga turee booda gara Kaalifoorniyaa deemee Yuuniversitii Baarkileey seene.
Waggaa dura bara 1939 ogeeyyiin fiiziksii waa'ee waraana niwukilaraa warra siyaasaa caalaa dhiphatu turan.
Wayita kanadha xalayaan Albart Ayinistaayin barreesse qalbii aanga'oota mootummaa Ameerikaa kan hawwate.
Bara 1942 Oppanhayimar fi hiriyoonni isa waliin hojjetan boombii hojjechuun akka danda'amu mootummaa Ameerikaatti agarsiisan.
Akka saayintistii tokkootti nuti boombii hojjechuu malee maaliif akka oolu nu hin galchu ejjennoo jedhu qabu turan.
Dhumarrattis wanti yaade isaaf milkaa'ee, pirojektii Maanhaataan jalatti boombii atoomawaa akka hojjetu taasifame.
Oppanhaymar umriisaa gara dhumaatti boombii hojjechuusaatti gammadus, balaa inni qaqqabsiisetti guddoo gadduu dubbatee ture.
Du'uusaa waggaa lama dura saayinsii fi walaloo walbira qabuun ibsee ture.
''Saayinsiin akka walaloo miti. Saayinsiin dogoggora tokko akka irra hin deebine kan irraa baratamuudha.''
Umriisaa gara dhumaa, waggoota 20, Piriinistan keessatti Albart Ayinistaayin waliin barsiisaa ture.
Umrii dargaggummaarraa eegalee osoo walirraa hin kutin tamboo xuuxuun kan beekamu Oppanhayimar dhibee daranyoo sombaan guddoo dararame.
Bara 1940 ogeettii Baayooloojii kan taate Kaatiriin Hariisan waliin gaa'ila kan ijaarrate Opanhayimar, umriisaa waggaa 62tti bara 1967 dhibee kaansarii ujummoo qilleensaan du'e.
Filmii jaalalas, jibbas horate
Daarektaroota fiilmii Holiiwuud qaba jettu keessaa tokko kan ta’e Kiristoofar Noolaan fiilmii ajaa’ibaa seenaa jireenyaa nama ‘Abbaa Atoomik Boombiiti’ jedhan Roobart Oppanhaymar hojjete.
Fiilmiin kun namoota siniimaa jaallatan biratti beekamtii guddaa argachaa jira. Fiilmiin Kiristoofar Noolaan kun guutummaa addunyaarratti hiriiraan daawwatamaa jira.
Haata’u malee, Fiilmiin kun warra Indoootaa ammoo lamatti waan hire fakkaata. Sababiin isaa ammoo Baagavaadii Gittaa akka ta’edha.
Bagavaadii Gittaan amantaa warra Hinduu biratti caaffatawwan qulqulluu jedhaman keessaa isa tokkodha.

Madda suuraa, Universal
Roobart Oppanhaymar fiilmicharratti kan mul’ate dubartii tokko waliin erga ciisee (saal-qunnamtii raawwateen) booda kitaaba kana dubbisa.
Kitaabota Roobart Oppanhayimar hedduu jaallatu keessaa tokko afaan warra Indiyaa durii kan ta’e Saansikiriitiin kan barreeffame Bagavaadii Gittaadha.
Adoolessa bara 1945 yaaliin Atoomik Boombii inni jalqabaa gammoojjii Niiw Meksiikoo keessatti gaggeeffamuuf guyyaan lama yeroo hafutti, Oppanhayimar kitaaba Bagavaadii Gittaa dubbisaa ture.
Yaaddoo keessa ta’ee kitaaba ‘Faaruu Waaqaa’ kana irra deddeebiin dubbisa ture.
Akka fiilmii Kiristoofar Noolaan hojjete kanaatti Roobart Oppanhaymar fi kitaaba Gittaa jedhamu kana adda baasanii ilaaluun hin danda’amu.
Haata’u malee, leellistoonni amantaa Hinduu tokko tokko fiilmii kana mormaa jiru.
Keessumaa ammoo Oppanhaymar jaalallee isaa Jiin Taatilook waliin erga ciisee booda Gittaa dubbisuun isaa haleellaa amanticharratti qiyyaafatedha jedhan.
Sababa kanaaf, bakki kun fiilmicha keessaa haa ba’u jechuun gaafachaa jiru.
Ta’us garuu gulaaltonni fiilmii Indiyaa fiilmicha rakkoo tokkollee hin qabu jedhaniiru. Fiilmiin kun Indiyaa keessattis akka malee jaallatamuun hunda caalee dursaa jira.












