Birriin Itoophiyaa akka addunyaatti dadhabaadha jedhamuun lammiilee biyyattiif hiikaa akkamii qaba?

Birrii Itoophiyaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Maallaqni Itoophiyaa Birriin akka addunyaattuu mallaqa dandeettii bittaan dadhaboo ta'an keessaa sadarkaa sadaffaarratti akka argamu tibbana gabaafame.

Gabaasicha kan baase Biluumbarg, birriin Itoophiyaa maallaqa Arjantiinaa peso fi kan Turkiye liraatti aanee maallaqa dadhabaa addunyaa isa sadaffaa ta'uu hime.

Sharafni birriin doolaara Ameerikaa waliin qabu bara 2025 kana keessa dhibbeentaa 15 oliin gadi bu'uusaas gabaasichi eere. Kana malees garaagarummaan sharafaa manneen baankiifi gabaa gurraacha gidduu jiruus yeroo gara yerootti dabalaa jira.

Hayyuu diinagdee misoomaa (development economics) kan ta'an Gammachiis Marshaa (Phd), gadi bu'uun dandeettii waa bituu birrii kun "diinagdeerratti faayidaas miidhaas qabaachuu danda'a" jechuun BBC'tti himan.

Birriin akkamiin dadhabaa dhufe?

Rifoormii Diinagdee Gooroo Itoophiyaan bara darbe keessa hojiirra oolchite keessaa tokko gatiin sharafa alaa gabaadhaan akka murtaa'u gochuu ture.

Murteen kun hojiirra ooluusaa hordofees sharafni birriin doolaara akkasumas maallaqa biyyoota biroo waliin qabu gadi bu'aa dhufe.

Kanaaf sababni guddaan immoo hanqina sharafaa biyya alaa biyyattii mudate ta'uu ogeessi diinagdee Gammachiis Marshaa himu.

"Doolaarri biyyi keenya alergii erguun argattu xiqqaadha. Akkasumas rifoormiin dura omisha waliigalaa biyyattii (GDP) keessaa %12 gargaarsa biyya alaarraa kan argamu ture" jedhu.

Haa ta'u malee biyyoonni guddatan gargaarsa duraan taasisan hir'isuunsaaniifi alergiinis omishaalee muraasarratti kan rarra'e ta'uunsaa fedhiifi dhiyeessiin sharafa alaa akka wal hin ginne taasisuu himan.

"Biyyi keenya guddachaa jirti, waan baay'ee biyya alaarraa galchatti, investimantiinis sosocho'aa jira. Suni hundi doolaara barbaada. Doolaarri alarraa argattu muraasa, pirojektii adeemaa jiru walin wal hingitu. Kan isheen barbaaddu baay'ee guddaadha.

Kanaaf gatiin doolaaraa gabaadhaan akka murtaa'u yeroo godhamu doolaarri baay'ee qaala'a, humni bituu birriimmoo gadi bu'aa adeema" jedhan.

Jireenya lammiileef hiikaa akkamii qaba?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dadhabaa adeemuun dandeettii waa bituu birrii miidhaas faayidaas akka qabu hayyuun dinagdee Gammachiis Marshaa himu.

"Miidhaan isaa qaala'insa gatii omishaalee biyya alaatii galanii (imported inflation) uuma. Xaa'oo, qoricha, galteewwan indaastirii akkasumas maashinoonni gurguddaan alarraa galu. Kanaaf hanguma doolaarri qaala'aa deemu gatiin wantoota kanaaf kaffallu guddachaa deema" jedhan.

Qaala'insi gatii omishaalee biyya alaatii galanii kunis keessattuu magaalotarratti qaala'iinsa gatii akka uumu himu.

"Keessattuu namoota galii dhaabbataa qabani kan inni irra caalaatti miidhu. Gatiin meeshaalee gabaarratti dabalaa yoo deeme mindaa dhaabbataa waan qabaniif ni miidhamu" jedhan.

Kana malees mootummaan liqaa irra jiru kaffaluuf akka itti ulfaatus himu. "Gatiin doolaaraa dabalaa yoo deemu mootummaan liqaa ofirraa kaffaluuf birrii baay'ee barbaada" jedhan.

Haa ta'u malee gadi bu'uun dandeetii waa bituu birrii kunneen omishaalee gara biyyoota birootti erganiif carraa gaarii kan uumu akka ta'es kaasu.

"Alergiin Itoophiyaa gabaa addunyaarratti dorgomaa akka ta'u gochuu dandeesisa. Sababnisaas biyyoonni biroon omishaalee Itoophiyaa gatii gadi aanaan bituu danda'u" jedhan.

Haaluma kanaan gadi bu'uun dandeettii waa bituu birrii rifoormii as mul'ate gama alergiitiin dadamaqiinsa akka uume akkasumas hanqina sharafa alaa ture gama hir'isuunis gumaachuusaa dubbatan.

"Kanaaf miidhaas faayidaas qaba. Kan barbaachisu miidhaasaa hir'isanii bu'aasaa guddisuudha. Bu'aan kan ol ka'uu danda'ummoo biyyattiin alergiishee guddisaa yoo deemtedha" jedhan.

Yaaddoofi abdii

Idaan biyya alaa Itoophiyaarra jiru akkasumas gadi bu'aa adeemuun dandeettii waa bituu birrii, amantaa inveestaroonni diinagdee biyyattiirratti qaban akka xiqqeessu ogeeyyiin diinagdee himu.

Haa ta'u malee omishaafi omishtummaan biyya keessaa guddachaa yoo deeme biyyattiin alergiirraa doolaara akka argattu akka taasisu ogeessi diinagdee Gammachiis Marshaa himu.

"Wanti guddaan jala muramuu qabu gatii birrii kan murteessu omishaafi omishtummaa biyya keessaa ta'uusaa hubachuun barbaachisa" jedhan.

Kana malees mariifi wal hubannaan mootummaan Itoophiyaa liqaa alaan walqabatee gama 'G20 Common Framework' taasisaa jiru abdii kan horu akka ta'es himu.

Dabaluunis "abdiin guddaan jiru dadamaqiinsa investimantiifi omisha biyya keessaa guddisuurratti kan jirudha" kan jedhan ogeessi diinagdee kun, hojiin albuudarratti hojjetamaa jiru jabaatee yoo deemefi nageenyi biyyattii keessaa yoo fooyya'e diinagdee biyyattiif abdachiisaa ta'uu himaniiru.