Poolisiin paastarii hawaasa 'Salaale arrabse' jedhe seeratti dhiheessuuf

Paastar Henook Girmaa

Madda suuraa, Prophet Henok Girma/ JPS Tv

Ibsa waa'ee suuraa, Paastar Henook dhimma kanarratti wanti dubbate hin jiru

Godinni Shawaa Kaabaa Paastar Henook Girmaa 'Salaale arrabse' jechuun shakke seeratti dhiheessuuf sochii eegaluu beeksise.

Barsiisaan amantaa kuni wanti dubbatan dhihoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa erga qoodamaa ture booda kuni dhagahame.

Abbaan Alangaa Godina Shawaa Kaabaa ibsa gaafa Roobii baaseen ''arrabsoo hawaasaan jeequmsa biyyaa fiduuf yaaluun yakka'' jedheera.

Dhimma kanarratti barsiisaan amantaa Paastar Henook ibsa Roobii waaree booda baasaniin ''dhiifama'' jedhaniiru.

Viidiyoon gadhiifame ''haala dubbii keessaa bahee ummanni keenya tokko tokko akka komatu taasise jira,'' jedheera ibsi bahe.

Itti gaafataman Qajeelcha Poolisii Magaalaa Fiichee Inispeektar Taammiruu Baay'isaa 'nama dhuunfaa arrabsuu danda'a, garuu biyya arrabsuu hin danda'u' jechuun BBC'tti himan.

Viidiyoo qoodamaa ture namoonni qoodaa komiifi mufii ibsaa turan.

Maaltu ta'e?

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodameerratti dubartiin tokkoofi Paastarichi yeroo walitti dubbatan bakka isheen dhufte gaafata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Isheenis Salaale jettee deebiste. Jiraattonni Godina Shawaa Kaabaa gama kaaba Finfinnee jiraatan Salaale jechuun of waamu.

Maqaa godina isaaniis Salaaletti akka jijjiiramu sochi eegalanii turan.

Paastar Henook yeroo deebisu ''biyyichi biyya falfalaati [xonqaay]'' yeroo jedhanii dubbatan dhagahama.

Isheenis, ''eeyyee'' yeroo jettee deebistu mul'ata.

Sababa seeraan barbaaduuf waajjirri Abbaa Alangaa Godina Shawaa Kaabaa yoo ibsu; ''Salaalee arrabsoo duuchaan gadi qabuuf yaale seeratti dhiyaachuuf hojjetamaa jiraachuu'' dubbate.

Dubartii viidiyoo kanarratti mul'attu Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Fiichee fi Pooliisii Magaalaa Fiichee ALI Mudde 14/ 2018 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu ibsi bahe mul'isa.

Inispeektar Taammiruun dhimma kana BBC'f kana mirkaneessaniiru.

''Kalee to'annaa jala oolchineerra. Kan isaammoo ajaja mana murtii qaama ilaallatu faana baasnee to'achuuf itti deemaa jirra,'' jedhan.

Poolisiin viidiyoo kana barsiisaan amantaa kuni ''TikTokii irratti gadhiiseera'' jedhe.

''Haala jiru ishiirraas hubanneerra. Isheenis amanteetti waan ta'ef kanarraa kaaneeti gara seeraatti dhiheessuuf deemaa kan jirru'' jedhan.

''Xanquwaay, matatanyaa, muwaartanyaa jedheeti arrabsa. Biyyimmoo ta'u hin danda'u. Tarii nama dhuunfaa jechuu danda'a malee biyyi hin jedhamuus.

''Kunimmoo ka'umsa lolaafis yakkaatis ta'u danda'a waan ta'ef inni kuni hanga xumuraa deemamee seeraan murtii argachuun dirqama.''

Poolisiin odeeffannoo qabuun Paastar Henook magaalaa Finfinnee akka jiraatan ibseera.

Akkamiin to'achuuf yaaltan jechuun BBC'n gaafateera.

''Adeemsa seeraa qaba... Adeemsaan ittii deemne qabna rakkoo hin qabu,'' jechuun deebisan.

Abbaan alangaa godinichas ''Naannoo biraa keessa jira waan taheef qaama feederaalaa waliin mari'atamaa jira,'' jedhe.

'Salaaleen biyya gootaati'

Aangawoonni Godina Shawaa Kaabaa barsiisaan amantaa maqaa Shawaa Kaabaa haala gaarii hin taanen kaase jechuun himatu.

Inispeekatar Taammiruun ''Paastariin Henook Girmaa jedhamu kuni maqaa biyya Salaale gootaafi amantiidhaan kan beekame arrabseera,'' jedhan.

Abbaan Alangaa Godina Shawaa Kaabaas ''Salaale biyya gootaa , safuufi duudhaa Oromoon kan bulu amantaalee garaagaraa waldanda'ee waliin jiraatu,'' jechuun ibse.

Barsiisaan amantaa ''... yakka arrabsoo raawwateef gaafatamuu qabaan gaaffii ummata Salaaleeti,'' jedhe.

Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Shawaa Kaabaa Obboo Daamxoo Xannaa ''maqaa sabaa xureesse'' jechuu isaanii waajjirichi ibseera.

''Arrabsoon , maqaa sabaa xureessuun yakka,hawaasa waan jeequmsa biyyaa fidu kaasuu yakka guddaa dha.

''Kutaa hawaasaa tokko kophaatti adda baasee Salaalee jedhee arrabsoo jibbiinsaa dubbachuun yakka seeraanis ni gaafachiisa.''

Dubartii waliin turterraa ''eeruu irraa fuudhuun qorannoon gadi fageenyaa gaggeeffamaa jiraachuu,'' dubbatuun isaaniis ibsameera.

Paastar Henook maal jedhan?

Ibsa waldaan isaanii Waldaa J.P.S jedhamtu baasterratti ''Waldaan keenyaa kutaalee hawaasaa hunda wal qixa kabajuu fi ilaaltudha'' jedheera.

Ergaan viidiyoo kanaa ummata Salaalee guutuu osoo hin taane ''hojii hafuurota hamaa kutaa biyyaa kamittuu'' jiran akka ilaallatu ''cimsinee ibsuu barbaanna,'' jedha.

Ta'us, viidiyoo gadhiifameen kan ''mufatanii fi dhimmicha sirritti hin hubanneef, jaalala Gooftaa Yesuusiin dhiifama guddaa isin gaafanna,'' jedheera ibsi bahe.

Barsiisaan amantaa kuni kana duras dubbii falmisiisaan maqaan isaanii ka'ee beeka.