'Paastaroonnii fi raajonni' maqaa amantaatiin waliin dhahan maaliif Itoophiyaatti baay'atan?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti yeroo dhihoon as namoonni ofiisaanii ‘raajii ykn paastarii’’ jechuun of waaman garuu yakkawwan adda addaa raawwachuun himannaan irratti ka’u mul’ataa jira.
Yeroo tokko tokkoos gochaan namoonni hordoftoota isaanitiin ‘paastarii, raajii, nama waaqaa’ jedhamuun waamaman kunneen miidiyaa hawaasaa irratti ijo dubbii ta’e tureerra.
Namonni kunneenis birri akka baay’isan, hordoftoota amantichaa irra maallaqa akka fudhatan, karaa raajitiin maallaqa akkaawuntii baankii keessa akka galchan, akkasumas hojiiwwan raajii adda addaa akka raawwatan yoo dubbatan ni dhagahamu.
Akkasumas nama du’e ni kaafna jechuu wayita boollaa qochisiisan dubartoota gudeeduun kan itti murtaa’e jiraachun gabaafamaa ture.
Hordoftoonni amantichaa BBC’n dubbises, taateewwan durewwan amantaa wangeelaa irratti ka’an kun namoota dhihenyatti beekan irra gahuufi ofiinis akka beekan dubbatu.
Dureen Waldaa Landaniitti argamuu Phaawulos Faqaadu, ‘‘Isaan kunneen amantoota wangeelaa bakka hin bu’an, amantaadhaanis nu waliin tokko miti. Isaan amantoota waan jedhaniif qofa akka qaama keenyaatti hin ilaallu. Amantaadhaan tokko miti. Bakkas nu hin bu’an’’ jechuun cimsanii qeequ.
Pirezidantii Gamataa Waldaa Kiristaana Walgeelaa, Soortuu Tsaadiquu Abdoos yaada Soortuu Phaawuloosin waliigalu.
Barsiisaan Tii’oliijii Takkaalinyii Nagaa (Dr) gama isaatiin, biyyoota lixaa keessatti namoonni akkasii pastopreneur akka jedhaman kaasuun, kunis ‘daldaltoota’ jedhamu jedhan.
Jechi pastopreneur jedhu kunis Entrepreneur jecha jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u, jechi ‘Partner’ jedhu ammoo jechaa pastarii jedhu irraa fudhatameedha.
Kanaafuu, dureewwan amantaa dhaabbilee amantaa keessatti gochaa yakkaa adda addaa raawwatan kunneenis, maallaqaan alatti waan biraatiif kan yaada hin qabneedha jedhu.
Raajiiwwan sobaa maaliif baayyatan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raajoonni sobaa kunneen kan baay'tan Itoophiyaa keessatti qofaa akka hin taane Soortuu Tsaadiquu Abdoo fi Phaawuloos Faqaada ni dubbatu.
Taateen akkasii kunis Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Zaambiyaa akkasumas biyyoota guddatan tokko tokko keessatti kan mul’ataniifi taateewwan addaa mudachuu miidiyaaleen gabaafamaa ture.
Barsiiftoonni kunneen barnoota dogongoraa fi leenjii karaa Ameerikaa Kaabaa, Naayijeeriyaa fi Afriikaa Kibbaatiin gara Itoophiyaa kan seenaan ta’uu BBCtti himan.
Keessattuu jedhu Soortuu Tsaadiiquun, ‘‘namni Bushirii jedhamu Afriikaa Kibbaa irraa gara Itoophiyaatti erga dhufanii booda dargaggoonni Itoophiyaa daandii kana hordofuuf yaalu.’’
Hodroftooa amantichaa BBC’n dubbise, namoonni fedhii isaaniitiin ka’uun Macaaf Qulqulluu jallisanii namoota kiisii isaanii guuttachuuf barbaadan akkaan baay'ataniiru.
Kanaaf ammoo namoonni akka barbaadaniitti waldaa mataasaanii dhaabu isaaniiti jedhu.
Kana dura namoonni hubannoon wangeelaa isaan qabaniifi naamusni isaanii qoratamuun gara tajaajilaa seenu turan. Amma garuu waltajjiiwwan ofiisaanitiin uumanirratti akka barbaadaniitti carraa fedhan argatu jedhu barsiisaan Tiiyooloojii Dr Takkaalinyi.
‘‘ADWUI aangootti dhufuu hordofuun amantoonni hedduun leenjiifi qophii gahaa malee gara amantichaatti makamusaanii hordofee, eddoowwan hoggansa saffiisaan namotuma kanneen qabamuun kan rakkoo kana fide natti fakkaata’’ kan jedhan ammoo maqaansaanii akka hin eeramne kan gaafatan barsiisaa Tiiyoologii kan biraati.
Waldittiin bilisummaa argameen karrashee waan saaqxeef keessattuu namoonni biyya alaarraa haala barsiisa adda ta’e fidanii dhufan qophii gahaa malee saaxilamu dandeesse jedhu.
‘‘Lallabddoon wangeela badhaadhiinaa guutan’’ kan jedhan barsiisaan kun, ciminni afuraa dadhaabaa gamtaa barbaacha qofa eeddoodhaa eddootti imaluun amantoota biratti akka mul’atu kaasu.
Dr Takkaalinyi gamasaanitiin, hawaasni amantoota wangeelaa barsiisa Phenxeqosxeefi Kaarizimaatikii hordofan, ‘‘daandiiwwan Waaqni jidduu keenyatti ittiin hojjatu keessaa tokko kennaawwan afuuraa jidduu keenyatti dhangalaasuudha’’ jedhanii amanu jedhu.
Keessattuu dhufaatiin Kiristoos lammataa dhiyaachaa wayita adeemuutti tajaajilli kennaa afuraa kun baayyachaa adeema jechuun akka amanan kaasu. Kun ammo raajoota sobaatiif daandii akka saaqe dubbatu.
Haala sirna kana duraa keessa ture yaadachuun, bara Dargii keessa hawaasni amantoota wangeelaa qabeenya guddaa jedhamu horatan hin turre jedhu. Amantoonni baayyee ari’atamu turan.
“Yeroos tajaajilli haala aarisaatiin gaggeeffamaa waan tureef, kan tajaajila bira darbee kiisii namootaa galu hin turre.
Amma garuu waldaaleen ari’atamuu sanarraa bilisa taanaan akkuma namoota amantaa biraa keessa jiraniitti, maallaqa karaa sirrii hin taaneen gara kiisii isaanii kanneen galfachu barbaadan umamunsaanii hin oollee’’ jedhu Dr Takkaalinyi.
Ibsa yaali waliigala Gamtaa Waldaalee Amantoota Wangeelaatiin ALI bara 2009 baasanii turan irratti, malawwan ittiin barsifniwwan dogongoraa kunneen ittiin dabarfaman keessaa miidiyaalee akka TV fi miidiyaalee hawaasaa dursaan kan eeraman ta’u kaase ture.
Dr Tkkaalinyi gamasaanitii carraan miidiyaalee hawaasaa uuman bal’aa ta’uu kaasuun, ‘‘Dur namni dibata qaba jedhee yaadu tokko tajaajiluu yoo yaadutti hawaasa birratti eegalee, xinxalamuufi ilaalamu qaba ture. Amma garuu battaluma miidiyaalee hawaasaarratti of beeksiisuun tajaajila akkasii jira jedhanii namoota yaadan burjaajeessuuf carraa umeera.’’
Aangoo hafuuraa kan Kennu eenyu?
Namoonni maqaa amantoota wangeelaatiin hojii waliin dhahu raawwatan kunneenis Macaafa Qulqulluu eeruun alatti, aangoo afuuraa garaa garaa yoo fayyadaman mul’atu.
Ilaalcha amanataa Wangeelaa keessatti aangoowwan kanneen kan Kennu Waaqa jedhamee akka amanamu dubbatu Dr Takkaalinyi.
‘‘Haata’u malee Waldaan ammoo qaama kennaa nama kanaatiif beekamtii kennituudha.’’ Waldaanis ergama nama kanaaf kenname sakata’uun kan beekamtii kennitu jedhu.
Haata’u malee, nama tokko aangoo kan kennitu waldaa osoo hin taanee kennaa jireenyasaa keessatti calaqisuun kan mirkanaa’udha jedhu Dr Takkaalinyi. Kanaafuu, tajaajilaa wangeelaa, ssortuu, lubumma, kkf haaluma kanaan ta’uu Soortuu Phaawulosis irratti waliigalu.
“Amma rakkoo uumaa kan jiran kanneen …hoggansa tokkichaan socho’an. Abban waldaa isaan, kan of mudanis isaanuma. Qaamni itti gaafatamaa ta’an kan biraa hin jiru,’’ jedhu Phaawuloos Faqaadu.
“Yeroo tokko tokko amantaan kennaawwan Waaqaan hoggantoota waldaatiin ni dhiibama jedhu waan jiruuf, kanneen qaawwa kana jidduutti umamuutti fayyadamuun ummata saamaniif karra saaqa.’’
Raajoonni sobaa mallattoolee ittiin adda baafaman qabu?
Barsiiftoonni Tiiyoloojii BBCn dubbise kunneen, sagalee tokkoon amallisaanii jalqabaa ergaawwan raajoota sobaa eenyummaa isaanii ijaarurratti fulleeffata jedhu.
Haala barsiiftoota amantaa kaanii adda ta’een gochaafi barumsi barsiisan hundaan galmsaanii dhumaa amantoota biratti raajii uumuu, kana keessatti guddinasaanii dubbachuu, dhumarrattis fakkeenya ofiisaanii uumaniitti fayyadamuun maallaqa ofiisaaniif sassaabachuutti akka qajeelan irratti waliigalu.
Kana malees ergaansaanii karaa kamiinuu dabarfamus, ‘‘xiyyeeffanaan isaa guddaan amantootarraa maallaqa ittiin argachun wal qabata’’ jedhu.
Gama kaanii hordoftoonni amantichaa cuphamanii dhiisanii, ykn yakka raawwatanii dhiisanii kan isaan hin dhibne ta’usaanii kan kaasan barsiiftoonni amantaa kunneen, raajoonni soba karaa ta’een kan xin-sammu hordoftoota isaaniitti hirkachuun bobba’aniidha jedhu.
Kanaafu hordoftoota isaanii kanneen cubbuu raawwatan hundi akka itti hin gaddineef jecha balleessa qabda hin jedhaniin jedhu.
Furmaata seeraa qabaa?
“Qaamni haguuggii tajaajilaa kaawwate kamuu haguuggii tajaajilummaatiin nama kaan irratti badii raawwachaa, balleessaa namni kaan ittiin gaafatamuun sababii hin gaafatamneef hin jiru,’’ jedhu Dr Takkaalinyi.
Gaaffiin jiru garuu namoonni baayyeen carraan akkasii akka jiru beekanii maaliif itti hin fayyadamne? kan jedhuudha.
Namoota badii irratti raawwatame dhaggeesifachuuf yaalan irratti dorsiifni irra akka gahe akka beekan kaasu Dr Takkaaliinyi.
Miidhamtoonni akeekkachiifni kennameef waan jiraniif, ‘‘danqaan sodaa jira jechuudha’’ jedhu.
Kan biraa ammo gara seeraa deemuun iyyata dhiyeeffachuuf, namoonni kunneen badii isaan irratti raawwachuf raga dhiyeessuun yeroo baayyee rakkisaadha.
Kennaawwaniifi jijjirraan maallaqaa namoota waliin dhahan kanneen waliin taasifamuuf yeroo baayyee bakka ragaan hin jirreetti waan ta’e ragaa dhiyeessuun ni rakkisa.
Akkasumas ‘‘badii irra gahu seeratti dhiyeessuurra Waaqni yeroosaatti murtee akka kennuuf isatti dhiisuu kanneen filatan jirau’’ jedhu Dr Takkaalinyi.












