Akka itti gaggeessitoonni bebbeekamoo amantii biyyoota Afrikaa hordoftoota gowwoomsan

Qeesii hordoftootasa fayyisuuf bofa nyaachiissu.

Madda suuraa, End Disciples Ministries

Ibsa waa'ee suuraa, Qeesii hordoftootasa fayyisuuf bofa nyaachiissu.

Mirga waaqeffannaa kabachiisuun biyyoota Afrikaa dabalatee bakkeewwan biroo addunyaa keessa waan gaarii fideera. Haata’u malee, namni kamiyyuu mirga waan fedhe amanuu qabaachuun amantii garii to’achuummoo dhorkee jira.

Biyyoonni Afriikaa waggoota dhihoodhaa asitti geggeessitoonni amantii maqaa gaarii ofii godhanii qabeenya amantiifi maallaqa ajaa’ibaa argataa jiru. Amantoota isaan hordofan sababa amantiisaanif akka hin malletti itti fayyadamanii miidhaa irraan geessisaa jiran.

Lakkoofsi gaggeessitoonni amantii amantootasaanii akka hamtuu itti fayyadaman guyyaan dabalaa jira; hedduunsaanii ammoo miidiyaaleerratti ibsamaa hin jiru.

Gochaafi raajiiwwan gaggeessitoonni kun raawwanne jedhanii dubbatan kan garii waraabamee miidiyaa hawaasarratti namoonni hedduun ajaa’ibsiifachaa turan.

Wanti nama gaddisiisu garuu, amantoota miidhamaa jiran kanaaf gargaarsi womaatuu taasifamuu dhabuudha.

Afriikaa Kibbaatti lubni tokkoo hordoftootasaa fayyisuudhaaf qoricha farra ilbiisaa fuulatti biifuun mul’achuun namoota hedduu rifachiiseera. Garuu namni mirga waaqeffannaatti fayyadamuun gocha akkanaa raawwachuusaa qofaa miti.

Magaalota Afiikaa cufa keessa beeksisawwan manneen amantii yeroo baayʼee maqaa Barri Dhuma Addunyaa Dhihaateera jedhuun nama sodaachisuu, kan akkuma kadhataniin nama fayyisuufi dhukkuba kammiyuurra fayyina argamsiisuus ni danda’a jedhutu maxxanfame mul'ata.

Paastaroonni manneen amantii kanneen gaggeessan hafuura qulqulluudhaan kan muudaman jedhanii, dhaabbileen duraanuu hundeeffametti makamuu mannaas kan ofii hundeessatanii humna ittiin dinqiiwwan raawwachuu dandeenyu qabna jechuun namoota burjaajessu.

1px transparent line

Odeessaalee gowwoomsaa amantiin walqabatan biroo:

1px transparent line

Haataʼu malee, raajiiwwan ykn 'dinqiiwwan' isaan hordoftoota isaaniif ni raawwanna jedhan kan qabatamaan hojiidhaan mullachuu danda'u erga amantooti kunneen lubootasaaniif maallaqa kennanii ykn akka yeroo baayyee dubbatamutti ‘sanyii erga facaasanii booda’ akka ta'utti walqabsiisan.

Wantoonni luboonni kunneen duraan raawwataniifi kan ammallee raawwachaa jiran keessaa tokko tokko kanneen itti aananidha:

‘Cuunfaa dhukkuba Eedsii fayyisuufi daa’imman duʼaa kaasuu’

Raajii beekamaan Dimokiraatiik Riippabliika Kongoo (DRC) Doominik Koondee jedhamu hordoftoota miliyoona hedduu addunyaa kanarraa qaba.

Amantoonni isa hordofan cuunfaan mana amantii isaatti gurguramuu dhukkuba cufa kan akka Eedsiifi kaansarii dabalatee fayyisuufi daa’imman duʼan duʼaa akka kaasuuf humna qabutti amanan.

Cuunfaan kun gaazii, bishaaniifi makaawwan biroo irraa hojjetama. Erga ji’a kana Koondee miidiyaa DW irratti ibsanii, dinqii cuunfaasaa kan miilii liitiriin 300 Yuuroo miliyoona 14ttin gurguramuu miidiyaa hawaasarratti dubbii ijoo ta’eera.

Konfiraansiiwwan inni lallabaaf waamurratti namoonni kumaatamatti lakkaa'aman isa dhaggeeffachuuf itti hirmaatu.

Akka namoonni jedhanitti, cuunfaasa kanarraa miliyoona baay’ee argata. Mootummaan Dimokiraatiik Riippabliika Kongoo ammoo akka inni sochiiwwan kanaan itti fufu hayyameeraaf.

Hoogganoonni duraanii biyyattiifi maatiin isaanii hordoftoota Doominik keessatti argamu.

'Gaazii cuunfaa anaanaasiitti geeddaruu'

Magaalaa guddicha Afriikaa Kibbaa keessatti, lubni mana amantii Raabbuun jedhamu gaggeessu Luba Lesegoo Daaniʼel amantootasaa gaazii anaanaasiitti geeddare jechuun akka dhuganiif ajaja.

Viidiyoon miidiyaa hawaasarratti maxxanfame amanaan tokko kan gaazii distiitti dhangalaase akka inni boba’u mirkaneessuuf ibidda bobeessu argisiisa. Achiin booda, gaazii kana dhuguun miidhaan narra gaʼu hin jiru jedha.

Viidiyoo kanuma keessatti, lubichi gaaziin kun akkamidha jechuun amantoota yoo gaafatu, dubartiin tokko waltajjiirraatti dhugdee miyaa'usaa himte. Kana hordofee dubartoonni hedduun gaazii kana dhugan.

’Luba Bofaa’

Peenu’el Niguuniin umrii isaa 25tti mana amantii 'Guyyaa Dhumaa' jedhamu bara 2015 irra kaasee gaggeessaa ture.

Duraan garuu hordofaa Luba Lesegoo Dani’el kan hordoftootasaa fayyisuudhaaf qoricha farra ilbiisaa fuulatti biifuu ture.

Gaafa manni amantii kun baname hordoftootasaan abaaboo nyaadhaa jedhee ajajuusaa suurri kaafame miidiyaa hawaasarra naanna'aa ture.

Suurri biroo ammoo yeroo inni hordoftootasaa dhakaa nyaachisu argisiisudha. Kana gochuun dhakaa kana gara daabboottin geeddare jedhee hordoftootasaa amansiise.

Maqaan 'Luba Bofaa' jedhu kan kennameef ammoo erga inni hordoftootasaa boofaafi hantuuta gara chokoleetiitti geeddare jechuun nyaachisee boodadha. Achiin booda jiraattonni magaalicha keessaa ari’uudhaan mana amantii kana cufan.

‘Laafina humna dhiirotaa fayyisuu’

Biyya Gaanaa keessatti lubni Daani’eel Obinnim jedhamu rakkoo amantootasaa furuuf sirna amantii qaalii kan adda taʼe fayyadama.

Gochawwan inni taasisu beekaman keessaa yeroo tokko kan inni dubartii ulfa taate hafuura hamaa irraa baasuuf jecha ciibsisee garaasheerra dhaabbatedha.

Gochi isaa biroon kan inni dhiira tokko ‘laafina humna dhiirummaa’ nan fayyisa jechuun qaama saalaa osoo qabuu argamedha.

Shaakala isaa kana hordofee dhiironni hedduun wallaansa kana argachuuf harka ol qabatanii akka lubichi qaama isaanii qabuuf hiriiru.

Boodarra garuu lubni kun gocha isaa kanaaf michoota isaa lama dabalatee akka hidhamuuf itti murtaa'e.

‘Balaay ka’i’

Oduun maqaa amantaatiin nama burjaajessuu kana fakkaatu Itoophiyaa keessatti Adooleessa 20, 2018 Wallagga Bahaatti uumamuun isaa ni yaadatama.

Viidiyoon wayita namtichi Geetaayawuqaal Ayyalee jedhamu reeffa guyyaa afur bule kaasuuf yaaluu marsaalee hawaasaa irratti namooti hedduun daawwachaa ture.

Obbo Balaay Biiftuu jiraataa aanaa Limmuu magaalaa Galiilaa lubbuu dhamnaan, maatiinsaa gadda guddaarra osoo jiranii Geetaayawuqaal gara maatiisaa deemuun Macaafa Qulqulluu keessaa seenaa du'aa ka'uu Alaazaar isaanitti hime.

Kanumaan Balaayis ni ka'a jechuun maatii fudhatee gara lafa awwaalcha Waldaa Guutuu Wangeelaa ganda 01 keessa jiruu adeeme. Namoota awwaalicha bareechanii hojjetanii gara xumuraatti fidanillee achirraa ari'uun awwaalicha qotan.

"Kanumaan namtichi Geetaayawuqaal jedhamu kun mataa reeffichaa irraa uffata itti maramee ture kaasuun gadi itti jedhee Baalay ka'i! Ka'i Balaay! jechuun itti iyyaa ture."

Homaa jijjiramni gaafa dhibus diriirfatee irra ciisuun ka'i! ka'i! jechuun iyyee dadhabee 'innoo hin danda'amne' jechuun dhiisee yommuu bahu namootni achi turan dhugumayyuu ati sobduudha jechuun reebuuf itti ka'an.