Paasterii dureessa ilaalcha dubartootaaf qabuun hedduu qeeqamu

Madda suuraa, PASTOR E A ADEBOYE
Paastariin Naayijeeriyaa hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman qabaniif kan nama ganna 78 yoo tahan, yaadawwan isaanii dubartoota ilaalchise kennaniin komatamu.
Waldaa Kiristaanaa Riidiimd jedhamu waggoota 40f hoggananiiru. Manni amantichis bulchiinsa isaaniin akka guddate ni himama.
Kibba Naayijeriyaa naannoo Kiristiyaanoti baayyeen jiranitti lafa waldaan Riidiimd hin jirre argachuun nama rakkisa gabaasaan BBC damee Naayijeriyaa Nduka Orjinmo.
Waldaa mallattoo gugeetiin of beeksisu kana daandii tokko irratti waldaalee lama arguun waan barame.
Haa tahu malee, paastariin kun ilaalchi isaan dhimma koorniyaa fi gaa’elaa irratti qaban namoota baayyee dheekkamsiiseera.
Naayijeriyaan biyya barmaatiilee aadaa harbeessuun beekamtuu taatus dubbii paastarii kanaa warreen qeeqan xiqqoo miti.
'Dubartii nyaata bilcheessuu dandeessu fuudhaa'
Paastariiin kunis miidiyaa hawaasummaa irratti haalaan hirmaatu.
Ji’a Adoleessaa darbe kanatti guyyaa dhalootaa haadha warraa isaanii qabata gochuun ‘Dubartootaaf barnoota’ jechuun twitara irratti barreessanii turan falmii olaanaa kaasee ture.
‘’Hangam barattan illee abbaan warraa hogganaa mana keessan. Yeroo kamiyyuu akka hogganaatti isa ilaaluu qabdu,’’ jechuun hordoftoota isaanii miiliyoona 1.3f barreessaniiru.
Fuula instaagiraamii isaanii irratti immoo, ’’haati warraa koo karoora akkamillee qabaattu dhiisiitii na waliin deemi yoon jedhe, dhiistee na duukaa buuti,’’ jechuunis barreessaniiru.
Kana malees, paastarichi kun waggaa afran dura immoo ‘’dhiirooti dubartii dhibooftuu hin fuudhiinaa’’ baasii alatti baasuun ijaa ulfaatuuf dubartii bilcheessuu hin dandeenye hin fuudhiinaa,’’ jedhaniis ture.
Dubbiin isaanii kun Televizyiniidhaan tamsaafame warreen mirga dubartootaaf falaman dheekkamsiiseera. Waan dubbatan kan deeggaran illee hin dhibamne
Paastar Enook yaadiwwan dubartoota irratti kennaniif keewwata Macaafa Qulqulluu eeru. Kanneen keewwanni Macaafa Qulqulluu haala adda addaatiin hiikamuu akka danda’u kan falman immoo jiru.
‘’Tajaajilaan amantii tokko hogganu ilaalcha akkanaa qabaachuun nama hin dhibu,’’ kan jettu amantii Kiristaanaa kan hordoftu Maartaa Eedam,
‘’Paastarichi guyyaa dhalootaa haadha warraa isaanii sababeeffachuun waan dubartoota qoodu dubbachuu irra jaalalleewwan akka wal-kabajaniifi wal-jaalatan ergaa otoo dabarsanii gaarii ture,’’ jetti
‘’Mootummaa Waaqaa akka dhaaltaniif kennaa’’
Sababii koroonaavaayirasiin walitti qabamuun otoo hin dhorkamiin dura namootni kuma dhibbaan lakkaa’aman waldaa isaanitti walitti qabamu.
Kanneen raajii barbaadan, jireenya barabaraa warreen fedhan, cubbuu isaanii warreen himataniifi daldalli isaanii akka milkaa’uu warri hawwan walga’u.
Waldaa damee Abujaatti dargaggoon argame tokko, ’’Waaqa waliin tahuun fedha. Barsiisa kiristaanaa dhugaatiin jiraachuun barbaada. Kana immoo kanan argadhe karaa Waldaa Riidiimdii dha. Hawwiin koo jannata galuu dha,’’ jechuun dubbata.
Amantoonni kaan immoo ‘qulqullummaan’ paastarichaa akka isaan hawwate himu.
‘’Paastarichi waan dubbatan waan jiraataa jiraniifi ofis gadi ijaa qabaniif,’’ akka qalbii isaanii bitan himu.
Waldaa paastarichi warreen deeman qarshii kennuu fi miya waldichatti gurguramu bitachuu irraa boodatti hin deebi’an.
Baayyeen isaanii kurnaffee isaanii kennuuf eeyyamamoodha.
Paastarichi kana dura, ’’namni kurnaffee isaa hin kaffalle mootummaa Waaqaa hin dhaalu,’’ jedhaniitu turan.
Paastarichi qabeenya hangam akka qaban beekuun rakkisaa dha. Qabeenya dhuunfaa isaaniifi kan waldaa gidduu adda kan bahe miti.
Qabeenyi isaanii doolaara miiliyoo 60-130 ni taha jechuun kan tilmaaman jiru.
Qabeenyaan isaanii kun sirbitoota biyyattii beekamoo waliin walitti siqa. Taphattoota Naayijeeriyaa biyya garaagaraaf taphatan illee caaluu danda’a.
Paastarichi Yunivarsiitii Leegositti barsiisaa Herreegaa kan turan yoo tahu, miidiyaatti dubbachuuf fedhii hin qaban.
Karavaatii boca billaachaa qabdu keewwatu, qomee sarara qabu uffatu. Akka paastariiwwan Naayijeeriyaa biroo kophee balaqqisu hin keewwatan, rifeensa isaanii dibataan hin ciibsani.
Maatiin paastarii kanaa harka qalleeyyii turan, isaan immoo nama of gadi qabuudha ittiin jedhu warreen dhiyootti isaani beekan.
Haa tahu malee, tajaajilaan kun yookiin waldaan isaanii, yunivarsiitii, jeettii fi konkolaataawwan qananii qabu.
Paastariin kun siyaasa keessatti illee dhageettii qabu. Lammiilee Naayijeeriyaa galii gidduu galeessaa qaban biratti illee kabaja guddaa qabu.












