Paastarii Naayijeeriyaa 'hagam barattullee, mataan dubartii dhiira' jedhetti duulli baname

Paastarii lammii Naayijeeriyaa Iinooch Adabooy haadha warraa isaanii waliin

Madda suuraa, RCCG

Ibsa waa'ee suuraa, Paastarii lammii Naayijeeriyaa Iinooch Adabooy haadha warraa isaanii waliin

Paastariin lammii Naayijeeriyaa Iinooch Adabooy jecha dubartoota xiqqeessu dubbachuu isaatiin sa'aatii 24 jidduutti maqaan isaa tiwiitarii irrattii al 34,000 ka'e.

Dhimmoota tiwiitarii irratti dubbii ijoo ta'anii turan keessaa paastariin kun nama tokko. Nami hedduun qeeqa itti roobsaa ture.

Barreeffamni hawwii gaarii paastarichi fuula Inistaagiramii isaanii irratti guyyaa dhalootaa haadha warraa isaanii kan ganna 50 ol waliin jiraatan ilaalchisuun barreessan ka'umsa dubbii kanaati.

Kanneen reefu wal fuudhan haadha warraa isaanii irraa wanni baratan hedduun jiraachuu himuun kan eegalan paastar Iinooch, haadha warraa isaaniif mataa ta'u shakkii akka hin qabne himan.

"Karoorro ishee maalis ta'u maal yoo ani bakka akkanaa akka na waliin deemtu barbaada jedheen, wanti ishiin gochuu dandeessu na amansiisuuf yaaluu qofa."

"Yoo ani dide, karoora ishii san haqxee ana waliin dhufuu dirqama qabdi" jechuun barreessan.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Itti dabaluunis "dubartoonni haga fedhan baratanillee, abbaan warraa mataa haadha warraati" jechuun jecha macaafa qulqulluu bira kaa'anii barreessan.

Barreefamni paastarii kanaa dubartoota hedduu mufachiiseera.

Namoonni hedduun jecha paastarichaa 'fokkisaa' jechuun yoo ibsan kaan ammoo guyyaa dhaloota haadha warraa isaa olaatummaa isheerratti qabu lallabuun yaadachuu isaa qeeqan.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Kaan ammoo bultii paastarichaa kan ganna 50 oliif fulla'e leellisaniiru.

Dubartiin olaantummaa abbaa warraa ishee amantee fudhannaan rakkoo hin qabu, markabani tokko kapiteena lama hin qabaatu jechuun kana deeggaranis jiru.

Maxxansa X irra dabri, 3
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 3