Koronaavaayirasii: Atakaroo maaskii keewwachuu diduu ajjechaan goolabame

Madda suuraa, Poolisii Michigaan
Ameerikaa kutaa bulchiinsa Michigaan keessatti nama maaskii keewwachuu didde jechuun maamila isaa waraane poolisiin rasaasaan ajjeese.
Waldhabbiin maaskirratti kan jalqabe suuqii aannaanii bakka Laasing jedhamtu biratti wayita ta’u, shakkamaan Siin Ruuyis jedhama.
Namni kun manguddoo ganna 77 wajjin maaskii keewwachuu didde dubbii jedhurratti wal dhabuu eegalan.
Boodarra gara waldhabbiitti ce’ee Ruuyis maanguddoo kana waraane konkolaataan achii baqate.
Ruuyis ta’ii sana dheessuu wayita jalqabuu hooggantuu itti aantuun poolisii naannichaa isa dhaabsiste.
Muddamaan gara isheetti konkolaataa ofuu poolisiin argite konkolaataa keessaa baatee dhukaasa irratti bante.
Kibxata naannoo iddoo jireenyaatti ta’ii mudate kana poolisiin viidiyoo waraabame boodarra gadhiisera.
Vidiyoon kun akka agarsiisutti, poolisiin konkolaataa Ruuyis wayita dhaabsistetti wal dura dhaabbannaa yeroo gabaabduu mudate booda itti dhukaaste.
Poolisiin akka jettutti, Ruuyis namni ganna 43 meeshaa waraanaa harkaa qaba ture.
Erga poolsiin rasaasaan rukuttee hospitaala geeffamullee lubbuu isaa du’arraa hambiisuun hin danda’amne.
Dhukaasni kan baname Ruuyis maamila suuqiirraa aannan bitachuu dhaqe daqiiqaa 30 dura waraanuun booda ture.
Maanguddoon waraanamuun isaanii ibsame hospitaala kan jiran wayita ta’u, wayyaa qabaachuutu ibsame.
Ameerikaatti waldhabbiin maaskiirratti mudate haala gaddisiisaa ta’een goolabamuun kun kan jalqabaa miti.
Torban darbe waardiyyaan tokko Kibbaa Los Anjalisitti maaskii otoo hin keewwatiin suuqii seente jechuun lubbuu namaa galaafachuun himatameera.












