Lammiileen Itoophiyaa kuma hedduu Yamanitti danqaman lubbuusaaniif sodaachaa jiru-IOM

Madda suuraa, IOM/R. Ibrahim
Godaantonni 14,500 kanneen irra caalaan isaanii lammiilee Itoophiyaa ta'aniifi Yaman keessaitti danqamanii jiran lubbuusaaniif soda akka qaban Dhaabbanni Baqattootaa Idil-addunyaa IOM ibseera.
Akka dhaabbatichi jedhutti, sochii sababii Covid-19'f dhorkameetiin godaantonni 14,500 kan caalaanii isaanii lammiilee Itoophiyaa irraa ta'an danqamaniiru.
Erga dhorkkaawwan sababa Covid-19tiin taasifamee as, keessumaa baatiin Guraandhalaa hanga Waxabajjii gidduutti, godaantonni Yaman keessa qaxxaamuran dhibbentaa 90 hir'atus, yoo xiqqaate lammiilee Itoophiyaa kuma hedduun lakkaa'amaniifi Yeman qaxaamuraa turan akka kutaalee bulchiinsa biyyattii gara garaa keessatti danqamanii jiru IOM ibseera.
Godaantonni Yaman keessaa qaxxamuruun gara biyya Arabaatti ce'uuf yaalan kanneen 14,500 ta'an kunneen rakkoo hamaa isaan mudatu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeeras jedha.
Baayyinni lakkoofsa baqattoota Yeman bulchiinsoota Adan, Maarib, Laahii fi Sa'aadaa keessatti danqamanii argaman kunneenis kana caaluu akka danda'ullee dhaabbatichi dabalee himeera.
"Tajaajila barbaachisaa hin qaban ykn ammoo malli ittiin biyyatti deebiyan hin jiru."
"Waggoota jahan darbaniif Yaman keessatti godaantotaaf haalli jiru baayyee hamaadha," jedhu Ergamaan Ol-aanaa IOM kan Yaman Kiristaa Rootenisteeyir.
"Covid-19 ammoo haala duraanuu badaa ture daran hammeesseera. Godaantonni akka waan baattuu vaayirasichaa ta'aniitti ilaalamuun rakkoo loogiifi miidhaa guddaa keessa jiru."
Dhaabbileen gargaarsaa akka IOM godaantota karaatti danqaman kanaaf gargaarsa gochaaf jira, haata'u malee, hir'inni gargaarsa maallaqaa namoota gargaarsa arbaadan qaqqabuun oolchuudhaaf rakkisaa taasieera.
Sababii weerara Covid-19tiin walqabateen, godaantonni Yaman keessa jiran miidhaan jechaafi gochaan sammuufi qaama isaaniirra gaha jira. Akkasumas, hidhaan dabaluu, sochiin dhorkamuufi bakka tajaajilli jiru giddu galeessa magaalaarraa naannoo fagootti dirqamaan ergamuun baay'achaa jira jedha IOM.
"Bilbillikoo, maallaqni koo, uffannaankoofi kpheenkoo marti halkan na jalaa hatame, garuu warri Yaman nyaataafi bishaan akka bitannuuf maallaqa nuuf kennan," jedha lammiin Itoophiyaa osoo godaansarra jiruu Adeenitti danaqame Darajjeen.
IOM akka jedhutti, Darajjeen halkan daandiirra komborsaatoorra buluuf dirqameera. Darajjeen jiraachuudhaaf gargaarsa ummata naannoofi aanga'oota akkasumas deeggarsa IOM irraa argatuun qofa jiraataa jira.
Darajjeen yeroo Yaman qaqqabetti namoota warra seeraan ala nama godaanisaniin qabamee ji'oota lamaaf turuu ibsa. Yeroo sanatti jarri isa qaban kunneen isarraan miidhaa geessisaa maatii isaa Itoophiyaa jiran irraa ammoo maallaqa fudhachaa turan.
Garuu akkasuma ta'ee Sana'aa kan gahe Darajjeen, boodarra garuu dirqamaan gara Adeenitti dabarfameera.
Godaantonni karaatti danqaman harki caalaan isaanii akkuma Darajjee kanatti karaafi dirree banaarra buluuf dirqamaniiru. Kun ammoo carraa isaan Covid-19f saaxilamuu qaban daran cimsa. Tajaajilawwan bu'uuraa akka nyaataa, bishaan qulqulluufi kunuunsa fayyaa argachuunis hin jiru.
"Hundi keenya dadhabneerra. Lafa akkas kosaa'aafi rooba keessa daandii konkolaataa irra deemurra rafuun baayyee rakkisaadha. Yeroo tokko tokko nurra gahaa jira. Namoonni tokko tokko osoo rafaa jirruu dhufanii nu dhiituu ykn uleedhaan nu dha'u. Ani as dhufuukootti nan dogoggore. Nuti hundi keenya manatti deebiyuu barbaanna," jedha Darajjeen.
"Godaantonni Yaman keessa jiran soda hamaa keessa jiru. Gaaffiin akka biyyatti deebiyan gargaaruu hedduun nuuf dhiyaataa jira. IOM garuu sababa Covid-19tiin sochiin waan dhorkaa ta'eef gargaarsa isaan gaafatan kana taasisuuf hin danda'u.''
''Deemee deemee garuu godaantonni karaatti danqamanii biyyatti deebiyuuf garggaarsa gaafatan karaa nagaafi kabajaan akka deebiyaniif haalli mijeeffamuufiif barbaachisa," jechu aanga'aan IOM Rootenestiyeer.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













