Buruundii: Jaalalleewwan hospitaala keessatti gaa'elasaanii raawwatan

Madda suuraa, BBC GAHUZA
Hospitaalli bakka cidhi/sirni gaa'elaa itti raawwatama jedhamee hin eegamne keessaa tokkodha.
Shamarree Chaarlotee Mukantiwaariifi dargaggoo Gaabiin Nidayizigyee garuu waan kan dura hin baramne hojjatan. Dargaggoonni wal jaallatan kunneen Kaaba Buruundii bakka Kirundoo jedhamtu jiraatu.
Chaarlooteefi Gaabiin waggaa dheeraadhaaf jaalalaan turan. Haata'u malee, turtii jaalalaa waggoota dheeraan booda yeroon ifatti ummata beeksisanii gaa'ela dhaabbachuu barbaadan ni gahe. Kanumaaf, akkuma Chaartoolteen mana barumsaa sadarkaa lamaffaa ishee xumurteen gaa'ela isaanii Ganna kana keessa qabatan.
Garuu wanti hin eegamiin tokko mudateera. Gaafa ciidha itti gaggeeffachuuf qabatan guyyaa afur dursee Gaabiin hospitaala gale. Oduun gaddisiisaa kun ammoo kaadhimaa isaa qaqqabe. Isheenis hanga guyyaa har'aatti hospitaala keessa isa cinaatii dhibamtee hin beektu.
Maaltu isa mudatee?
Gaabiin gaafa Waxabajji 30 guyyaa Kibxataa balaan doqdoqee isa mudate. Kun kan ta'e guyyaan gaa'ela isaanii Sanbata Adoolessa 04 irratti qabamee wayita jiruttidha.
"Hiriyyootakoo waliin osoon hospitaala ciisaa jiruun of bare. Maaltu akka na mudate garuu kaadhimaakoottillee himuu hin dandeenye ture," jechuun BBCtti dubbate Gaabiin.
"Irra deddeebiyee bilbilulleen isa argachuu hin dandeenye ture," jetti Chaarloteen.
'Yeroo cidha keenyaaf qophaa'aa jirru kanatti waliin taanee gabaa deemuun kan barbaachisan bitachuu qabna ture. Anis kanumaaf jecha akka inni nagana manatti gale mirkaneeffadhuu waliin haasa'uufan ture," jetti.
"Irra deddeebiyuun hanga bilbilli isaa ka'uttin bilbileef, garuu isa hin turre kan kaase. Hiriyyoota isaa keessaa tokko ture kan oduu kana dursee natti hime. Waanan dhaga'e fudhachuuyyu hin dandeenye."
Chaarlooteen of jabeessiteedhuma gara hospitaalichaa deemte. Yeroo sanarraa kaastees isuma waliin hospitaala jirti.
Sammuu Gaabiin keessa wantota hedduutu deddeebiya ture. Kun hanga isheen yoo dhukkubbii isaa kan danda'u ta'eef gaa'elli isaanii akkuma karoorfameen akka raawwatamuuf fedhii akka qabdu ibsiteef.
'…yeroo dhukkubaafi fayyaa, hanga gaafa du'aatti wal jaallannee waliin raagna.'

Madda suuraa, BBC GAHUZA
Gaabiin yeroo kaadjimaan isaa isatti heerumuudhaaf akka fedha qabdu dha'u mana sagadaan alatti sirna amantaa raawwatanii gaa'ela godhachuun akka danda'amu lubatti bilbilee gaafate.
Gaaffiifi deebii BBC Gireetleks waliin taasiseen Gaabiin guyyaan cidha isaanii akka jijjiiramu carraan kun ni mudata jedhee hin yaadne.
"Guyyaa sana akka maleen eegaa ture. Osoon akkasitti guyyaa sana eeguu rakkoon akkasii kun na mudachuun isaa qormaata seexanaati. Guyyaa beellama gaa'elaa Sanaa booda jireenyikoo maal akka ta'u yaaduullee hin danda'u."
Chaarloteenillee miiruma wal fakkaatu qabdi ture. Erga kakuu gaa'elaa raawwateen akka isa jaallattu ibsiteefiin booda akkas jette: "Balaa isa qaqqabe sanaan osoon isa abbaa manaakoo godhachuu dhabeera ta'ee waanan danda'ee fudhadhee jiraadhu natti hin fakkaatu."
Yeroo hospitaala keessatti nikaa hidhatanitti Chaarloteen abbaa manaa ishee akka jaallattu (yeroo dhukkubaafi fayyaattis) akka waliin taatu waadaa galteetti.
Kakuun isheen raawwatte anallee na ilaallata kan jedhe Gaabiin akka jedhe, "haala ani keessa jiru rakkisaa ta'ullee gaa'elli keenya akkuma qabameefi guyyaama karoorfannetti akka ta'u fedhii qabaachuu Chaarlotee yeroon dha'au nan gammade, hedduus ana ajaa'ibe."
"Isheen akka shammarran warra kaanii miti. Mee dura miilla isaa lamaaniin dhaabbatee adeemuu danda'uu isaa ilaalla hin jenne," jedhe Gaabiin.
Lubni hospitaalatti deemee sirna gaa'ela isaanii raawwachiisuuf sa'aatii itti deemu itti hin himne ture.
Lubichi Chaarloteen akka kaadhimaan ishee kun uffata mushirraa uffatuu rakkisuu akka hin qabnellee itti himeera.
Haata'u malee, guyyicha guyyaa gammachuudha jechuun sammuuu ishee keessatti yaadaa waan turteef kan lubichi itti hime dhiistee uffata qopheessuun ishee hin oolle.

Madda suuraa, BBC GAHUZA
Yaaliin lubni sun hospitaalicha keessatti osoo hojii hin dhaabsisiiniifi hin jeeqiin raawwachuuf yaale hin milkaa'iin hafe. Galmi bulchiinsa hospitaalichatiin ' qophii addaaf jechuun faayamee ture' uummataan guutame.
Kaadhimichi teessoo nama danda'ee ka'ee hin deemne (Wiilcharii) keessa taa'ee yeroo gabaabduudhaaf gadi baasanii sirna kakkuu raawwatee kaadhimaa isaa waliin gara bakka wallaanamuutti deebisan. Yeroo kanatti maatiifi hiriyyoonni isaanii garuu gabbachuun cidha isaanii kana kabajachuuf gara bakka biraa deeman.
Dhirsaafi niitiin haaraa wal fuudhan kun garuu Gaabiin dandamatee yeroon isaa gaafa gahu gammadna jedhan.
'Guyyaan guddaan' yeroo daa'ima jalqabaa argatan ta'uus dubbateera Gaabiin.














