Yaadannoo hin himamiin hafe-Viinteej Addiis

የአዲስ አበባ ትዝታ

Madda suuraa, vintageaddisababa/instagram

Itiyoophiyaa keessatti barri 1960 hanga 1970 jiru do'iiwwan baay'inaan dukkanaawoo ta'an galmeefateera.Goolii diimaa,goolii adii,hidhaa jimilaa,ajjeechaa jimilaa jechaa seenaa tarreefamu. Seenaawwan galmeessitooti seenaa iddoo guddaa kennaniif kunneen duuba qaabatoowwan maatii,aarsaa jaalalaa fi waloomni hiriyyummaa ni jira ture.

Suuraawwan yaadannoo taatee kanaaf ta'an barruu namoota baayyee keessa jiru. Suuraawwan kun addababbayyiitti ba'anii namooti akka irratti haasa'aniif marsariitiin 'Viinteeji Addiis' boqonnaa haaraa baneera.

Viinteej Addis akkamitti jalqabe?

Hundeessitoonni marsariitii kanaa Naafqoot Gabayahu, Fiilip Shuutiz fi Wangeel Abbaba dargaggeeyyii ganna 20 keessa jiranidha. Dargaggeeyyiin kun suuraawwan baroota isaan keessa hin jiraanne agarsiisan walitti qabuuf muxannoon biyya ollaa akka isaan onnachiise dubbatu. Keesumaa, kitaabni suuraa waggaa lama dura harka isaanii gale hojii kanaaf akka ija banatan godheera.

Hundeessitoota Viinteej Addiis mirgaarraa gara bitaatti, Naafqoot Gabayyoo, Filiippi Shuutiizfi Wangeel Ababbaa

Madda suuraa, Facebook/Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Hundeessitoota Viinteej Addiis mirgaarraa gara bitaatti, Naafqoot Gabayyoo, Filiippi Shuutiizfi Wangeel Ababbaa

'Kitaabni dura argine 'Viinteej Yugaandaa jedhama. Kitaaba sana keessatti suuraawwan jireenya namoota durii agarsiisan irratti maxxanfamaniiru.Kana yoo arginuu 'waan akkasii Finfinneetti maaf hin hojjeennu?' jechuun ibsiti Naafqot Gabayahu.

Akka isheen jettutti, jalqaban kan yaadattu hundeessitoota keessaa tokko kan taate , yaadannoowwan gaggaarrii burjaajii bara 1960 hanga 1970 duuba jiran leellisuun kaayyoo isaanii ijoo akka ture ni dubbatti.'Baruma hammeenyi itti baay'ate sana keessatti namooti wal-fuudhaa,barachaa,biyya daawwachaa,gammachuu fi gadda dabarsaa turani.' jetti Naafqot.

Hundeessaa marasariitii kanaa inni kaan Fiilip Shuutiz lammii Siwiizarlaandiifi ogeessa wixinee fi suuraati, innis suuraawwan bara sanaa daawwattootaafillee seenaa fuula biraan jiru agarsiisuuf humna akka qaban dubbata.

Suuraan cidha Ayinaalamii fi Gannat jedhu seenaa jaalalaa kutaa afuriin seneffame yoo ta'u. Dargaggeeyyiin kun bara 1970 yeroo gooliin diimaa baayyee itti hammaatetti wal-fuudhan.Isa dura bara 1966-1971 Gannat mana hidhaa turte.Suuraawwan kun urjiiwwan jaalalaa kun qormaata dabarsan,bara dhiphuu keessattillee gaa'ela hawwan raawwachuuf namoota kutannoo agarsiisani dha.

Hundeessitoota Viinteej Addiis mirgaarraa gara bitaatti, Naafqoot Gabayyoo, Filiippi Shuutiizfi Wangeel Ababbaa

Madda suuraa, Facebook/Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Hundeessitoota Viinteej Addiis mirgaarraa gara bitaatti, Naafqoot Gabayyoo, Filiippi Shuutiizfi Wangeel Ababbaa

Akka fuula kanarraa hubachuun danda'ametti, suuraawwan Finfinnee 1000 ol ta'an yeroo gara garaatti kaafaman toora tooraan ramadamanii dhiyaataniiru. Suuraawwan kun maatii 56 ta'anirraa argaman.

Akka daawwatoonni waa'ee suura sanaa hubataniif jecha fuula duubaa suurawwan kanaarratti ibsi gaggabaaboon barreeffamaniiru.

Mullata isaanii

Hundeessitoonni marsariitiin erga hundeeffamee waggoota lama keessatti qalbii namaa haalan hawwate kanaa daawwattoota dabalataa horachuuf kaayyoo akka qaban dubbatu. Nafqoot Gabayehu suuraawwan qalbii namaa hawwatan karaa ittiin argatan falaa akka jiran dubbatti. Ji'a Sadaasaa keessas kitaaba suura 100 qabatu maxxansuudhaaf karoora akka qabanis himteetti.