Naajeeriyaatti paastarii gudeeduun yakkamaa ta'e bakka isaatti deebisuun mormii kaase

Madda suuraa, Biodun Fatoyinbo instagram
Paastariin beekamaa Naajeeriyaa Baayidoon Fatoyinboo jedhamu baatii tokkoon dura hojii isaatti deebiyuun mormii kaaseera.
Paastariin kun yakka shamarree gudeeduun himatamee ture kan hojiirraa dhorkame.
Magaalaa guddittii Naajeeriyaatti hundeessaan Waldaa Koman Weelz oof Zaayeen Assembilii kan ta'e Paastariin kun, baatii darbe keessa ture dubreen ogeettii suuraa taate tokko yeroo ijoollee turte Paastarichi akka si'a lama ishee gudeedee ture kan dubbatte.
Paastarichi garuu tasuma ani ishee hin gudeedne jedhee waakkatus poolisiin dhimmicha qorataa jira.
Yakka kanaan erga himatamee booda yeroo muraasaaf akka waldaa kiristaanaa sanaraa fagaatan kan beeksisee ture paasteriin kun, mormitoonnis namni kun akka itti-gaafatamummaa isaarraa kaafamuuf hiriira ba'uudhaan dhiibbaa gochuu isaaniitiin boodadha.
Dilbata kaleessaa sagantaa kadhannaa kan gaggeessan paastarichi, "injiffannoowwan bibbicuu' mata-duree jedhuunis barsiisee,'' ture.
Paaasterichi kiristaanonni yeroo hundaa gidiraan irra ga'a jechuudhaan, Waaqayyo garuu mo'icha namaaf kenna jedheera.
"Akka Kiristaana tokkootti mormiin ni mudata, yeroo diinonni jiranitti gooftichi qulqulluufi amanamaa taate akka jirtu mirkanaa'aadha," jedhe.
Ogeettiin suuraa gudeedamuudhaan paastaricha himatte Aadde Dakooloon, viidiyoon ishee miidiyaalee hawwaasummaarra hedduu daawwatamaa kan jiru yommuu ta'u, sochii 'Mee too' jedhamu Naajeeriyaa keessatti gaggeefamaa jiruuf ka'umsa ta'eera jedhameera.
Paastarichi gara hojii isaaniitti deebiyuun mormii kaasuun maqaan isaa fuula tiwiiteraa irratti baay'isee ka'aa jira.
Haalli sunis kan abdii nama kutachiisudha jedhanii kan dubbatanis jiru.














