Bushirii: Lallabaan dureessi qarshii waliin dhahuun himatame Afrikaa Kibbaarraa miliqe

Madda suuraa, Getty Images
Lallabaan beekamaa Afrikaa Kibbaa, Bushiiri, dhimma mana murtii qabu dhiisee Afrikaa Kibbaarraa biyya isaa Maalaawwiitti miliqe.
Bushiriin jalqaba waliin dhahuufi qarshii biyya biraatti baqachiisuun himatamee torban lama dura ture wabiin kan gadhiifame.
Himannaan irratti ka'e akka qorattoonni yakkaa jedhanitti hanga dolaara miiliyoona 6.6 gaha. Dhaddachi dhimma isaa Caamsaa eegalee ilaala ture.
Akka inni jedhetti doorsisi ajjeechaa isarra gaheera. Qondaaltonni Afrikaa Kibbaammoo eegumsa barbaachisu naaf hin goone jechuun himate.
Gaafa Sambataa deeggartoota isaaf miidiyaa hawaasummaa gubbaa ergaa dabarseen 'lubbuu tursuuf' akka murtee kana fudhateefi dhimma mana murtii qabu dhiisee akka miliqe dubbate.
Akka kanneen dhimmicha itti dhiheenyaan hordofan jedhanitti, dhimmichi Maalaawiifi Afrikaa Kibbaa gidduu waldhibdee dippilomaasii fiduu danda'a.
Akkamiin Bushiriin haadha warraa isaa waliin baqachuu akka danda'e hin baramne.
Haa ta'u malee, himanni tokko Bushiriin Pirezidantii Maalaawii Laazaarus Chaakweraa waliin xiyyaara isaanin akka Afrikaa Kibbaatii bahe odeeffama.
Haa ta'u malee, waajjirri pirezidantii Maalaawiifi qondaaltonni Afrikaa Kibbaa kana hin fudhatan.
Biyyoonni lamaan lallabaa raajii ofiin jedhuufi haadha warraa isaa Afrikaa Kibbaatti fiduuf waliin hojjechuuf jechuun isaaniis hin baramne.
Gaafa Dilbataa mootummaan Afrikaa Kibbaa lamaan isaanii Afrikaa Kibbaatti fiduun seeratti dhiheessuuf adeemsa akka jalqabe ibseera.
Biyyoonni lamaan Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaa (SADC) jalatti waliigaltee qabaniin, kanneen seera jalaa baqatan walii dabarsuuf waliigaltee qabu.
Bushiriin eenyu?
Lallabaan Bushirii hoggantoota amantii Afrikaa keessaa sooressa ta'an keessaa tokkodha.
Nama HIV qabu akka fayyise, qaroo dhabeessaaf ija akka bane, akkasumas si'a tokko qilleensarra akka deeme dubbata.
Magaalaa Kaaba Maalaawii Mizuzuutti dhalatee kan guddate yoo ta'u, ergasii gara Pirotooriyaa, Afrikaa Kibbaatti imale.
Beekamaa ta'uu isaarra kan ka'e hordoftoonni isaa isteediyeemii guutu.
Haa ta'u malee, hiyyeessota jireenya isaanii fooyyessuuf fedhii guddaa qabaniif ''zayitii ajaa'ibaa'' jedhamu gurguruun, ittiin diinagdeen of cimse jedhamuun qeeqama.
Kana dura sababuma qarshiin walqabatuun qondaaltonni Botiswaanaa waldaa isaa duraa cufanii ture.














