Waldaan lammii Gaanaa, Aayzaak Owusu-Bempah sababa raajiin haleelame

Luba Aayzaak Owusu-Bempah

Madda suuraa, Glorious Word Power Ministries/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Luba Aayzaak Owusu-Bempah lallaabdoota beekamoo Gaanaa keessa tokko

Magaalaa guddittii Gaanaa keessatti lubni du'i imaamii dursaa biyyittii 2019tti jechuun erga raajee dargaggoota musliimaa dubbichatti aaraniin waldaan haleelameera.

Dargaggooti kun waldaa Luba Aayzaak Owusu-Bempah haleeluun booda meeshaan muuziqaa, foddaafi barcumni hedduun barbadaa'eera.

Hogganaan Imaam Nuuhuu Sharabuutuu haleellaa kana balaaleeffateera.

Sagantaa Muddee 31 irratti Lubni Aayzaak Owusu-Bempah du'a Imaam Sharabuutuu ykn Pireesdaantii itti aanaa Gaanaa musliima ta'e Muhaamudu Baawumiyaa dabalatee bara 2019'f raajiiwwaan 18 raaje.

Dargaggoonni Musliimaa tokko tokkoo lubni kun Imaam Sharabuutuu dhiifama akka gaafatuuf gaaffii dhiyeessaniis inni garuu hin gaafanne.

Roobii kana gajaraa qabatanii dargaggoonni kun waldaa lubicha Glorious Word and Power Ministry humnaan seenaniiru.

Gartuun kun haleellaa isaanii yemmuu meeshaa barbadeessaniifi suuraa Luba Aayzaak Owusu-Bempah lafatti yemmuu rukutaan kallattiin fuula Feesbuuki irratti dabarsaa turani.

Imaam Sharabuutuu namootni raajii kanaan muufatan luba kanaaf dhiifama gochuu qabu jechuun tasgabbiin akka jiraatuuf gaafataniiru.

Waldaan Glorious Word and Power Ministry "Kiristaanoota, jaabaannee waldaaf haakadhannu," jechuun haleellaa kanaaf deebii laataniiru.

Gaanaan biyya hedduuminaan Kiristaanaa taateefi seenaa walitti bu'iinsa amantaa hin qabnedha.

Afrikaa keessatti raajootiin Kiristaanaa ofiin of muudani taateewwan gurguuddoo kan akka du'aa namoota beekamoo raajan, hordooftoota hedduu qabu.