Amantaa፡ Angoolaan Waldaa Kiristaanaa torba malaammaltummaan shakkaman to'atte

Mana sagadaa Saawopoolootti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Abbaan alangaa Angoolaa Biraaziil Ivaanjeelikaal Charch guddicha beekamaa akka cufamuuf ajajje.

Manni sagadaa kun akka cufamuuf kan murtaa'es himannaan kachachala malaammaltummaa irrati ka'aa waan jiruuf jedhameera.

Qabeenya mana sagadaa Yunvarsaal Charch oof ze Kiingdam oof Gaad kan ta'an magaalaa guddoo Angoolaa Luwaandaatti kan argaman yoo xiqqaate manneen sagadaa torba akka harka mootummaa galan taasifameera.

Warri Ivaanjeelikaal Charch kan himatan manni sagadaa kun gibira waliin dhahuufi yakkawwan maallaqa waliin walqabatan keessaa harka qabu jechuun yakkamaa taasisu.

Yunvarsaal Charch oof ze Kiingdam oof Gaad ammoo gama isheetiin himannaa irratti dhiyaate kana gonukumaa quba waanan qabu miti jetteetti.

Bara darbe phaaphaasonni [luboonni] 300 ta'an Yunvarsaal Charch oof ze Kiingdam oof Gaad keessaa waldaan amantaa kun rakkoo bulchiinsaa qabdi, darbee ammoo bifa Afrikaa hin callaqisiistu jechuudhaan Biraaziil Ivaanjeelikaal Charch keessaa dhiisanii bahuun isaanii ni yaadatama.

Waldaan amantaa kun garuu duula maqa-balleessiitu anarratti gaggeeffamaa jira jechuun himachaa jirti.

Yunvarsaal Charch oof ze Kiingdam oof Gaad kun Biraaziliifi biyyoota Afrikaa biroo keessaa miseensota miliyoona 8 qaba jetti.

'Barsiisa amantaa badhaadhinaa' kan hordoftu waldattiin, amantoonni hanguma mana sagadaatiif gumaachaniin qabeenyi isaanii biyya lafaa dabalamaaf deema jechuun barsiifti.

Waldaan Kiristiyaanaa kun kan irratti xiyyeeffatamuu jalqabe bara darbe erga phaaphaasonni Angoolaa Waldaan Kiristiyaanaa Biraaziil kun rakkoo maallaqa waliin dhahuu hamaa keessa galan jedhameefi waldattiin bifa Afrikaas ta'e kan Angoolaa hin qabdu jechuun komiin irratti ka'uu eegaleeti.

Kana hordofuudhaanis aanga'oonni Angoolaa Waldaa Kiristaanaa kana irratti qorannoo gaggeessuu kan murteessan.

Dheengadda [Jimaata] ture Abbaan Alangaa Waliigalaa Angoolaa Alvaaroo Daa Silvaa Waldaaleen Kiristiyaanaa Yunvarsaal Charch oof ze Kiingdam oof Gaad torba to'annoo mootummaa jala oolfamuu kan ifa godhan.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Waldaa Kiristaanaa kana to'anneerra jechuun yakki raawwatamuu isaa ragaa gahaa qabna jechuudha jedhan.

"Yakkamtoota kanaaf tumsa gochuu, gibira waliin dhahuu, seeraan ala maallaqa daddabarsuu, amantummaa hir'isuufi yakkawwan kan biroo raawwatamaniiru," jedhu Abbaan Alangaa kun.

Yunvarsaal Charch oof ze Kiingdam oof Gaad damee Biraaziil Ivaanjeelikaal Charch isa guddichadha.