Keeniyaan du'a luba mana amantii Kaatolikii Mawanaa a' Nizekii maaliin yaadatti?

Madda suuraa, Getty Images
Lammileen Keeniyaa Phaaphaas Nidingi Mawanaa a'Nizeki akka abbaa amantaa qofaa miti kan ilaalan, qabsaa'aa haqaa fi nageenyaati jedhanii ragaa bahuufi malee.
Guyyootaan dura ganna 89 tti kan boqotan dursaan waldaa Kaatolikii kun, sirni awwaalchasaanii dhiyoo kana raawwatame.
Weerara koroonaavaayirasii to'achuuf namoonni akka walitti hin qabamne dhorkamus, sirna awwaalchasaaniirratti namoota 100 guutanitu argame - 10,000tti namoonni lakka'aman ammoo fooddaa TV'n hordofaa turan.
Lubni beekamtii guddaa horatan kun garuu, umrii dheeraa jiraatan kana keeessatti 'guyyaa tokko qofa soba dubbadheera' jedhanii dubbatan.
Maal soban laata?
Bara 1990 keessa mootummaan Keeniyaa rogeeyyii mirga namoomaaf falman qabee hidhee wayita dararu ture.
Kunuunsa naannoof kan quuqamtuufi qabsooftuun mirga namoomaa Piroofesar Waangaarii Mataayi, namoota qabee hidhuuf mootummaan adamsu keessa tokko turte.
Dursaan mana amantaa kaatolikii lammilee Keeniyaa biratti yaadataman kun garuu hojii gaariin itti yaadataman keessaa tokko, looretii badhaasa Noobeelii nagaa pirofesar Waangarii Maataayi bara 1990 keessaa humnoota tika mootummaatiin dhaanamuu jalaa miliksuu isaaniti.
Barri darbuus ittiin leellifamu, ni yaadamu.
Yeroo kanatti humnoonni tika mootummaa rogeeyyii mirga namoomaaf falman wayita itti dararan ture.
Akkatti looreet Waangaarii Maataayii reebamuu jalaa miliqsaniis qalbii namaa kan hawwatuuf hin eegamne ture. Seenaan isaa akkas ture.
Luba Mawanaa a' Nizekiin Pirofesar Mataayitti hijaaba uffisuun, akka dubartii muslimaa dhukkubsattee ciiftu tokkootti fakkeessanii konkolaataa isaanitiin humnootni tika mootummaa sakatta'uuf eegaa turan gidduu dabarsani.
Fageenya 200km qaxxaamursuudhaan mana jireenyasaanii magaalaa Naakuruu dhoksan.
Gaafa sana konkolaachisaan isaanuma turan.
Imalarra otoo jiranii karaan itti cufamee konkolaataan qeesiin hoofan dhaabbachuuf dirqame. Kan dhaabsisuun sakatta'ummoo humnoota tika mootummaa turan.
'Dhukkubsatteettii?' jedhee gaafate qondaalli poolisii qeesiitti siqee.
Lubni kunis dhukkubeetu jechuun yaada qondaala poolisi kana deeggaranii dubbannaan konkolaataansaanii akka dabartu eeyyameef. Tarii lubni hin sobuu jedhanii dabarsanii laata?
Guyyaa itti aanu garuu pirofesar Waangaarii Mataayi qeesii mana amantii Kaatolikii Mawanaa a' Nizekii wajjin wal cina taa'aanii marii otoo gaggeessanii mul'atan.

Madda suuraa, Getty Images
'Si'uma tokko duuta'
Qondaaltota mootummaarraa dhiibbaan irratti jabaatullee Luba Mawanaa a' Nizekii nama akka laayyootti injifataman hin turre. Bara bulchiinsa mootummaa Daani'eel araap Moyi dorsifamuun itti jabaatus garuu hawaasa biratti ittu baramaa adeeman.
Lubni Mawuris Kirowliy jedhaman waggoota 40'n darban phaaphaasii beekaman kana itti dhiyeenyaan walbeekna jedhan.
'Nama hin sodaanne', namoota daba dalaganitti fuula hin geeddaranneefi sirreessuuf carraaqani,' jechuun ibsan.
Deeggartoonni qees Mawanaa a' Nizekii caalatti kan yaadataniif kan biroo immoo, walitti bu'iinsaa gosaa naannoo Sululaa Qixaamaa Keeeniyaa keessatti bara 1990 keessa mudateeratti deeggarsa guddaa gochuusaaniitin maqaa gaariin kaafamu.
Bara sanatti namoota kuma kudhanitti lakka'amanitu walitti bu'iinsa mudateen qe'eesaaniirraa godaane.
Wayita kanattis konkolaattota gurguddoo mi'a fe'an qeesichi kireessanii waldaa kiristaanaatti akka baqatan gargaaran.
Qees Mawanaa a' Nizekii hiriyaan isaanii mootummaan si ajjeesaa dhiisii, irra of qusadhuu jedhee akeekkachisullee dubbachuurraas of hin duubatti hin deebine.
'Yoo duutes si'uma tokkicha duuta,'' jechuun hiriyaasaaniitiif deebii kennan.
Yeroon sun jireenya koo keessatti yeroo hamtuu turtee jedhanii af-gaaffii midiyaa wajjiin taasisan tokkorratti himan.
Otoo namoonni nagaan dararamanii fi ajjeefamanii, akkasuma mannisaanii gubatuu nama anatu raawwate jedhe yaada kennnuu fa'aatu jira' jedhanii dubbatan.
Kana malees, aadaa fi duudhaan Afrikaanootan manneen amantaa kiristaanaa kaatolikii keessatti akka mul'atuuf jajjabeesaniiru. Duudhaa Afriikaatiin gaa'ila dhaabbachuun mana amanticha keessatti beekamtii akka argatuufis qooda gumaachan qabu.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo baay'ee koffiyyaa addatti hiriyaan isaa lammiin Itoophiyaa kenneef keewwachuu jaalatu.
Haa ta'u malee, qeesiichi namooni koondoomii fayyadamuun sirrii mitii jedhanii mormuun yaada wal falmiisisaa dhiyeessanii beeku.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu mala weerara dhibee HIV -AIDS fi da'umsa ittisuuf fayyaduu jedhee namoonni kondomiitti akka gargaaraman jajjabeessa.
AIDS'n kan hammaateef, sababa kondomiin fayyadamuun jiraateefi' jechuun bara 2003 namoota mana sagadaa/waldaa dhaqanitti lallabanii turan.

Madda suuraa, Getty Images
Wayita sanatti sababa manni amantaa kondomii fayyadamuu dhorkiteef raabsuu dhorkamneerra jedhanii rogeeyyiin komatanillee hin dhabamne.
Maatii keessatti guddatan keessaa mucaa quxisuu kan turan Mawanaa a' Nizekii, amma bara 2007 sooramaaf manatti deebi'anitti tajaajilaniiru.
Rakkoo fayyaa umriin jaaruun/raaguun walqabatuun torban muraasa dura du'aan boqotan.
Sirni awwaalasaanii Naayiroobiitti raawwatamurratti namoonni hedduun argamuuf hin carroomne.
Sababa weerara koronaavaayirasiin namoonni manaa akka hin bane dhorkamullee, namootni 100 sirna awwalchaasaaniirratti argamaniiru.
Hordoftoonni isaanii kuma kudhanitti lakka'aaman garuu manatti hafanii foddaa TV'n hordofaa turan.













