Paastariin 'Salaale biyya falfalaa' jechuun barbaadamaa jiran Ameerikaatii ni deebi'uu?

Madda suuraa, Prophet Henok Girma
Barsiisaan amantaa aangawooti mootummaa 'hawaasa Salaale arrabse' jechuun seeraan gaafachuuf jechaa jiran Ameerikaa akka jiran BBC'tti himan.
Paastar Henook Girmaa dubbii isaan ''Salaale biyya falfalaa'' jedhaniin qeeqamaa erga turan booda aangawooti seeraan gaafachuuf akka jedhan beeksisaniiru.
Viidiyoo torban kana ijoo dubbii erga ta'ee booda namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaatti mufii ibsaa, komataa, seeraan akka gaafataman iyyachaa turan.
Abbaan Alangaa Godina Shawaa Kaabaa barsiisaa ''Salaalee arrabsoo duuchaan gadi qabuuf yaale seeratti dhiyaachuuf hojjetamaa jiraachuu'' dubbateera.
''Salaale biyya gootaa, safuufi duudhaa Oromoon kan bulu amantaalee garaagaraa waldanda'ee waliin jiraatu,'' jechuunis ibse.
Ajajaan poolisiin magaalaa Fiichee, Inispeektar Taammiruu Baay'isaa dubartii paastaricha waliin mul'atte to'achuu BBC'tti himaniiru.
Dubartiin kuni paastariin ''Salaale biyya falfalaa'' yoo jedhan ''eeyyee'' jettee deebisti.
Barsiisaa kanas ''ajaja mana murtii qaama ilaallatu faana baasnee to'achuuf itti deemaa jirra,'' jedhan qondaalli kuni.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Haala jiru ishiirraas hubanneerra. Isheenis amanteetti waan ta'ef kanarraa kaaneeti gara seeraatti dhiheessuuf deemaa kan jirru'' jedhan.
''Xanquwaay [falfalaa], matatanyaa [falfaltuu], muwaartanyaa [mortuu] jedheeti arrabsa.
''Biyyimmoo ta'uu hin danda'u. Tarii nama dhuunfaa jechuu danda'a malee biyyi hin jedhamuus.
''Kunimmoo ka'umsa lolaafis yakkaatis ta'uu danda'a waan ta'ef inni kuni hanga xumuraa deemamee seeraan murtii argachuun dirqama.''
Poolisiin odeeffannoo qabuun Paastar Henook magaalaa Finfinnee akka jiraatan ibseera.
Akkamiin to'achuuf yaaltan jechuun BBC'n gaafateera.
''Adeemsa seeraa qaba... Adeemsaan ittii deemne qabna rakkoo hin qabu,'' jechuun deebisan.
Abbaan alangaa godinichas ''Naannoo biraa keessa jira waan taheef qaama feederaalaa waliin mari'atamaa jira,'' jedhe.
Aangawoonni Shawaa Kaabaa paastariin kuni ''ulfina ummata Salaale tuqu'' dubbatan akkasumas ''maqa balleessii'' raawwate jechuun himatu.
Eegasii waldaan Paastar Henook ibsa baaseen ''dhiifama'' gaafateera.
Haa ta'u malee, namoonni tokko tokko badii raawwatuu hin amanne, seeraan gaafatamuu qaba jechuun gaafataa jiru.
Erga barsiisaan amantaa kuni karaa waldaa isaanii kanneen ''mufatanii fi dhimmicha sirritti hin hubanneef'' dhiifama erga jedhan booda aangawooti seeraan gaafatumoo dhiisuun ammatti ifa miti.
BBC'n garuu nama dubbii falmisiisaa kanaan maqaan isaanii ka'aa jiru, Paastar Heenok dubbiseera. Turtii waliin taasisne akka gaaffiifi deebiitti dhihaata.
BBC: Waan adeemaa jiru miira akkamii isinitti uume?
Paastar Henook: Reefu biyya Ameerikaa seene. Intarneeta xiyyaararra jiruun dhagahe. Wanti baay'ee ifa ta'e nabira hin geenye. Garuu ilaalchas ta'e daandii tajaajila kiyyaan ala kan namoonni viidiyoo gabaabaa qoodame ilaaluun yeroo ibsan argeera.
Waldaa ani gaggeessu ilaalcha sabaas ta'e siyaasaa hin qabu. Uumama kiyyaanis ilaalcha kana nama qabu miti. Saba hunda nan jaaladha, saba hunda kabajaan nan tajaajila.
Kadhannaa akkaataa baratamaa ta'e kadhannuun 'naannoo Salaalee kan dalagu' kan jedhuun dubbadheera malee kan ummata bakka bu'u, kan hawaasicha bakka bu'u waan tokkoyyuu hin dubbanne.
Dhalattoonni Oromoo baay'ee waldaa kiyya keessas, maatii kiyya keessas jiru. Namoonni tokko tokko ajandaa siyaasaa isaanii dabarsuuf viidiyoo itti dhimma bahanidha jedheen amana.
Kana hunda keessa garuu afaan na mucucaachu danda'a, hawaasa naannichaa mufachiiseera ta'uu danda'a, hawaasa salaalee mufachiiseera.
Kanaafis xalayaa dhiifama gaafatu gadhiifameera. Waaqayyoon immoo na gargaara magaalaa Fiichee, Salaaletti Waaqayyoo nan tajaajila.
BBC: Ibsarratti dhiifamni jira. Dhalattoonni naannichaa garuu kuni gahaa miti jedhaa jiru. Waldaa keessan keessatti waan akkanaa kana duras ni mudata namoonni jedhan jiru. Deebiin keessan maali?
Paastar Henook: Lakki, mudatee hin beeku. Tarii waldaa iji namootaa irra buufatu waan ta'ef dhimmi garagaraa ka'uu danda'a. Garuu, dhimma sabaan [kana dura] wanti ka'e hin jiru.
BBC: Poolisiin akkasumas Abbaan Alangee godinaas isin seeratti dhiheessuu akka barbaadu ibsaniiru. Dhiifamaan bira darbama jettanii yaadduu?
Paastar Henook: Ani akka dhuunfaatti wanti na bira gahe hin jiru. Akkuman dura jedhe osoon qilleensarra [imalarra] jiruuti kuni hundi kan mudate. Dhihootti deebi'uun kiyya hin hafu. Waan dhufu hunda egaa biyya kootti galee nan ilaala.
BBC: Dubbii keessanirraa akka hubannuttti, kuni waan hin baramne, kanaan ibsamuu hin qabu jettaniittu. Badiin raawwatuu ni amantuu?
Paastar Henook: Ana bira yeroo gahu badii ta'a yoo ta'e hin beeku malee, dubbiin akkanaa waan baramedha.
Fakkeenyaaf, 'Ye Arsi Immabeet, diggimtii kaabatti hojjetu, Gojjamitti, kibbatti [afuura] hojjetu jennee kadhanna. Fiichee, Salaale bira yeroo geenyu maaliif sabatti jijjiirame? Namoonni ajandaa fedhaniif fuudhanii kan sabaa yoo godhan malee, afuura naannawatti dalagu kan haasa'aa jirru.
Ajandaan biraa yoo hin jiraanne malee, waldaa kiyya keessatti yeroo baay'ee Afaan Oromoon ni tajaajilla, Afaan Oromoon ni faarfama, dhalattoonni Oromoo baay'ee dhufani tajaajilamu.
BBC: Barsiisonni amantaa garagaraa yeroo adda addaatti ummata Oromoo falfala waliin wal qabsiisuun ni mudata. Dhimma kanarratti yaadi qabdan maali?
Paastar Henook: Maatiin kiyya Arsii irraati. Kanaaf ilaalcha akkasii [ilaalcha saba xiqqeessuu] qabaachuu hin danda'u, hin qabus. Hojimaatni agaanintii [afuura hamaa] saba tokko [qofa] waliin walqabatu jira jedhee hin yaadu. Hojimaatni afuura hamaa bakka tokkotti dalagan garuu jiru jedheen amana.
Inni garuu saba waliin kan wal qabate miti. Afurri naannawaan daanga'ee [territorial spirit] jiru. Bakka wayii buufatanii kan dalagan. Hojimaatni afuuraa Finfinnee, Shawaa, kaaba, kibba buufatanii dalagan jiru. Afuurri naannawa tokko dalage garuu sabarra buufate jedhee hin amanu.
BBC: Poolisiin dhimmicha seeraan qabachuu akka barbaadu ibseera. Deebiin keessan maali?
Paastar Henook: Poolisiin, mootummaanis kan hunda keenyaati mitii? Hunduma keenya nu hubata, nuuf murteessa.
BBC: Seerri dhimma koo akka ilaalu qophaa'eera jechaa jirtuu?
Paastar Henook: Seeraanis, dhiifamanis, hundaanu. Namoonni nan hubanne, yaadakoo yeroo hubatan ejjennoo isaanii akka jijjiiran mirkanan dubbadha.

Madda suuraa, Komunikeshinii Shawaa Kaabaa
BBC: Dhimmi kuni sadarkaa kanarra gaha jettanii yaaddaniittuu?
Paastar Henook: Gonkumaa. Sadarkaa kana gahuun isaa na ajaa'ibeera.
BBC: Dubbii keessan keessatti 'Salaale biyya falfalaa' yeroo jettan ni mul'ata. Manneen amantaa gara garaa keessatti gaarummaa isaanii ibsuuf, badii ykn hammina kaanii ol guddisuun ni mul'ata. Yaada kanaan waliigaltuu?
Paastar Henook: Kiyya kan amantaa miti, dhimma sabaatti jijjiirame. Haasaa saba xureessuuf yaadametti fudhatame. Ani garuu hojimaata agaanintii lokeeshinii [bakka tokko bu'ureeffate] irratti hojjetuun dubbadhe.
Akkasumayyuu ta'ee dhalattoota bakkichaa dubbii gaddisiisu dubbadheera yoo ta'e ammallee dhiifama nan gaafadha.
BBC: Ajandaa taataniittu. Namoonni maal isin jedhan?
Paastar Henook: Namoonni na beekan naaf gaddani. Sababiin isaas ilaalchi miidiyaan dabarse kan kiyya akka hin taane waan beekaniif baay'een isaanii gaddani.
Viidiyoodhaan deebii akkan kennu na gaafatan, isammoo nan godha.
Nama karaa keessan na dhagahuun immoo ummata Itoophiyaa maraa, ummata Oromoo bal'aa akkamiin akka kabajuufi jaaladhu, tajaajila kiyya kanneen hordofan ni beeku.
Sababa kanaaf dubbii gabaabaa kana fayyadamee sanyii seexannis ta'e namni hamaa facaasuuf yaade qajeelummaan hubachuun, sanyii hamaa kana naa buqqisaan jedha.
Sababa kanaan namoota gaddanimmoo gadda onneerraa maddeen dhiifama guddaan gaafadha.
BBC: Galatoomaa!
Paastar Henook: Isinis galatoomaa.












