Wallaansa Xiyyaaraan: Wallaansi ijaa hospitaala xiyyaaraa keessatti kenname

Ibsa waa'ee viidiyoo, ''Dhukkuboonni qaroo ijaa nama dhabsiisan hedduun yaalamuu kan danda'anidha''

Itoophiyaa keessattii lammiilee hedduun dhukkuba ijaa wallaansaan fayyuu danda'uun qaroo isaanii dhabaa akka jiran ragaaleen ni mul'isu.

Rakkina dhabiinsa qaroo kana salphisuuf gareen oggeessoota fayyaa biyyoota 20 irraa walitti dhufan qabu tokko tibbana Itoophiyaa galuun tajaajilaa kennaa tureera.

Garee kunis wallaansa kan keennan hospitaala ykn buufata fayyaatti osoo hintaane hospitaala xiyyaara isaanii keessa jirutti.

Xiyyaara wallaansaa gara Itoophiyaatti imale kanaanis namoonni dhibee ijaa qaban wallaansa argachusaanii riippoortarri BBC tajaajilamtootaafi kanneen tajaajila kennan dubbiseera.

Namoota carraa tajaajila kanaatiin fayyadaman keessaayis jiraattuu naannoo Gambeellaa kan ta'an Adde Yeshii Birhaanu rakkoo ijaa tasa isaan mudateef akka wallaansa argataniif riifariin gara Finfinnee dhufanis furmaata osoo hin argatanii turaniiru.

Haa ta'u malee tajaajila kalleessa xiyyaara keessatti taasifameen furmaata argachusaani dubbataniiru

''Iji kiyya na gaaddiddeessee naaf argu erga didee ji'oota afuu ykn shan ni ta'a. Gaambeellaa irraayis gara kanatti riifarii naaf barreessanii turan kanan gara kana dhufee'' jedhaniiru haala dabarsan yoo himan.

Kana malees hospitaala Minilikiitti ji'oota sadiif deddeebii'aa turanillee qaroo isaanitiif furmaata osoo hinargatiin turu himanii, amma garuu gareen tajaajilaa kunneen akka tasaa dhufanii guyyaa shan keessatti naaf xumuraniiru jechuun gammachuu itti dhagahame himaniiru.

ogeessota hospiitala Xiyyaaraa Orbis

Xiyyaarri oggeeyyii fi meeshaalee wallaansa ijaa qabatee buufata xiyyaara Boolee Idil Addunyaa qubate kunis, guyyoota 20 darban keessatti namoota 100 oliif wallaansa ijaa keenneera.

Oggeeyyiin wallaansa ijaa biyyoota 20 garaa garaa irraa walitti qabamani xiyyaara kanaan addunyaarra naanna'uun namoota qaroon isaanii miidhamee wallaanu.

Dr Omaan Salamaankaa oggeessa fayyaa biyya Kolombiyaa yoo ta'an, kan wallaansa kana qindeessaa jiraniidha.

Isaanis, ''Dhaabbanni keenya Orbiis jedhama. Wallaansa kan keenninuus hospitaala xiyyaara keessa jiruutti. Biyyoota irra deemuun wallansa ijaafi barnoota kenniina,'' jedhaniiru.

Dabalunis wallaansa xiyyaara keessaa kanaaniis moora ijaa, kan ratiinaa, gilaakomaafi wallaansa ijaa biraas ni kennina jedhaniiru.

hospiitala Xiyyaaraa Orbisitii namoota yaalaman

Obbo Daawiit Siyyuum, Itoophiyaatti daarektarri dhaabbata Orbis gama isaanitiin, oggeeyyiin fayyaa gara 60 ol ta'an garee oggeessootaa kanneen irraa muxxanoo qooddachuu BBC'tti himaniiru.

''Wallaansii baqaqsanii hodhuu ijaa akkasii baayyeen isaanii walxaxoodha. Salphaatti sadarkaa oggummaa biyya keenyaa keessatti kan hojjatamani miti. Yoo kan hojjataman ta'eellee kan akka xiyyaara kana keessatti kennamuutti qulqulluu hinta'u'' jedhaniiru.

Xiyyaarri hospitaala of keessatti qabate kunis tajaajila Itoophiyaa keessatti keennaa ture xumuruun Jimaata gara Kaataariitti akka imalu barameera.