Ajaa'iba: 'Paastariin' reenfa torbee lamaa nan kaasa jette adabamte

Madda suuraa, Social Media
Magaalaa Walanciitiitti daa'ima erga du'ee torbee lama tahe, ''akkan du'aa kaasuuf mul'ata argeera'' jechuun Paastariin awwaalcha qochisiifte, yakka burjaajessuun adabamuu ishee poolisiin BBCtti himeera.
Daa'ima karaa uumamaan du'e akka ka'uuf mul'ata argeera dubartiin jette, haadha mucaa fi dubartii biraa tokko dabalachuun awwaalcha qootanii reenfa baasuu isaanii, Inspeektarri Olaanaa aanaa Boosat Kaasanyi Damissee dubbataniiru.
''Dubartiin kun akka nama du'a dhagahii deemuu mana haadha mucaa deemuun 'Mucaan kee hin duune, akka du'arraa isa kaasu mul'ata argeera,''' jetti.
Lafa awwaalchaa deemtee kadhannaa gochuu akka barbaaaddus dubbatti. Haatis dhugaadha seetee wal qabatanii gara awwaalchaa deemani.
''Lafa awwaalchaa erga geesseen booda daa'ima qottee erga baasteen booda achuma teessi, jiraattoonni naannoo arganii poolisii waamani.
Nuti achi geenyee dubbicha erga sakattaaneen booda hawaasa qindeessinee reeffi akka awwaalamu taasifneerra,'' jechuun Inspeektarri Olaanaa Kaasanyi dubbatu.
Poolisiin dubbii kana hordofaa ture dubartiin kun mana murtiitti dhiyaattee balleessaa waan jedhamteef qarshii 2000 adabamteetti.
Dubartiin itti gaafatmummaa isheen mana amantaa keessatti maali jennee gaafannaan, ''seenaasheerraa akka hubannu yoo taheef dubartiin kun amantuu dhuma dha malee tajaajiltullee miti jedhan.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Gochi isheen raawwatte kun hawaasa naannicha akka dheekkamsiise fi lafa awwaalchaa kabaja kan dhorke dha jedhan Inspeektarichi.
Haati fi dubartiin biroo wajiin lafa awwaalchaa deemtes yakkaan shakkamani qabamanii haa turaniyyuu malee balleessaa akka hin taane erga barameen booda bilisaan gadhiifamaniiru.

Haatis jecha poolisiif kenniteen, ''paastarittiin akkuma nama du'a dhagahii dhufu dhufteeti mucaa kee nan kaasa jechuun, dura mana keessatti kadhannaa taasistee iddoo awwaalchaa deemnee reenfa baasne.'' ''Garaa haadhaa natti taheetin ishee amane.'' jetteetti.
Dubartiin paastarii fiddee dhufte abbaa mucaa waliin waajira tokko kan hojjetan tahuu Inspeektarichi himaniiru.












