Waraana Itoophiyaa: UN gargaarsa namoomaa Itoophiyaatiif dolaara miiliyoona 40 ramade

Itti-gaafatamaan Waajjirri Qindeessaan Gargaarsa Yeroo Atattamaa (OCHA) Maartiin Giriifiitis

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaatti dolaara miiliyoona 40 gargaarsa namoomaa atattamaan barbaachisu dhiyeessuuf oolu ramaduu isaa beeksise.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Itti-gaafatamaan Waajjira Qindeessaan Gargaarsa Yeroo Atattamaa (OCHA) Maartiin Giriifiitis Itoophiyaatti gargaarsa namoomaa lubbuu oolchuufi namoota nagaa eeguudhaaf fandii wiirtuu deebii yeroo attamaa irraa dolaara miliyoona 25 ramadaniiru.

Fandii gargaarsa namoomaa kanaan alattis dabalataa dolaarri miliyoona 15 kan ramadame yoo ta'u, walumaagalatti gargaarsa namoomaa Itoophiyaatti taasifamuuf dolaarri miiliyoonni 40 baasii akka taasifamu ibsameera.

Waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabamee gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'ate lammileen miiliyoonaan lakkaa'aman gargaarsa namoomaa akka eeggatan isaan dirqisiisuu isaas UN beeksiseera.

Akka dhaabbatichi jedhutti taanaan, lakkoofsi sababa lola Kaaba Itoophiyaa kanaatiin gargaarsi isaan barbaachisu miliyoona 7.1 qaqqabeera.

UN gargaarsa namoomaa dolaara miliyoona 40 ramaduu isaa yeroo ibsetti, gargaarsi namoomaa Kaaba Itoophiyaatti barbaachisu daran dabalaa dhufuun namoonni miliyoonaan lakkaa'aman jireenya gadadoo jiraachaa jiru jedheera.

Dhiyeenya Itoophiyaa daawwatanii kan turan Itti-gaafatamaan OCHA Maartiin Giriifiitis, "guutummaa biyyattii keessatti fedhiin dabalaa jira.

''Maallaqni kun ramadamuu isaatiin dhaabbileen gargaarsaa namoota saaxilamoo ta'aniif eegumsa akka taasisaniif, akkasumas gargaarsa akka qaqqabsiisaniif isaan gargaara," jedhaniiru.

Maallaqni UN ramade kun naannolee Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan namoota sababa walitti bu'insaarraa ka'een miidhamaniif eegumsaafi deeggarsa lubbuu baraaraa akka taasisaniif gargaara.

Fandiin UN kun yeroo lammiileen sababa waraanaatiin rakkoof saaxilamanitti dabalataan naannolee Oromiyaafi Somaalee keessatti lammileen sababa ongeen miidhaman gargaaruuf akka oolus eeramee jira.

Dhaabbileen gargaarsaa naannolee kanneen lamaanitti bobba'anii jiran bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuuf, dhibee sababa bishaaniin dhufan ittisuuf, akkasumas weerara koleeraa ittisuudhaaf ni hojjetu jedheera UN.

Kanarratti dabaluun, dhaabileen miti-mootummaa horsiise-bulaan horii isaa akka kunuunfatuuf gargaaru.

Fandiin dolaara miliyoona 25 Maartiin Giriifiitis ifa godhan kun, bara 2021 kana keessa fandii wiirtuu deebii yeroo atattamaa irraa Itoophiyaatiif baasii ta'e gara dolaara miliyoona 65'tti guddisa.

Hangi maallaqaa fandii namoomaa Itoophiyaatiin alarraa baasii ta'e ammoo dolaara miliyoona 80tti akka siqu UN beeksiseera.

Haata'u malee, carraaqqi gargaarsa namoomaa guutummaa Itoophiyaa keessatti taasifamu deeggaruudhaaf hanqina maallaqaa dolaara biliyoona 1.3 akka isa mudate UN ifa godheera.

Naannoo Tigraayitti ammoo gargaarsa namoomaa dhiyeessuudhaaf dolaarri miliyoona 350 ta'u dabalataan akka isa barbaachisu UN ibseera.