Soolan Gammachuu Koollii: Gaazexeessaan Itoophiyaa gabaasa waraana Tigraay irratti hojjeteen badhaafame

Madda suuraa, Solan Kolli
Gaazexeessaan lammii Itoophiyaa Soolan Gammachuu Koollii gabaasa waa'ee waraana Tigraayin hojjeteen badhaasa 'Rory Peck' biyya Ingiliiz irraa argate.
Gaazexeessaan firilaansara tahee hojjatu Soolan, badhaasa kana keessatti damee gabaasa oduun, ejensii oduu AFP'f hojjeteen badhaasa kana mo'ate.
Soolan badhaasicha qaamaan magaalaa Landan waltajjiirra argamee fudhachuu baatus, gama onlaayiniin hordofuun gammachuusaa ibsateera.
Badhaasni 'Rory Peck prize' bara 1995 irraa qabee yaadannoo gaazexeessaa Roorii Peek jedhamuufi magaalaa Moskootti ajjeefameen kan kennamu yoo tahu, gaazexeessitoota viidiyoo miidiyaa tokko keessatti hin daangeeffamneef (firilaans) beekamtii kennuuf hundaa'e.
Dargaggeessa ganna 32 kan tahe Soolan Koollii, gaazexeessitoota hedduu wajjiin dorgomuun badhaasa kana argachuunsaa isaaf carraa guddaa akka tahe BBCtti himeera.
''Miidiyaaleen gurguddaa addunyaa kanaa badhaasa kanarratti argamu. Kana malees maqaan badhaasa kanaa hanga ani lubbuun jirutti akka mata-dureetti na fayyada,'' jechuun hiika guddaa akka isaaf qabu himeera.
Gaazexeessaan kun badhaasa 'Rory Peck' kanaan geeba dabalatee, badhaasa maallaqaa paawundii Ingiliiz 1,000 argachuusaas himeera.
Abbootiin murtii badhaasichaaf isa filatan: ''Lolli Tigraay keessaa hanga barbaadamu xiyyeeffannoo argachuudhaa baatus, hojiin Soolan Koollii haala qabatamaa lafarra jiru agarsiisuu danda'eera,'' jedhan.

Madda suuraa, Solan Kolli
Gabaasni Soolan midhaasse maali?
Gabaasni Soolaniif badhaasa argamsiiseef waraana Tigraay Sadaasa bara dabre keessa dhalateen, ajjeechaa jumlaa Maay-Kaadiraatti mudate dabalatee, odeessaalee wal fakkaatan biroo midhaassuu isaatiin akka tahe Badhaasni Rory Peck himeera.
Soolan mata-duree ''The Cost of War'' jedhuun gabaasaalee walitti fufoo tahan dhimma ajjeechaa jumlaa Maay-Kaadiraatti dhalaterratti hojjeteera.
Soolan Kooliin fi gareen AFP waraanni Tigraay erga eegalamee ''miidiyaa walabaa isa jalqabaa Tigraay gahuun gabaasa hojjechuu danda'anidha.''
Wayita waraanni Tigraay keessaa bara dabre eegalametti, maloonni qunnamtii kanneen akka bilbilaafi intarneetiin adda citanii turan. Kanaanis keessattuu gaazexeessitoonni biyya alaa waa'ee lola kanaa gabaasuuf guddoo rakkatu turan.
''Waraana adeemaa jiru kallattiin gabaasuun danda'amuu baatus, Soolan taatee mudate booda: haala ture, bakka owwaalchaa waraabuun, akkasumas miidhamtootaafi kanneen lubbuun hafan dubbisuu danda'eera,'' jedha dhaabbanni badhaasa kanaa.
Soolan gamasaatiin: ''Erga mootummaan eeyyama nuu kenne booda, keessattuu ajjeechaa Maayi-Kaadiraatti raawwate gabaasneerra. Erga waraanni dhaabbatee erga tasgabbaa'ee booda, waanta gabaasneen badhaasa kana mo'adheera,'' jedha.
Soolan erga waraanni kaaba Itoophiyaatti dhalate marroo sadii deddeebi'uun, waa'ee waraanichaafi balaa namoomaa geessise gabaasaalee garagaraan qindeesseera.
Ergaa badhaasaan booda dabarse
''Ergaan ani dabarse namoota addunyaa kanarratti lolaan rakkoon adda addaa irra gahee jiruuf, badhaasa kana isaaniif akka yaadannoottin kaa'e,'' jechuun BBCtti himeera.
''Keessumaammoo bakka ani deeme waraanni kun daa'imman, haadholii fi abbootii irratti rakkoo guddaa geessise,'' kan jedhu gaazexeessaan kun, ''rakkoosaanii kana addunyaatti ibseefi badhaasa kanas isaaniif akka tahutti dabarsee kenne,'' ergaa jedhu dabarseera.
Dargaggoon kun dabaluun wayita hojiif gara kaaba biyyattiitti imalu ''waantota baay'ee nama gaddisiisan arge,'' jedha.
''Dhalli namaa akkuma salphaatti asiifi achitti gatamee gaafan argu, baay'ee miirrikoo itti miidhame. Namni fakkaattii Waaqayyoon uumame, akka waanta badaa tokkotti karaarratti gatamee gaafan argu baay'een miidhame.
Akkasumas ijoollee, abbaafi haadha dhaban booyicha isaanii gaafan argu hedduu na miidhe,'' jechuun miira isaa ibsa.
'Bakka ani deemeetti waanin arge, dhugaa jiru akka gaazexeessaa tokkotti gabaaseera. Kanammoo addunyaan argee; dhugaa kana dhadhabbii koos naa mirkaneesseera. Kanaaf addunyaas, namoota kanas galateeffadha,'' jedheera.














