Salamoon Serwaanjaa badhaasa Komlaa Dumor 2019 irra aane

Gaazexessaan lammii Yugaandaa Salamoon Serwaanjaa badhaasa Komlaa Dumor kan 'BBC World News' qophaa'ee kan bara kanaa irra-aane.
Gaazexessaan Serwaanjaa gabaasa qorannoo fi dubbisaa oduu ta'uunTV Yugaandaa NBT jedhamurra hojjata.
Kana malees gaazexxessaan kun gabaasawwan badhaasa mo'atan kan sagantaa 'BBC Africa Eye' jedhuuf haala seeraan ala gorchoonni itti gurguraman irratti gabaaseera.
Badhaasi kuni gaazexessaa BBC Komlaa Dumor bara 2014tti tasa umurii waggaa 41'tti lubbuunsaa darbee yaadachuuf kan qophaa'edha.
Serwaanjaan badhaasa kana mo'achuun gaazexxeessaa shanaffaa yoo ta'u, kunis Waahiigaa Mwaa'uraa, Amiinaa Yugudaa, Didii Akinyeluree fi hirriyaasaa kan Yugaandaa Naansii Kaachungiraatti aanuun.
Akkuma qaama badhaasichaattis gaazexessaan kun baatiiwwaniif waajjira mummee BBC kan Landaniitti dabarsuun odeessaalee gabaasuuf deebii'ee gara ardiittiitti ergama.
Gaazexeessaa Serwaanjaa baayyee kan beekamuufi fedhiin inni gabaasa qorannootiif qabu biyya isaa keessatti jijjirama akka taasisuu isaa gargaareera.
''Komlaan haala afriikaa irratti baayyee gabaasee ture. Innis gaazexessaa dhimmoota karaawwan adda addaatiin dhiyeessuu danda'u ture. Gabaasiwwan inni hojjate hundu na waliin jiru. Anis oggummaa kiyyaa Afrikaanoota tajaajilee maqaa isaa itti fufsiisuun barbaada,'' jedha Serwaanjaa.
Daarekitarri 'BBC World Service' Jaamii Angas akka jedheetti: ''Komlaa Durom yaadachuun gaazexessitoota Afriikaa muraasaaf beekamtii kennun nuuf baayyee barbaachisaadha,'' jedheera.
"Gabaasiwwan Komla dhaggeeffatoota keenya addunyaa guutuu biratti dhiibbaa olaanaa taasiseera. Nutis Serwaanjaa asi BBCtti arguuf baayyee gammanneera, kunis ardii afriikaa keessa socha'e odeessaalee gabaasuun hojii Komlaa itti fufiisuuf baayyee gargaara,'' jedheera.















