Badhaasa Komlaa Dumoor 2019: Gaazexeessaa cimaa hegeree Afrikaa barbaacha

BBC'n badhaasa Komlaa Dumoor bara 2019'tiif nama jabaa abdii hegeree gaazexxeessummaa Afriikaa ta'e barbaaduu eegalee jira.
Gaazexessitoonni ardii Afriikaa guutuu irraa badhasa dandeettii isaanii jajjabeessuu fi beeksisu kana irratti akka dorgoman afeeramanii jiru.
Dorgomaan badhaasicha kana moota'uus waajjira mummee BBC isa Landaniitti argamutti baatii sadiif turuun oggummaafi muxxannoo kan argatu ta'a.
Iyyanni badhaasa kanaas Bitooteessaa 26, 2019 sa'aatii 23:59 (GMT) irratti xumurama.
Badhaasi kun gaazexeessaa kabajamaafi dhiyeessaa oduu 'BBC World News' lammii Gaanaa kan tasa umurii 41tti bara 2014'tti du'e Kolmaa Dumoor yaadachuufiidha.
Badhaasni bara kanaas kan labsamu magaalaa guddittii Naayijeriyaa Leegoos irraayi.

Namni dorgomu oggeessa cimaa ardii Afriikaa keessa jiraatuu fi hojjatu, ogummaa gazexessummaa cimaa qabuu fi odeessaalee Afriikaa himuuf dandeettii addaa qabu yoo ta'u fuulduraaf gaazexeessaa jabaa ta'uuf feedhii fi dandeettii kan qabudha.
Yeroo isaanii waajjira BBC isa Landanitti dabarsuun alatti, mo'ataan badhaasichaa odeessaalee Afriikaa gabaasuuf ardii keessa ni imala.
Odeessi mo'ataan kun hojjatus kan guutuu ardittii fi akkasumas addunyaa gutuutti himamu ta'a.

Mo'attoota badhaasichaa kanaan duraa:
- 2015: Naansii Kaachungiraa Yugaandaa irraa
- 2016: Didii Akinyeluree Naayijeeriyaa irraa
- 2017: Aminaa Yugudaa Naayijeeriyaa irraa
- 2018: Waahiiggaa Mwaa'uraa Keeniyaa irraa

Gaazexessaan Keeniyaa Waahiigaa Mwaa'uraa badhaasa bara darbee kan mo'ate yoo ta'u, pirojektii isaa mummee waa'ee ''kalaqxootni dargaggoo gataa elektronikaa gara pirintara 3D fi robootiitti geedaranii'' Togoo irraa gabaasaa ture.
Waahiiggaa akka jedhuttis, yeroo hunda ''kaka'umsa itti Komlaan odeessaalee Afriikaa itti himaa ture dinqisiifata.''

Madda suuraa, Joshua Wanyama
"Fedhiin inni odeessaalee waa'ee Afriikaa geeddaruuf taasisees sababiiwwan ittiin dubbiftoota oduu addunyaa kanneen biroo caalaa itti adda bahuun mul'achu danda'eef keessa tokko" jedha.
''Hojiin muxanno BBC'tti hiriyyootaa fi waahiloota Komlaa waliin dabarsees akka waan hojjii gaarii Komlaa itti fufsiisuuf na gargaareetti natti dhagahama."
Waahiigga sirna baniinsa badhaasa bara 2019 irratti waltajjii marii 'BBC World Service' waa'ee gahee dargaggoonni Naayijeeriyaa filannoowwan fuulduraa keessatti qabaatan irratti gaggeefamu ogganuun qooda fudhata.
Labsamu badhaasichaatiin dursee haasaa Daarektarri Garee BBC World Service, Jeemii Angas taasisaniin:
"Jaarraa gaazexeessummaan al-logummaa fi dhuga qabeessi yeroo kamiyyuu caalaa barbaadamu kanatti, gaazexessitoota waa'ee odeessaalee Afriikaa beekan, kanneen hubataniifi dubbiftoota idil-addunyaatiif haala hiikaa kennuutti dhiyeessuudhaan waan ardii guutuutti ta'aa jiruu dhiyeessan barbaadna."
"Muxannoo gaarii Komlaa itti fufsiisuu keenyaan baayyee kan gammadnu yoo ta'u, amma gaazexeessaa oggummaa addaa qabu ardittii irraa argachuu barbaanna.''
- Iyyachuu fi Ulaagaa guutuu keessan hubachuuf, kana cuqaasaa
- hashtag #BBCKomlaAward fayyadamuun midiyaalee hawaasummaa irrattis ergaa kana dabarsu dandeessu.















