Komishiniin Mirga Namoomaa UN hidhaa dhalattoota Tigraayiin yaaddahuu hime

Madda suuraa, UN
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirga Namoomaa torban darbe keessa magaalaa Finfinnee, Baahirdaariifi Goondar dabalatee kutaalee biyyatti biroo keessattis dhalattootni Tigraay 1,000 ol ta'an to'atamaniiru jedhe.
Dubbii himtuun dhaabbatichaa Liz Throssell ibsa guyyaa Kibxataa baasaanii hidhaan torbanoota darbaniif itti fufe isaan yaaddessuu ibsaniiru.
Labsiin yeroo muddamaa Sadaasa darbe raggaasifame kan sakattaa'aafi hidhaa namoota qaamolee shororkeessoo jedhaman waliin hidhata qabaachuun shakkamanii kun akka hammaatu sababa ta'uu dhaabbatichi beeksiseera.
''Ta'iin kun kan nama rifaasisu kanneen qabamaa jiran dhalattoota Tigraay kan ta'aniifi TPLF deeggartu shakkii jedhuun ta'uu isaatii '' jedhan Liz Throssell.
Akka ragaaleen himanitti yoo xiqqaate namootni 1,000 ol ta'an torban dabarsine keessa qabamaniiru gariin lakkoofsi kun isaa ol ta'uu agarsiisuu jedhan dubbii himtuun kun.
Mootummaan Itoophiyaa magaalaa guddoo biyyattii dabalatee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti namootni qabamaa akka jiran hin haalle.
Haata'u malee namootni to'atamaa jiran qaamolee shororkeessoo jedhamanii paarlaamaan labsaman ''deeggaruun shakkaman fi lootee galtoota Juuntaa'' ta'uu irra deddeebiin hima.
Komishiniin mirga namoomaa UN qabinsi namoota hidhaman kanaa akkaan laafaa ta'uufi buufataalee Poolisii keessatti walitti heddummaatanii akka turan darbees ulaagaa mirga namoomaa idila addunyaa haala hin guutneen ta'uu ragaa qabaachuu ibseera.
Kanneen qabaman sababa itti qabamaniifi dhimmi isaanii mana murteetti kan hin dhiyaanne ta'uutti darbees qabinsa hin malle irra gahaa jiruun ''yaaddofneerra'' jedhan dubbii himtuun dhaabbatichaa.
Dhaabbatichi namootni hidhaman kun nageenyi isaanii akka eegamu, mirgi namoomaa isaanii guutummaan akka kabajamuufi adeemsa haqaa, haqa qabeessi akka kennamuuf gaafateera.
Hojjettoota UN lammiilee Itoophiyaa ta'an 16 amma dura hidhamanii turan keessaa 10 konkolaachiftoota 72 keessaa ammoo 34 ammallee hidhaa jiraachuus Liz Throssell ibsaniiru.
Kanneen ammallee hidhaa jiran kun atattamaan akka gadhiifaman yookiin ammoomanni murtii ykn qaamni walabaa sababa qabamaniif akka ilaalu gaafataniiru.
Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii torbee darbe miidiyaaleef ibsa yeroo kennan hojjettootni UN seera waan cabsaniif malee sabummaan yookan bakkii itti hojjetan UN waan ta'eef mitii jedhaniiru. Qoratamanii badii yoo irratti hin argamanii akkuma lammii Itoophiyaa kamuu ni gadhiifamu jedhaniiru.
Labsiin yeroo muddamaa kun sarbama mirga namoomaa labsiin kun bahuu durallee hammaataa ta'ee ture ittuu hammeessuu isaa labsicha keessa jechootni ''deeggarsa hamilee kallattiin hin taane'' jedhu fa'a qabaachuu eeruun ibseera dhaabbatichi.
Komishinarri mirga namoomaa UN labsiin yeroo muddamaa kun ''haala jiru tasgabbeessuu caala dhiyeessii deeggarsa namoomaa, sochii waldaalee hawaasaa fi quuqamtoota mirga namoomaa danquun walitti bu'iinsa ammaa caaluu uumuun rakkoo namoomaa Itoophiyaa akka hammeessu'' himanii turan.















