Itoophiyaan US akeekkachiifte, hiriirri mormii Imbaasii US fi UK fuuldura taasifame

Guyyaa Kamisaa Imbasii US fi UK magaalaa Finfinnee argamu fuuldura namoonni mormii gaggeessaniiru

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Kamisaa Imbasii US fi UK magaalaa Finfinnee argamu fuuldura namoonni mormii gaggeessaniiru

Mootummaan Ameerikaas ta'e Imbasiin biyyattii Finfinnee jiru haala nageenya Itoophiyaa jiru ilaalchisee ibsawwan baasan hanqina itti gaafatamummaa kan qabanidha jechuun mootummaan Itoophiyaa komate.

Gama kaaniin guyyaa har'aa magaalaa Finfinneetti imbaasii Ameerikaafi Ingilizii (Biriteen) fuuldura hiriirri mormii taasifameera.

Ergaan mormii kanaas mootummootni biyyoota lixaa dhimma Itoophiyaa keessa seenaniiru jechuuni.

Ministir Di'eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Hundeessaa ibsa gaafa Kamisaa kennaniiin akeekkachiisawwan gama Ameerikaan bahan maqaa biyyattii balleessuufi dippilomaatota irratti dhiibbaa uumuu kan kaayyeffatedha jedhaniiru.

Haaluma kanaanis mootummaan US ibsawwan ''itti gaafatama hin qabneefi qaanessaa'' irra deddeebbiin baasaa jiru jechuun Imbaasii Ameerikaa Finfinnee jiru akeekkachiiseera.

Torban sadii dura mootummaan Itoophiyaa labsii muddamaa labsuu hordofee keessuma dura aantummaan US lammileen ishii Itoophiyaa akka gadhiisanii bahan akeekkachisaa turte.

Ergasii biyyoonni kaanis waamicha walfakkaataa taasisaa jiru. Torban kana immoo Itoophiyaa keessa haleellaan shororkeessummaa raawwatuu mala jechuun lammiileen ishee akka of eeggatan akeekkachiifteetti.

Ameerikaan 'dhaabbileen dippilomatikii Itoophiyaa argaman, bakkeewwan turistii, buufata geejjibaa, gabaa, dhaabbilee warra Lixaa, bakkeewwan bashannanaafi kaan'' haleellaa shororokeessummaan irratti xiyyeeffatamuu mala jetteetti.

Ministir Di'eetaa Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessiaa

Madda suuraa, Government Communication Service/FB

Ibsa waa'ee suuraa, Ministir Di'eetaa Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessiaa

Ministir Di'eetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Obbo Kabbada Hundeessaa ibsa har'a kennaniin adeemsa Ameerikaa qeeqaniiru.

''Akeekkachiisawwan of eegannoon akka taasifamu jedhanii baasan kunneen dhugaarraa kan fagaataniifi Itoophiyaa shororkeessuun TPLF'fiif ammoo looguu gochuun kun waraanni ifa ta'e banamuu isaa ifa gochuu barbaadna,'' jedhan.

Kana gochuun dura ragaafi agarsiiftuun jiraachuu qaba ture jechuun qondaalli Itoophiyaa kuni qeeqaniiru.

Hogganaan Biiroo Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Dr Qana'aa Yaadataas magaalaa Finfinnee keessatti yaaddoon nageenyaa ragaan deeggarame hin jiru jechuun gaafa Kamisaa miidiyaaleef himaniiru.

Obbo Kabbadaan ibsi Ameerikaa lammiilee Itoophiyaa ''sodaachisuu, hawaasi addunyaa ammoo Itoophiyaan nagaa hin qabdu jechuudhaan abbootiin qabeenyaa, tursitoonni akka gara Itoophiyaa hin dhufne gochuudhaaf,'' jechuun himatan.

Akkasumas ''maqaa gaarii Itoophiyaa balleessuudhaaf ibsa kaayyeffate akka ta'e beeksisuu barbaadna,'' jedhaniiru.

Obbo Kabbadaan Itoophiyaaf Ameerikaan kana dura shororkeessummaa ittisuuf waliin dalagaa akka turan eeruun osoomallee yaaddoon akkanaa jiraate mootummaafi qaamoleen lamaan odeeffannoo wal jijjiiruun of eeggannoon taasifamuu danda'a ture jedhaniiru.

Amma Ameerikaan badiin shororkeessummaa ni raawwata jechuun akeekkachiisni kennite seerota dippilomasiifi muuxannoowwan turan kan cabsedha jedhaniiru.

Sababa kanaanis, mootummaan Ameerikaas ta'e Imbaasiin biyyattii Finfinnee jiru ''ibsa itti gaafatamummaa hin qabne akkanaarraa akka of eegan,'' akeekkachiisaniiru.

Dabalataan, ''karaa adda addaan garee shororkeessaa deeggaraa turanii badiin shororkeessummaa ni uumama jedhanii ibsa baasuun waan hin fakkaanneefi birmadummaa Itoophiyaa kan miidhudha,'' jechuun akeekkachiisaniiru.

Ameerikaan himannaa qondaaltonni Itoophiyaa TPLF'f loogde jedhan ni balaaleeffatti. Mormii qondaalli Itoophiyaa kennan irratti gaa Ameerikaa deebiin kenname hin jiru.

Waraanni Kaaba biyyattiitti waggaa dura yeroo haleellaan buufata raayyaa ittisaa kan kaaba biyyattiitti buufatee turerratti raawwateen hordofee eegalee ammallee xumura hin arganne.

Inumaa Waxabajjii waggaa darbe eegalee gara naannoo ollaatti ce'eera. Ammatti naannolee sadiitti lammiileen miiliyoona 7 ta'an deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu.

Lammiileen kuma 400 ta'an immoo Tigraay keessatti haala beela fakkaatu keessa jiru jedheera Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN).

Dhukaasni dhaabatee waraanni mariin akka xumura argatu sochiin taasifamaa ture ammatti hin milkoofne.